Asteer 9:1-32

  • Injifannoo Yihudoonni argatan (1-19)

  • Ayyaanni Puuriim ni hundeeffame (20-32)

9  Jiʼa Adaar,*+ jechuunis jiʼa 12ffaa keessaa guyyaa 13ffaatti, yommuu dubbiin mootichaa fi seerri isaa hojii irra oolfamuuf jedhutti,+ guyyaa diinonni Yihudootaa akka isaan moʼan abdatanii turanitti, wanti kana irraa faallaa taʼe ni raawwatame; Yihudoonni warra isaan jibban ni moʼan.+  Yihudoonni warra isaan miidhuu barbaadaniin loluuf magaalota isaanii warra koonyaawwan Ahaashweros+ Mootichaa hundumaa keessatti argaman keessatti walitti qabaman; saboonni hundi waan isaan sodaataniif namni tokko illee isaan dura dhaabbachuu hin dandeenye.+  Isaan Mordekaayiin waan sodaataniif, bulchitoonni koonyaawwanii, abbootiin taayitaa,+ bulchitoonnii fi warri hojii mootichaa toʼatan hundi Yihudoota deggeraa turan.  Mordekaay mana mootichaa keessatti caalaatti jabaachaa deeme;+ inni aangoon isaa ittuma dabalaa waan deemeef beekamummaan isaa guutummaa koonyaawwanii keessatti ni babalʼate.  Yihudoonni diinota isaanii hundumaa goraadeedhaan ni rukutan, isaan ni ajjeesan, akkasumas ni barbadeessan; warra isaan jibban irrattis wanta barbaadan ni raawwatan.+  Yihudoonni dahoo* Shushaan*+ keessatti namoota 500 ni ajjeesan, akkasumas ni barbadeessan.  Kana malees isaan, Paarshaandaataa, Daalfoon, Asfaataa,  Poraataa, Adaaliyaa, Ariidaataa,  Paaraamaashtaa, Arisaay, Ariidaayii fi Waayizaataa, 10  jechuunis ilmaan Haamaan ilma Hamedaataa isa diina Yihudootaa+ taʼe sanaa kurnan ni ajjeesan. Erga isaan ajjeesanii booda garuu, boojuu tokko illee hin fudhanne.+ 11  Guyyaa sanatti lakkoofsi namoota dahoo* Shushaan* keessatti ajjeefamanii mootichatti ni himame. 12  Mootichi Asteer Mootittiidhaan, “Yihudoonni dahoo* Shushaan* keessatti namoota 500 fi ilmaan Haamaan kurnan ajjeesaniiru, akkasumas barbadeessaniiru. Koonyaawwan mootichaa warra hafan keessatti hoo maal godhaniiru?+ Amma wanti ati kadhattu maali dha? Siif ni kennama. Wanti dabalataa akka siif godhamu barbaaddu hoo maali dha? Siif ni godhama” jedhe. 13  Asteeris deebistee, “Kun mooticha kan gammachiisu yoo taʼe,+ Yihudoonni Shushaan* keessa jiran seera harʼa hojii irra oolchan borus akka hojii irra oolchan isaaniif haa heyyamamu;+ ilmaan Haamaan kurnanis jirma irratti haa fannifaman”+ jette. 14  Kanaafuu, mootichi wanti kun akka raawwatamu ajaja kenne. Achiis Shushaan* keessatti seerri ni baʼe; ilmaan Haamaan kurnanis ni fannifaman. 15  Yihudoonni Shushaan* keessa jiraatan jiʼa Adaar+ keessaa guyyaa 14ffaatti ammas walitti qabamanii Shushaan* keessatti namoota 300 ajjeesan; taʼus boojuu tokko illee hin fudhanne. 16  Yihudoonni koonyaawwan mootichaa keessa jiran kaanis walitti qabamanii of irraa isaan ittisan.*+ Warra isaan jibban keessaa namoota 75,000 ajjeesuudhaan diinota isaanii haxaaʼanii balleessan;+ taʼus boojuu tokko illee hin fudhanne. 17  Kunis kan taʼe, jiʼa Adaar keessaa guyyaa 13ffaatti yommuu taʼu, isaanis guyyaa 14ffaatti ni boqotan; guyyichas guyyaa affeerraa fi guyyaa gammachuu ni godhatan. 18  Yihudoonni Shushaan* keessa jiraatan guyyaa 13ffaattii+ fi guyyaa 14ffaatti+ walitti qabaman; achiis guyyaa 15ffaatti ni boqotan; guyyichas guyyaa affeerraa fi guyyaa gammachuu ni godhatan. 19  Yihudoonni baadiyyaa warri magaalota kan biroo keessa jiraatan, jiʼa Adaar keessaa guyyaa 14ffaa guyyaa gammachuu fi guyyaa affeerraa, guyyaa ayyaanaa+ fi yeroo nyaata itti waliif ergan+ kan godhatan kanaaf ture. 20  Mordekaayis+ wantoota raawwataman kana barreessee Yihudoota koonyaawwan Ahaashweros Mootichaa hunda keessa jiraatan warra dhihoo fi fagootti argaman hundumaatiif xalayaawwan ni erge. 21  Inni jiʼa Adaar keessaa guyyaa 14ffaa fi guyyaa 15ffaa waggaa waggaadhaan akka kabajan isaan ajaje; 22  kunis kan taʼe, guyyoota sanatti Yihudoonni diinota isaanii irraa boqonnaa waan argataniif, akkasumas jiʼa sanatti gaddi isaanii+ gammachuutti, booʼichi isaaniis guyyaa ayyaanaatti waan jijjiirameef ture. Isaanis guyyoota kana guyyoota affeerraa fi guyyoota gammachuu, akkasumas yeroo nyaata itti waliif erganii fi hiyyeeyyiidhaaf kennaa itti kennan godhanii kabajuu qabu turan. 23  Yihudoonnis ayyaana ayyaaneffachuu jalqaban sana itti fufuuf, akkasumas wanta Mordekaay isaaniif barreesse hojii irra oolchuuf walii galan. 24  Kanas kan godhan, Haamaan+ ilmi Hamedaataa Agaagichi+ inni diina Yihudoota hundumaa taʼe, Yihudoota balleessuuf mala qopheessee waan tureef,+ akkasumas isaan naasisuu fi isaan balleessuuf Puur, jechuunis Carraa buusee waan tureefi.+ 25  Haa taʼu malee, yommuu Asteer mooticha duratti dhihaattu, mootichi ajaja barreeffamaa,+ “Malli inni hamminaan Yihudoota irratti qopheesse+ kun mataa isaa irratti haa deebiʼu” jedhu kenne; isaanis isaa fi ilmaan isaa jirma irratti fannisan.+ 26  Isaan maqaa Puur*+ jedhu irraa kaʼuudhaan guyyoota kana Puuriim jedhanii kan moggaasan kanaafi. Kanaafuu, wantoota xalayaa kana irratti barreeffaman hundumaatiin kan kaʼe, akkasumas dhimma kana ilaalchisee wanta argan irraan kan kaʼee fi wanta isaan irra gaʼe irraan kan kaʼe, 27  Yihudoonni waggaa waggaadhaan yeroo murteeffametti guyyoota lamaan kana kabajuu fi wanta guyyoota kana ilaalchisee barreeffame raawwachuuf ofii isaanii, sanyiiwwan isaanii fi warra isaan deggeran hundumaa dirqama keessa galchan.+ 28  Guyyoonni kun dhaloota hundumaa keessatti maatii hundumaa, koonyaa hundumaa fi magaalaa hundumaa biratti yaadatamuu fi kabajamuu qabu; Yihudoonni guyyoota Puuriim kana kabajuu dhiisuu hin qaban; yaadannoon isaaniis sanyiiwwan isaanii gidduudhaa baduu hin qabu. 29  Achiis Asteer Mootittiin intalli Abihaayilii fi Mordekaay Yihudichi xalayaa isa lammaffaa Puuriimiin ilaalchisee barreeffame sana aangoo guutuudhaan raggaasisan. 30  Innis xalayaawwan jechoota nagaa fi dhugaa taʼaniin barreeffaman kana Yihudoota koonyaawwan 127+ warra bulchiinsa Ahaashweros+ taʼan keessatti argaman hundumaatiif ni erge. 31  Xalayaawwan kunis kan ergaman, akkuma Mordekaay Yihudichii fi Asteer Mootittiin isaan ajajanitti,+ akkasumas akkuma Yihudoonni soomuu+ fi wawwaannaa dhiheessuu+ dabalatee wantoota kana raawwachuuf ofii isaaniis taʼe sanyiiwwan isaanii dirqama keessa galchanitti,+ guyyoonni Puuriim yeroo isaaniif murteeffametti akka kabajaman raggaasisuuf ture. 32  Ajajni Asteer kennite dhimmawwan Puuriimiin+ ilaallatan kana ni raggaasise; kunis kitaaba keessatti ni galmeeffame.

Miiljaleewwan

Ykn., “mana mootummaa.”
Ykn., “Susaa.”
Ykn., “mana mootummaa.”
Ykn., “Susaa.”
Ykn., “mana mootummaa.”
Ykn., “Susaa.”
Ykn., “Susaa.”
Ykn., “Susaa.”
Ykn., “Susaa.”
Ykn., “Susaa.”
Ykn., “lubbuu isaaniitiif ni dhaabbatan.”
Ykn., “Susaa.”
“Puur” jechuun “Carraa” jechuu dha. Maqaan heddummina argisiisuu fi “Puuriim” jedhu, yeroo booda ayyaana Yihudootaa akka lakkoofsa guyyaa isa qulqulluutti jiʼa 12ffaatti kabajamu argisiisuuf itti hojjetamuu jalqabe. Kutaa Dabalataa B15 ilaali.