Ermiyaas 22:1-30

  • Ergaa murtii mootota hamoo irratti dabarfame (1-30)

    • Waaʼee Shaalum (10-12)

    • Waaʼee Yehoyaaqiim (13-23)

    • Waaʼee Kooniyaa (24-30)

22  Yihowaan akkana jedha: “Gara mana* mootii Yihudaatti gad buʼiitii ergaa kana itti himi.  Akkana isaan jedhi: ‘Yaa mootii Yihudaa isa teessoo Daawit irra teessu nana, atis taate tajaajiltoonni kee fi sabni kee warri karaa karrawwan kanaa seenan dubbii Yihowaa dhagaʼaa.  Yihowaan akkana jedha: “Haqaa fi qajeelummaa deggeraa. Isa saamame harka nama gowwoomsituu taʼee irraa oolchaa. Nama biyya ormaa kam iyyuu hin cunqursinaa; mucaa abbaa hin qabne* yookiin dubartii abbaan manaa irraa duʼe tam iyyuu hin miidhinaa.+ Bakka kanattis dhiiga nama balleessaa hin qabne kam iyyuu hin dhangalaasinaa.+  Sababiin isaas, isin of eeggannoodhaan dubbii kana yoo raawwattan, mootonni teessoo Daawit irra taaʼan+ tajaajiltoota isaanii fi saba isaanii wajjin gaariiwwan fardaa fi fardeen irra taaʼanii karaa karrawwan mana kanaa ni seenu.”’+  “‘Dubbii kanaaf yoo ajajamuu baattan garuu, ofii kootiin nan kakadha, manni kun ona ni taʼa’ jedha Yihowaan.+  “Sababiin isaas, Yihowaan mana mootii Yihudaa ilaalchisee akkana jedha: ‘Ati anaaf akkuma Giiliyaadi,Akkasumas akkuma fiixee Libaanoni. Taʼus, ani lafa onaa sin godha;Magaalota kee keessaa isa tokko keessa illee namni hin jiraatu.+   Ani warra badiisa geessisan,Tokkoon tokkoon isaanii meeshaa waraanaa isaanii wajjin si irratti nan muuda.*+ Isaan mukeetii gaattiraa kee warra hunda caalaa filatamoo taʼan ni muru,Ibidda keessattis akka jigan ni godhu.+  “‘Namoonni hedduun karaa magaalaa kanaa yommuu darban, “Yihowaan magaalaa guddoo kana irratti akkana kan godhe maaliifi?” waliin jedhu.+  Isaanis, “Kakuu Waaqa isaanii Yihowaa dhiisanii waaqolii kan birootiif waan sagadanii fi waan isaan tajaajilaniifi” jedhanii deebisu.’+ 10  Isa duʼeef hin booʼin,Hin gaddinis. Kanaa mannaa, isa deemeef hirqinfadhuu booʼi,Sababiin isaas, kana booda inni biyya itti dhalate ilaaluuf hin deebiʼu. 11  “Sababiin isaas, Yihowaan Shaalum*+ ilma Yosiyaas isa mootii Yihudaa taʼe, isa bakka abbaa isaa Yosiyaas+ bulchaa jiruu fi iddoo kanaa deeme sana ilaalchisee akkana jedha: ‘Kana booda inni achitti hin deebiʼu. 12  Bakka isaan boojiʼanii itti isa fudhatanitti waan duʼuuf, sana booda inni biyya kana hin argu.’+ 13  Nama qajeelummaa dabsuudhaan mana ijaarratuuf,Haqa jalʼisuudhaanis kutaawwan fooqii irraa ijaarratuuf,Nama tolaan nama kan biraa hojjechiifatuuf,Isa mindaa isaa kaffaluu diduufis, wayyoo!+ 14  Nama, ‘Mana balʼaa,Kutaawwan fooqii irraa babalʼoo taʼan qabu nan ijaarradha. Foddaawwan isaaf nan tolcha,Muka gaattiraatiin nan uwwisa, halluu diimaas nan diba’ jedhuuf wayyoo! 15  Ati muka gaattiraatiin hojjechuudhaan warra kaan waan caaltuuf bulchuu kee itti fuftaa? Abbaan kees nyaateera, dhugeeras,Garuu haqaa fi qajeelummaa raawwachiiseera,+Kanaan kan kaʼes, gaarii isaaf taʼeera. 16  Inni dhimma seeraa isa cunqurfame sanaatiifis taʼe isa hiyyeessa taʼe sanaatiif falmeera,Kanaafuu, gaarii isaaf taʼeera. ‘Na beekuu jechuun kana mitii?’ jedha Yihowaan. 17  ‘Ijji kee fi garaan kee kan xiyyeeffate garuu buʼaa sirrii hin taane argachuu irratti,Dhiiga qulqulluu dhangalaasuu irratti,Akkasumas gowwoomsaa fi saamicha raawwachuu irratti qofa dha.’ 18  “Kanaafuu, Yihowaan Yehoyaaqiim+ ilma Yosiyaas isa mootii Yihudaa taʼe ilaalchisee akkana jedha: ‘Isaan, “Wayyoo obboleessa koo! Wayyoo obboleettii tiyya!” Jedhanii isaaf hin booʼan. “Wayyoo yaa gooftaa! Wayyoo yaa isa kabajamaa!” Jedhanii isaaf hin booʼan. 19  Inni akkuma harreen awwaalamutti awwaalama,+Karrawwan Yerusaalemii alattiHarkifamee gatama.’+ 20  Warri baayʼee si jaallatan hundi waan caccabaniif,+Gara Libaanonitti ol baʼiitii iyyi,Baashaan keessatti sagalee kee ol kaasi,Abaariim keessaas iyyi.+ 21  Yommuu tasgabbiin sitti dhagaʼametti sitti nan dubbadhe. Ati garuu, ‘Ani hin ajajamu’ jette.+ Ijoollummaa keetii jalqabee daandiin kee kana dha,Sababiin isaas, ati sagalee kootiif hin ajajamne.+ 22  Tiksitoota kee hundumaa qilleensatu tiksa,+Warri baayʼee si jaallatanis ni boojiʼamu. Atis badiisa si irra gaʼu hundumaatiin kan kaʼe ni qaanofta, ni salphattas. 23  Yaa isa Libaanon keessa,+Mukeetii gaattiraa gidduus sitti tolee jiraattu nana,+Akkuma dubartii daʼuuf jettuutti ciniinsuun yommuu si qabatu,Dhiphinnis* yommuu sitti dhufu akkam aadda laata!”+ 24  “Yihowaan akkana jedha: ‘Lubbuu koo isa jiraataa taʼeen nan kakadha, ati Kooniyaan*+ ilmi Yehoyaaqiim+ inni mootii Yihudaa taate qubeellaa chaaphaa harka mirgaa koo irra jiru yoo taate illee, ani harkisee achii sin baasa! 25  Ani harka warra lubbuu kee balleessuu barbaadaniitti,* harka warra ati sodaattu sanaatti, harka Nebukadnezaar* mootii Baabilonittii fi harka Kaladootaatti dabarsee sin kenna.+ 26  Siinis taʼe haadha tee ishii si deesse gara biyya kan biraa isin itti hin dhalannetti nan darbadha; isinis achitti ni duutu. 27  Isaan matumaa gara biyya hawwan* sanaatti hin deebiʼan.+ 28  Namichi Kooniyaa jedhamu kun hubboo cabaa tuffatamee fiMiʼa eenyu iyyuu hin barbaanne dhaa? Innis taʼe sanyiin isaa kan gad darbataman,Gara biyya hin beekneettis kan gataman maaliifi?’+ 29  Yaa lafaa, yaa lafaa, yaa lafaa, dubbii Yihowaa dhagaʼi. 30  Yihowaan akkana jedha: ‘Sanyii isaa keessaa namni tokko illeeTeessoo Daawit irra taaʼee Yihudaa keessatti bulchuudhaan milkaaʼina waan hin arganneef,Nama kana akka nama mucaa hin qabneetti,Akka nama bara jireenyaa* isaatti milkaaʼina akkamii iyyuu hin arganneetti galmeessi.’”+

Miiljaleewwan

Ykn., “mana mootummaa.”
Ykn., “warri jalaa duʼan.”
Kal., “qulqulleessa.”
Yehoʼahaaz jedhamees ni waamama.
Kal., “Ciniinsuun daʼumsaas.”
Yehoyaakiinii fi Yikooniyaa jedhamees ni waamama.
Ykn., “lubbuu kee barbaadaniitti.”
Kal., “Nebukadrezaar,” akkaataa maqaan Nebukadnezaar ittiin barreeffamu kan biraa.
Ykn., “gara biyya lubbuu isaanii itti ol kaasan.”
Kal., “guyyoota.”