Asteer 7:1-10

  • Asteer Haamaaniin saaxilte (1-6a)

  • Haamaan jirma qopheesse irratti fannifame (6b-10)

7  Kanaafuu, mootichii fi Haamaan+ gara affeerraa Asteer Mootittiin qopheessite sanaa dhaqan.  Mootichi guyyaa lammaffaatti affeerraa daadhii wayinii irratti ammas Asteeriin, “Yaa Asteer Mootitti, wanti ati kadhattu maali dha? Siif ni kennama. Gaaffiin kee hoo maali dha? Walakkaa mootummaa kootii yoo taʼe illee siif ni godhama!”+ jedhe.  Asteer Mootittiinis akkana jettee deebiste: “Yaa mootii, ani si biratti fudhatama argadheera yoon taʼee fi kun mooticha kan gammachiisu yoo taʼe, akkuma kadhannaa kootti lubbuu koo, akkuma gaaffii koottis saba koo+ naaf oolchi.  Sababiin isaas anii fi sabni koo dhumaatiidhaaf, ajjeefamuu fi barbadeeffamuuf gurguramneerra.+ Garboota dhiiraa fi garboota dubartii taʼuudhaaf qofa gurguramne utuu taʼee nan callisan ture. Haa taʼu malee, badiisni kun mooticha irrattis miidhaa waan geessisuuf, callifamee ilaalamuu hin qabu.”  Yeroo kanatti Ahaashweros Mootichi Asteer Mootittiidhaan, “Namni kun eenyu? Namichi wanta akkanaa gochuuf onnate eessa jira?” jedhe.  Asteeris, “Hamajaajii fi diinni kun Haamaan isa namicha hamaa taʼe kana dha” jette. Haamaanis mootichaa fi mootittii duratti ni hollate.  Mootichi aariidhaan affeerraa daadhii wayinii sana irraa kaʼee gara iddoo biqiltuu mana mootummaa dhaqe; Haamaan garuu mootichi isa adabuuf akka murteesse waan hubateef, Asteer Mootittiin lubbuu isaa akka isaaf oolchitu kadhachuuf kaʼee dhaabbate.  Mootichi iddoo biqiltuu mana mootummaa sana irraa gara mana affeerraan daadhii wayinii itti qophaaʼetti yommuu deebiʼu, Haamaan siree Asteer Mootittiin irra jirtu irratti gombifamee arge. Mootichis, “Inni manuma koo keessatti mootittii gudeeduus ni barbaadaa?” jedhee iyye. Akkuma dubbiin kun afaan mootichaa keessaa baʼeenis fuula Haamaan ni haguugan.  Yeroo kanatti abbootii taayitaa mana mootummaa mootichaa keessaa tokko kan taʼe Harboonaan,+ “Haamaan Mordekaay+ isa wanta lubbuu mootichaa oolche+ dubbate sanaafis jirma inni irratti fannifamu qopheesseera. Jirmichi dhundhuma 50* kan dheeratu yeroo taʼu, mana Haamaan bira dhaabamee jira” jedhe. Yeroo kanatti mootichi, “Achi irratti isa fannisaa” jedhe. 10  Kanaafuu, isaan jirma inni Mordekaayiif qopheesse irratti Haamaaniin ni fannisan; aariin mootichaas ni qabbanaaʼe.

Miiljaleewwan

Gara 22.3 m. Kutaa Dabalataa B14 ilaali.