Ermiyaas 24:1-10

  • Firiiwwan harbuu gaarii fi mancaʼan (1-10)

24  Nebukadnezaar* mootiin Baabilon, Yikooniyaa*+ ilma Yehoyaaqiim+ mootii Yihudaa, bulchitoota Yihudaa, ogeeyyii harkaa fi warra hojii sibiilaa hojjetanii* wajjin boojiʼee Yerusaalem irraa gara Baabilonitti+ erga fudhatee booda, Yihowaan guuboowwan firii harbuu qabatanii fi mana qulqullummaa Yihowaa dura kaaʼaman lama natti argisiise.  Guuboon inni tokko firiiwwan harbuu baayʼee gaggaarii akka firiiwwan harbuu warra jalqaba bilchaatanii taʼan kan qabate ture; guuboon inni kan biraan garuu firiiwwan harbuu baayʼee mancaʼan, akka malee mancaʼuu isaaniitiin kan kaʼes nyaatamuu hin dandeenye kan qabate ture.  Achiis Yihowaan, “Ermiyaas, maaltu sitti mulʼata?” jedhee na gaafate. Anis, “Firiiwwan harbuutu natti mulʼata; firiiwwan harbuu gaggaarii taʼan sun baayʼee gaggaarii dha; firiiwwan harbuu baayʼee mancaʼan sun garuu, akka malee mancaʼuu isaaniitiin kan kaʼe nyaatamuu kan hin dandeenye dha”+ jedheen deebise.  Achiis dubbiin Yihowaa akkana jedhu gara koo ni dhufe:  “Yihowaan Waaqni Israaʼel akkana jedha: ‘Boojiʼamtoota Yihudaa warra ani iddoo kanaa baasee gara biyya Kaladootaatti erge sana akkuma firiiwwan harbuu gaggaarii taʼan kanaatti ija gaariidhaan nan ilaala.  Wanta gaarii isaaniif gochuuf ija koo isaan irra nan kaaʼa; gara biyya kanaatti akka deebiʼanis nan godha.+ Isaan nan ijaara malee hin diigu; isaan nan dhaaba malee hin buqqisu.+  Garaa ani Yihowaa taʼuu koo beekuu barbaadu isaaniif nan kenna.+ Garaa isaanii guutuudhaan gara kootti waan deebiʼaniif,+ isaan saba koo ni taʼu, anis Waaqa isaanii nan taʼa.+  “‘Haa taʼu malee, firiiwwan harbuu mancaʼan, akka malee mancaʼuu isaaniitiin kan kaʼes nyaatamuu hin dandeenye+ sana ilaalchisee Yihowaan akkana jedha: “Ani Zedeeqiyaa+ mootii Yihudaa, bulchitoota isaa, namoota Yerusaalem warra biyya kana keessatti hafanii fi warra biyya Gibxii keessa jiraatan akkuma kanaatti nan ilaala.+  Mootummoonni lafaa hundis badiisa ani isaan irratti fidu yommuu argan akka sodaatan nan godha;+ bakkan itti isaan bittinneessu hundumaa keessattis+ warra arrabsaman, warra itti mammaakamu, warra itti qoosamuu fi warra abaaraman akka taʼan nan godha.+ 10  Biyyan isaanii fi abbootii isaaniitiif kenne irraa hamma badanittis goraadee,+ beelaa fi golfaa* isaanitti nan erga.”’”+

Miiljaleewwan

Kal., “Nebukadrezaar,” akkaataa maqaan Nebukadnezaar ittiin barreeffamu kan biraa.
Yehoyaakiinii fi Kooniyaa jedhamees ni waamama.
Ykn tarii, “warra dallaawwan ittisaa ijaaranii.”
Ykn., “dhukkuba.”