Ermiyaas 10:1-25

  • Waaqolii sabootaa fi Waaqa jiraataa (1-16)

  • Badiisa guddaa fi boojuu dhiheenyatti dhufu (17, 18)

  • Ermiyaas ni gadde (19-22)

  • Kadhannaa raajichi dhiheesse (23-25)

    • Namni tarkaanfii ofii isaa qajeelchuu hin dandaʼu (23)

10  Yaa mana Israaʼel, dubbii Yihowaan isin irratti dubbate dhagaʼaa.  Yihowaan akkana jedha: “Daandii sabootaa hin baratinaa,+Saboonni waan isaan sodaataniif,Mallattoowwan samiitiin kan kaʼe hin sodaatinaa.+   Sababiin isaas, barsiifanni sabootaa abjuu* dha. Namni ogummaa harkaa qabu bosona keessaa muka mureeMeeshaa* isaatiin waaqa tolfamaa godhee isa tolcha.+   Isaan meetii fi warqiidhaan isa miidhagsu,+Akka hin kufneefis burruusaa fi mismaaraan isa rukutu.+   Isaan akkuma wanta nama fakkaatuu fi sossodaachisuuf maasii buqqee dheedhii nyaatamu keessa dhaabamuutti dubbachuu hin dandaʼan;+Isaan deemuu waan hin dandeenyeef baatamuu qabu.+ Miidhaa geessisuus taʼeWanta gaarii akkamii iyyuu gochuu waan hin dandeenyeef,+ isaan hin sodaatinaa.”   Yaa Yihowaa, kan akka keetii hin jiru.+ Ati guddaa dha, maqaan kees guddaa fi jabaa dha.   Yaa Mootii sabootaa,+ kan si hin sodaanne eenyu? Ati sodaatamuu qabda;Sababiin isaas, ogeeyyii sabootaa hundumaa gidduudhaa, mootummoota isaanii hundumaa gidduudhaas,Kan akka keetii tokko illee hin jiru.+   Hundi isaanii hubannaa kan hin qabnee fi gowwoota dha.+ Barumsi muka irraa argamu abjuu* qofa dha.+   Saaniiwwan meetii Tarshiish+ irraa, warqiinis Uufaaz irraa ni fidama,Isaan hojii ogeessa harkaa, hojii namni sibiila tumu tolchu dha. Uffanni isaanii foʼaa bifa cuquliisaa fi suufii bifa dhiilgee ti. Hundi isaanii namoota dandeettii qabaniin kan tolfamani dha. 10  Yihowaan garuu dhugumaan Waaqa dha. Inni Waaqa jiraataa+ fi Mootii bara baraa ti.+ Dheekkamsa isaatiin kan kaʼe lafti ni kirkirti,+Sabni balaaleffannaa isaa dura dhaabbatus hin jiraatu. 11  * Akkana isaaniin jedhaa: “Waaqoliin warri samiiwwanii fi lafa hin tolchine,Lafa irraa, samiiwwan kana jalaas ni badu.”+ 12  Inni isa humna isaatiin lafa tolche,Isa ogummaa isaatiin dachee oomisha kennitu hundeessee+ fiHubannaa isaatiin samiiwwan diriirse dha.+ 13  Sagalee isaa yommuu dhageessisu,Bishaanonni samiiwwan keessa jiran ni jeeqamu,+Inni duumessoonni* andaara lafaatii akka ol baʼan ni godha.+ Bokkaadhaaf bakakkaa* ni qopheessa,Manneen kuusaa isaa keessaas bubbee ni baasa.+ 14  Namni hundi hubannaa fi beekumsa hin qabu. Namni sibiila tumu hundi fakkii bocameen kan kaʼe ni qaanaʼa;+Sababiin isaas, fakkiin isaa inni sibiila irraa tolfame* soba dha,Hafuurris fakkiiwwan kana keessa hin jiru.+ 15  Isaan abjuu* fi hojii itti qoosamu dha.+ Guyyaan itti qorataman yommuu dhufu ni badu. 16  Qoodni Yaaqoob akka wantoota kanaa miti,Sababiin isaas, inni isa wanta hundumaa tolche dha,Israaʼelis ulee dhaala isaa ti.+ Maqaan isaa Yihowaa Gooftaa Raayyaa ti.+ 17  Yaa dubartii marfamtee jirtu nana,Miʼa kee lafa irraa walitti qabadhu. 18  Yihowaan akkana jedha: “Kunoo, ani yeroo kanatti jiraattota sana biyyattii keessaa nan darbadha,*+Akka dhiphatanis nan godha.” 19  Caba kootiin kan kaʼe anaaf wayyoo!+ Madaan koo kan hin fayyine dha. Akkana nan jedhe: “Dhugumaan dhukkubni koo kana dha, anis dandaʼuun qaba. 20  Dunkaanni koo diigameera, funyoowwan dunkaanaa koo hundis ciccitaniiru.+ Ilmaan koo na dhiisaniiru, hin jiranis.+ Namni dunkaana koo diriirsuuf yookiin huccuuwwan dunkaanaa koo ol kaasuuf hafe tokko illee hin jiru. 21  Sababiin isaas, tiksitoonni hubannaa hin qaban,+Yihowaas hin gaafanne.+ Isaan hubannaadhaan tarkaanfii kan hin fudhanne kanaafi,Bushaayeewwan isaanii hundis bittinnaaʼaniiru.”+ 22  Dhagaʼaa! Oduun tokko dhufaa jira! Magaalota Yihudaa onsuuf, holqa sardiidotaa gochuufis,+Wacni guddaan tokko biyya kaabaa irraa dhufaa jira.+ 23  Yaa Yihowaa, daandiin namaa aangoo isaa jala akka hin jirre akka gaariitti nan beeka. Yommuu deemus ofii isaatiin tarkaanfii isaa illee qajeelchuu hin dandaʼu.+ 24  Yaa Yihowaa, haqaan na sirreessi,Garuu guutummaatti akka na hin balleessineef,+ dheekkamsa keetiin hin taʼin.+ 25  Saboota si hin beekne irratti,Maatiiwwan maqaa kee hin waammanne irrattis dheekkamsa kee dhangalaasi.+ Sababiin isaas, isaan Yaaqoobiin nyaataniiru,+Eeyyee, hamma guutummaatti isa balleessanitti isa nyaataniiru,+Biyya isaas onsaniiru.+

Miiljaleewwan

Ykn., “gatii kan hin qabne.”
Ykn., “Gajaraa.”
Ykn., “gatii kan hin qabne.”
Lakk. 11 jalqaba irratti Afaan Aaraamiin barreeffame.
Ykn tarii, “boʼoowwan.”
Ykn., “hurkawwan.”
Ykn., “siidaan isaa inni baqfamee tolfame.”
Ykn., “gatii kan hin qabnee.”
Ykn., “nan furrisa.”