Ermiyaas 14:1-22

  • Ongee, beelaa fi goraadee (1-12)

  • Raajonni sobaa ni balaaleffataman (13-18)

  • Ermiyaas sabichi cubbuu akka raawwate amanee fudhate (19-22)

14  Ongee ilaalchisee dubbiin Yihowaa inni gara Ermiyaas dhufe isa kana:+   Yihudaan gadditeetti,+ karrawwan ishiis diigamaniiru. Isaan gaddanii lafa keessa lixu,Iyyi tokkos Yerusaalem keessaa ol ni baʼa.   Gooftoliin isaanii bishaan akka isaaniif waraabaniif tajaajiltoota isaanii* ni ergatu. Isaan gara boollawwan* bishaanii ni deemu, garuu bishaan hin argatan. Miʼa duwwaa qabatanii deebiʼu. Ni qaanaʼu, ni gaddu,Mataa isaaniis ni haguuggatu.   Biyyattii keessaa bokkaan dhabamuu isaatiin kan kaʼeLafti waan babbaqaqeef,+Qonnaan bultoonni ni dhiphatu, mataa isaaniis ni haguuggatu.   Margi dhabamuu isaatiin kan kaʼe,Gadamsi dhaltuun illee ilmoo ishii ishii reefuu dhalatte dhiistee deemti.   Harroonni bosonaa tabba duwwaa taʼe irra ni dhaabbatu. Isaan akkuma sardiidotaatti qilleensa argachuuf ni harganu;Biqiltuun waan hin jirreef ijji isaanii ilaaluu dadhaba.+   Balleessaan keenya kan nu irratti ragaa baʼu taʼus,Yaa Yihowaa, maqaa keetiif jedhiitii tarkaanfii fudhadhu.+ Yeroo baayʼee amanamoo utuu hin taʼin hafneerra,+Cubbuu kan hojjenne si irratti dha.   Yeroo dhiphinaatti fayyisaa isaa+ kan taate yaa abdii Israaʼel,Akka keessummaa biyyattii keessa jiruu,Akka imaltuu halkanuma tokko buluuf goree kan taate maaliifi?   Ati akka nama naʼee,Akka nama jabaa isa oolchuu hin dandeenyees kan taate maaliifi? Yaa Yihowaa, ati nu gidduu jirta,+Nutis maqaa keetiin waamamneerra.+ Nu hin dhiisin. 10  Yihowaan saba kana ilaalchisee akkana jedha: “Isaan asii fi achi jooruu jaallatu;+ miila isaanii hin sassaabbanne.+ Kanaafuu, Yihowaan isaanitti hin gammadu.+ Inni dogoggora isaanii ni yaadata; cubbuu isaaniitiifis isaan ni gaafata.”+ 11  Achiis Yihowaan akkana naan jedhe: “Saba kanaaf wanti gaariin akka dhufu hin kadhatin.+ 12  Ani goraadeedhaan, beelaa fi golfaadhaan* waanan isaan balleessuuf,+ yommuu sooman kadhannaa isaanii hin dhagaʼu;+ aarsaawwan guutummaatti gubamanii fi aarsaawwan midhaanii yommuu dhiheessan ani isaanitti hin gammadu.”+ 13  Anis yeroo kanatti akkana nan jedhe: “Yaa Yihowaa Gooftaa Ol Aanaa, wayyoo! Kunoo, raajonni, ‘Isin goraadee hin argitan; beellis isinitti hin dhufu; kanaa mannaa, iddoo kanatti nagaa dhugaa isiniif nan kenna’ isaaniin jechaa jiru.”+ 14  Achiis Yihowaan akkana naan jedhe: “Raajonni maqaa kootiin raajii sobaa dubbachaa jiru.+ Ani isaan hin ergine yookiin isaan hin ajajne yookiin isaanitti hin dubbanne.+ Raajiin isinitti dubbachaa jiran mulʼata sobaa, hooda gatii hin qabnee fi gowwoomsaa garaa isaanii keessaa maddu dha.+ 15  Kanaafuu, kanan isaan hin ergine taʼus, raajota maqaa kootiin raajii dubbatan, warra goraadeen yookiin beelli biyya kanatti hin dhufu jedhan sana ilaalchisee Yihowaan akkana jedha: ‘Raajonni sun goraadee fi beelaan ni balleeffamu.+ 16  Namoonni isaan raajii dubbachaafii turan sunis beelaa fi goraadeedhaan kan kaʼe daandiiwwan Yerusaalem irratti ni gatamu; isaaniinis taʼe haadhotii manaa isaanii, ijoollee dhiiraa yookiin ijoollee durbaa isaanii kan awwaalu hin jiraatu;+ sababiin isaas, ani badiisa isaaniif malu isaan irratti nan fida.’+ 17  “Dubbii kana isaanitti dubbadhu: ‘Intalli saba kootii ishiin durba taate madaa baayʼee cimaa taʼeen,Guutummaatti waan daakamtee fi waan caccabdeef,+Ijji koo halkanii fi guyyaa imimmaan haa lolaasu, addaanis hin kutin.+ 18  Ani gara dirreetti baʼee yoon ilaale,Warra goraadeedhaan ajjeefaman nan arga!+ Gara magaalattiitti yoon seenes,Dhukkuba sababa beelaatiin dhufe nan arga!+ Raajichis taʼe lubichi biyya hin beekne keessa asii fi achi jooraniiru.’”+ 19  Ati guutummaatti Yihudaa dhiisteettaa? Xiyooniin hoo jibbiteettaa?+ Hamma fayyuu dadhabnutti kan nu rukutte maaliifi?+ Nagaa arganna jennee abdanne, garuu wanti gaariin hin dhufne,Yeroon fayyinaa ni dhufa jennee abdanne, garuu jeequmsatu taʼe!+ 20  Yaa Yihowaa, hammina keenya,Balleessaa abbootii keenyaas amanneerra,Sababiin isaas, nuti si irratti cubbuu hojjenneerra.+ 21  Maqaa keetiif jedhiitii nu hin dhiisin;+Teessoo kee isa ulfina qabeessa taʼe hin tuffatin. Kakuu nuu wajjin galte yaadadhu, hin cabsinis.+ 22  Waaqolii tolfamoo sabootaa warra gatii hin qabne keessaa bokkaa roobsuu kan dandaʼu jiraa? Samiiwwan illee ofii isaaniitiin bokkaa roobsuu ni dandaʼuu? Waaqa keenya kan taate yaa Yihowaa, kana gochuu kan dandaʼu si qofa mitii?+ Wantoota kana hundumaa kan raawwate si qofa waan taʼeef,Nuti si abdanna.

Miiljaleewwan

Ykn., “namoota isaanii warra xixinnoo.”
Ykn., “boʼoowwan.”
Ykn., “dhukkubaan.”