Ermiyaas 12:1-17

  • Komii Ermiyaas dhiheesse (1-4)

  • Deebii Yihowaa (5-17)

12  Yaa Yihowaa, yommuun komii koo sitti dhiheeffadhu,Yommuun waaʼee dhimma haqaa sitti dubbadhu ati qajeelaa dha.+ Garuu daandiin hamootaa milkaaʼina kan argatu,+Gantoonnis yaaddoo malee kan jiraatan maaliifi?   Ati isaan ni dhaabde, isaaniis hidda godhatan. Guddataniis firii godhatan. Isaan yeroo hunda waaʼee kee ni dubbatu, yaanni keessa isaanii jiru* garuu si irraa fagoo dha.+   Yaa Yihowaa, ati garuu akka gaariitti na beekta,+ na argitas;Ati garaa koo qortee sii wajjin tokkummaa akka qabu hubatteetta.+ Akkuma hoolota qalamuuf jedhaniitti kophaatti isaan baasi,Guyyaa ajjeechaatiifis adda isaan baasi.   Biyyattiin kan coolligdu,Biqiltuun dirree hundumaa keessa jirus kan gogu hamma yoomiitti?+ Hammina namoota ishii keessa jiraataniitiin kan kaʼeBineensonnii fi simbirroonni haxaaʼamanii balleeffamaniiru. Sababiin isaas isaan, “Inni wanta nu irra gaʼu hin argu” jedhaniiru.   Ati namoota lafoo wajjin fiigdee yoo dadhabde,Abbootii fardeenii wajjin akkamitti dorgomuu dandeessa?+ Biyya nagaa keessatti tasgabbiin sitti dhagaʼama taʼa,Garuu tusii gobbuu Yordaanos qarqaratti argamu keessatti akkam taata?   Sababiin isaas, obboloonni kee, warri maatii abbaa keetii taʼan illee Si gananiiru.+ Isaan sagalee ol kaasanii sitti iyyaniiru. Wanta gaarii yoo sitti dubbatan illee,Isaan hin amanin.   “Ani mana koo dhiiseera;+ dhaala koo gatee deemeera.+ Ishiin baayʼee jaalladhu* sana harka diinota ishiitti dabarsee kenneera.+   Dhaalli koo akkuma leenca bosona keessa jiruu natti taate. Na irratti baroodde. Kanaafuu, ishii nan jibbe.   Dhaalli koo anaaf akkuma allaattii adamsitee nyaattuu fi halluu adda addaa* qabduu ti;Allaattiiwwan adamsanii nyaatan kaan itti marsanii ishii miidhu.+ Isin bineensonni hundi kottaa walitti qabamaa,Kottaatii nyaadhaa.+ 10  Tiksitoonni hedduun maasii wayinii koo balleessaniiru;+Lafa gaʼee koo taʼe dhidhiitaniiru.+ Lafa gaʼee kootii isa bareedu gara lafa onaatti jijjiiraniiru. 11  Inni gammoojjii taʼeera. Akkasumas coolligeera;*Na duratti ona taʼeera.+ Guutummaan biyyattii ona taateetti,Garuu namni tokko illee kana hin hubanne.+ 12  Goraadeen Yihowaa andaara biyyattii isa tokko irraa hamma isa kan biraatti nyaachaa waan jiruuf,Warri badiisa geessisan sun lafa onaa keessa darbanii karaawwan dullooman hundumaa irra buʼanii dhufaniiru.+ Eenyu* iyyuu nagaa hin qabu. 13  Isaan qamadii facaasan, garuu qoree galfatan.+ Of ni dadhabsan, garuu buʼaa hin arganne. Dheekkamsa Yihowaa isa bobaʼuun kan kaʼe Oomisha isaaniitti ni qaanaʼu.” 14  Yihowaan olloota koo warra hamoo, warra dhaala isan sabni koo Israaʼel akka dhaalu godhe tuqan sana hundumaa+ ilaalchisee akkana jedha: “Kunoo, lafa isaanii irraa isaan nan buqqisa;+ mana Yihudaas isaan gidduudhaa nan buqqisa. 15  Haa taʼu malee, ergan isaan buqqisee booda, deebisee gara laafina isaanitti nan argisiisa; tokkoon tokkoon isaaniis gara dhaala isaaniittii fi gara lafa isaaniitti nan deebisa.” 16  “Isaan akkuma saba koo maqaa Baʼaaliin kakachuu barsiisanii turanitti, daandii saba kootii yoo baratanii fi ‘Yihowaa isa jiraataa taʼeen nan kakadha!’ jedhanii maqaa kootiin yoo kakatan, saba koo gidduutti ni dhaabamu. 17  Yoo ajajamuu didan garuu, saba sana guutummaatti nan buqqisa, nan balleessas” jedha Yihowaan.+

Miiljaleewwan

Ykn., “miirri isaanii inni gad fagoon.” Kal., “kaleen isaanii.”
Ykn., “Ishii lubbuun koo baayʼee jaallatu.”
Ykn., “tuqaa hedduu.”
Ykn tarii, “gaddeera.”
Kal., “Foon akkamii.”