Ermiyaas 11:1-23

  • Yihudaan kakuu Waaqaa wajjin galte cabsite (1-17)

    • “Waaqoliin kee akkuma magaalota keetii hedduu taʼaniiru” (13)

  • Ermiyaas akkuma xobbaallaa hoolaa qalamuuf jedhuu taʼe (18-20)

  • Namoonni magaalaa isaa Ermiyaasiin morman (21-23)

11  Dubbiin Yihowaa biraa gara Ermiyaas dhufe isa kana:  “Yaa namoota nana, dubbii kakuu kana dhagaʼaa! “Atis* dubbicha namoota Yihudaa fi jiraattota Yerusaalemitti dubbadhu;  akkana isaaniin jedhi: ‘Yihowaan Waaqni Israaʼel akkana jedha: “Namni dubbii kakuu kanaaf hin ajajamne abaaramaa dha;+  kunis dubbii ani guyyaan biyya Gibxii keessaa,+ jechuunis iddoo ibiddaa sibiila itti baqsan keessaa isaan baasetti+ akkana jedhee abbootii keessan ajaje dha: ‘Sagalee kootiif ajajamaa; wantan isin ajaju hundumaa raawwadhaa; isin saba koo ni taatu, anis Waaqa keessan nan taʼa;+  kunis akkuma harʼa taʼetti kakaa isan biyya aannanii fi damma maddisiistu abbootii keessaniif kennuuf kakadhe akkan raawwadhuufi.’”’”+ Anis “Ameen,* yaa Yihowaa” jedheen deebise.  Achiis Yihowaan akkana naan jedhe: “Magaalota Yihudaa keessattii fi daandiiwwan Yerusaalem irratti dubbii kana hundumaa labsi: ‘Dubbii kakuu kana dhagaʼaa, raawwadhaas.  Guyyaan biyya Gibxii keessaa isaan baase irraa jalqabee hamma harʼaatti irra deddeebiʼee,* “Sagalee kootiif ajajamaa” jedhee abbootii keessan cimsee akeekkachiiseera.+  Isaan garuu hin dhageenye yookiin gurra isaanii natti hin qabne; kanaa mannaa, tokkoon tokkoon isaanii didaa taʼuudhaan garaa isaanii isa hamaa duukaa buʼuu isaanii itti fufan.+ Kanaafuu, dubbii kakuu isan akka raawwatan isaan ajajee fi isaan raawwachuu didan kana hundumaa isaan irratti nan fide.’”  Achiis Yihowaan akkana naan jedhe: “Namoota Yihudaa fi jiraattota Yerusaalem gidduutti dabni qopheeffame tokko jira. 10  Isaan gara balleessaa abbootii isaanii warra durii, warra dubbii kootiif ajajamuu didan sanaatti deebiʼaniiru.+ Isaanis waaqolii kan biroo duukaa buʼanii isaan tajaajilan.+ Manni Israaʼelii fi manni Yihudaa kakuu koo isan abbootii isaanii wajjin gale ni cabsan.+ 11  Kanaafuu, Yihowaan akkana jedha: ‘Kunoo, ani badiisa isaan jalaa ooluu hin dandeenye isaanitti nan fida.+ Gargaarsa argachuuf yommuu na waammatan, ani isaan hin dhagaʼu.+ 12  Magaalonni Yihudaa fi jiraattonni Yerusaalem gara waaqolii aarsaawwan* dhiheessaafii jiranitti deemanii gargaarsaaf isaanitti ni iyyatu;+ haa taʼu malee, yeroo badiisni isaan irra gaʼu waaqoliin kun matumaa isaan oolchuu hin dandaʼan. 13  Yaa Yihudaa, waaqoliin kee akkuma magaalota keetii hedduu taʼaniiru; isin wanta* nama qaanessuuf, jechuunis Baʼaaliif aarsaa dhiheessuuf iddoowwan aarsaa akkuma daandiiwwan Yerusaalem keessa jiraniitti hedduu taʼan dhaabdaniittu.’+ 14  “Ati* garuu saba kanaaf hin kadhatin. Ani badiisa isaan irra gaʼuun kan kaʼe yommuu na waammatan waanan hin dhageenyeef, isaaniif jettee gara kootti hin iyyin yookiin isaaniif hin kadhatin.+ 15  Namoonni hedduun yaada hamminaa isaanii utuma raawwataniiSabni ani jaalladhu kun mana koo keessa taʼuuf mirga maalii qaba? Isaan foon qulqulluu* dhiheessuudhaan badiisa si irratti dhufu hambisuu dandaʼuu? Ati yeroo sanatti ni gammaddaa? 16  Yeroo tokko Yihowaan muka ejersaa* lalisaa,Firii gaariidhaan miidhage jedhee si waamee ture. Inni sagalee guddaadhaan ibiddaan ishii ni gube,Isaanis dameewwan ishii ni caccabsan. 17  “Yihowaan Gooftaan Raayyaa inni si dhaabe+ hammina mana Israaʼelii fi mana Yihudaa warra Baʼaaliif aarsaa dhiheessuudhaan na dheekkamsiisaniin kan kaʼe badiisni akka sitti dhufu dubbateera.”+ 18  Akkan beekuuf Yihowaan natti himeera;Yeroo sanatti ati wanta isaan gochaa turan akkan argu ni goote. 19  Ani akkuma xobbaallaa hoolaa garraamii qalmaaf geeffamaa jirtuu nan taʼe. Isaan akkana jedhanii na irratti daba qopheessaa akka turan hin beekne:+ “Kottaa, mukicha firii isaa wajjin haa balleessinu,Kana booda maqaan isaa akka hin yaadatamneef,Biyya warra jiraatoo keessaa isa haa murru.” 20  Yihowaan Gooftaan Raayyaa garuu qajeelummaadhaan murtii kenna;Inni yaada keessa namaa jiruu* fi garaa namaa ni qora.+ Dhimma seeraa koo sitti waanan kennadheef,Haaloo isaan irratti baatu natti argisiisi. 21  Kanaafuu, Yihowaan namoota Anaatot+ warra lubbuu kee balleessuu barbaadanii* fi “Maqaa Yihowaatiin raajii hin dubbatin;+ taʼuu baannaan garuu, harka keenya irratti duuta” siin jedhan ilaalchisee akkana jedha; 22  kanaafuu, Yihowaan Gooftaan Raayyaa akkana jedha: “Kunoo, ani isaan adabuufan jedha. Dargaggoonni goraadeedhaan, ijoolleen dhiiraa fi ijoolleen durbaa isaaniis beelaan ni dhumu.+ 23  Bara isaan adabamanitti ani namoota Anaatot+ irratti badiisa waanan fiduuf, isaan keessaa namni tokko illee hin hafu.”

Miiljaleewwan

Ermiyaasiin kan argisiisu taʼuu hin oolu.
Ykn., “Haa taʼu.”
Kal., “bariidhaan kaʼee.”
Ykn., “aarsaa aarfamu.”
Ykn., “waaqa.”
Jechuunis, Ermiyaas.
Jechuunis, aarsaawwan mana qulqullummaa keessatti dhihaatan.
Akaakuun muka ejersaa Kitaaba Qulqulluu keessatti ibsame firii ejersaa zayitiin irraa argamu kan godhatu dha.
Ykn., “miira namaa isa gad fagoo.” Kal., “kalee.”
Ykn., “lubbuu kee barbaadanii.”