Ermiyaas 15:1-21
15 Yihowaan akkana naan jedhe: “Museenii fi Saamuʼel na dura yoo dhaabbatan illee,+ ani saba kanatti gara laafina hin argisiisu.* Ana duraa isaan ariʼi. Haa deeman.
2 ‘Eessa deemna?’ jedhanii yoo si gaafatan immoo, akkana isaaniin jedhi: ‘Yihowaan akkana jedha:
“Namni dhaʼichaan duʼuu qabu kam iyyuu, dhaʼichaan haa duʼu!
Namni goraadeedhaan duʼuu qabu kam iyyuu, goraadeedhaan haa duʼu!+
Namni beelaan duʼuu qabu kam iyyuu, beelaan haa duʼu!
Namni boojuudhaan fudhatamuu qabu kam iyyuus, haa boojiʼamu!”’+
3 “Yihowaan akkana jedha: ‘Balaawwan afur* isaan irratti nan ajaja;+ akka ajjeesuuf goraadee, harkisanii akka gataniif saroota, akkasumas akka nyaatanii fi akka balleessaniif allaattiiwwan samii fi bineensota lafaa nan ajaja.+
4 Wanta Minaaseen ilmi Hisqiyaas mootiin Yihudaa Yerusaalem keessatti raawwateen kan kaʼe,+ isaan mootummoota lafaa hundumaa biratti wanta nama sodaachisu akka taʼan nan godha.+
5 Yaa Yerusaalem, eenyutu gara laafina sitti argisiisa?
Eenyutu siif gadda?
Eenyutu waaʼee nageenya keetii gaafachuuf sitti gora?’
6 ‘Ati na dhiisteetta’ jedha Yihowaan.+
‘Amma iyyuu akkuma na irraa garagaltetti* jirta.+
Kanaafuu, harka koo si irratti diriirsee sin balleessa.+
Siif gadduun* na nuffisiiseera.
7 Karrawwan biyyattii irratti qoorbiidhaan* isaan nan qulqulleessa.
Dhala malee isaan nan hambisa.+
Sabni koo daandiiwwan isaanii irraa deebiʼuu waan didaniif,Ani isaan nan balleessa.+
8 Dubartoonni isaanii warri abbaan manaa irraa duʼe ana duratti cirracha qarqara galaanaa caalaa hedduu ni taʼu.
Ani guyyaa saafaa isaan irratti, jechuunis haadhotii fi dargaggoota irratti isa badiisa geessisu sana nan fida.
Akkuma tasaas naasuu fi jeequmsa isaan irratti nan fida.
9 Dubartiin ijoollee torba deesse gaggabdeetti;Hafuura baafachuuf wixxifachaa jirti.
Aduun ishii guyyumaan lixxeetti,Qaanii fi salphinas fiddeetti.’*
‘Anis namoota muraasa warra isaan irraa hafan sana,Diinota isaanii duratti goraadeetti dabarsee nan kenna’ jedha Yihowaan.”+
10 Yaa haadha tiyya, ati anaIsa guutummaa biyyattii keessatti walitti buʼiinsaa fi lolaaf sababa taʼe waan deesseef, anaaf wayyoo!+
Ani hin liqeessine, hin liqeeffannes;Taʼus, hundi isaanii na abaaru.
11 Yihowaan akkana jedheera: “Ani dhugumaan si gargaaruuf sin tajaajila;Ani dhugumaan yeroo rakkinaatti,Yeroo diina irraa dhiphinni si irra gaʼutti gidduu nan seena.
12 Namni sibiila,Sibiila kaaba irraa dhufuu fi sibiila diimaa caccabsuu dandaʼu jiraa?
13 Cubbuu guutummaa naannoowwan keetti raawwatte hundumaatiin kan kaʼe,Qabeenyi kee fi badhaadhinni kee gatii malee akka saamamu nan godha.+
14 Ani diinota keetiif isaan nan kenna,Isaanis gara biyya ati hin beeknetti isaan geessu.+
Sababiin isaas, dheekkamsa kootiin ibiddi qabsiifameera,Isin irrattis bobaʼaa jira.”+
15 Yaa Yihowaa, situ beeka,Na yaadadhu, xiyyeeffannaas naaf kenni.
Warra na ariʼatan irratti haaloo naaf baʼi.+
Aariidhaaf suuta kan jettu taʼuu keetiin kan kaʼe akkan badu hin heyyamin.*
Arrabsoon kun kan na irra gaʼe sababa keetiin taʼuu isaa beeki.+
16 Dubbiin kee ni argame, anis nan nyaadhe;+Yaa Yihowaa Waaqa Raayyaa, maqaa keetiin waanan waamameef,Dubbiin kee wanta garaa kootiif gammachuu fi ililcha argamsiisu naaf taʼeera.
17 Namoota bashannana jaallatan gidduu taaʼuun na hin gammachiisu.+
Harki kee ana irra waan jiruuf, ani kophaan taaʼa,Sababiin isaas, ati dheekkamsaan* na guutteetta.+
18 Dhiphinni koo cimaa, madaan koos kan hin fayyine kan taʼe maaliifi?
Inni fayyuu ni dide.
Ati akkuma madda bishaanii goggogee fiAmansiisaa hin taanee natti taataa?
19 Kanaafuu, Yihowaan akkana jedha:
“Ati yoo deebite, ani iddootti sin deebisa,Atis na dura ni dhaabbatta.
Ati wanta gatii guddaa qabu wanta gatii hin qabne irraa yoo addaan baaste,Akkuma afaan kootii* ni taata.
Isaantu gara keetti deebiʼa malee,Ati gara isaaniitti hin deebitu.”
20 “Ani saba kanaaf akkuma dallaa sibiila diimaa cimaa taʼee sin godha.+
Isaan dhugumaan siin ni lolu,Garuu si hin moʼan,+Sababiin isaas, ani si oolchuu fi si baraaruuf sii wajjinan jira” jedha Yihowaan.
21 “Ani harka hamootaa jalaa sin oolcha,Barruu namoota gara jabeeyyii jalaas sin fura.”
Miiljaleewwan
^ Ykn., “lubbuun koo gara saba kanaa hin taʼu.”
^ Ykn tarii, “akaakuu murtii afur.” Kal., “maatiiwwan afur.”
^ Ykn tarii, “Akkuma gara duubaatti deemtetti.”
^ Ykn., “Gaabbuun.”
^ Ykn., “manshiidhaan.”
^ Ykn tarii, “Qaanofteetti, salphatteettis.”
^ Kal., “na hin fudhatin.”
^ Ykn., “ergaa balaaleffannaatiin.”
^ Ykn., “Nama naaf dubbatu.”