Ermiyaas 3:1-25

  • Gantummaa Israaʼel (1-5)

  • Ejja Israaʼelii fi Yihudaan raawwatan (6-11)

  • Waamicha yaada akka geddaratan dhihaate (12-25)

3  Namoonni, “Namni tokko haadha manaa isaa yoo manaa baase, ishiinis isa dhiistee kan nama biraa yoo taate, namni kun sana booda ishiitti ni deebiʼaa?” jedhanii gaafatu. Biyyattiin guutummaatti faalamteetti mitii?+ “Ati michoota hedduu wajjin sagaagalummaa raawwatteetta,+Maarree, gara kootti deebiʼuu qabdaa?” jedha Yihowaan.   “Ol jedhiitii tabbawwan duwwaa taʼan ilaali. Bakki ati itti hin gudeedamne jiraa? Akkuma tikfattee* lafa onaa keessa jiruutti,Ati daandiiwwan qarqara teessee isaan eeggatte. Sagaagalummaa kee fi hammina keetiinBiyyattii faaluu kee itti fufte.+   Kanaan kan kaʼes, bokkaan ni ittifame,+Waqtii arfaasaa keessas bokkaan hin roobu. Ati akkuma* haadha manaa saalfii tokko malee sagaagalummaa raawwattuu taate;Qaanaʼuus ni didde.+   Amma garuu akkana naan jetta: ‘Yaa Abbaa koo, ati michuu ijoollummaa kootii ti!+   Ati bara baraaf ni mufattaa? Yookiin yeroo hundumaa haaloo ni qabattaa?’ Ati akkana jetta,Garuu wanta hamaa gochuu dandeessu hundumaa gochuu kee itti fufteetta.”+  Bara Yosiyaas+ Mootichaatti Yihowaan akkana naan jedhe: “‘Wanta Israaʼel ishiin amanamtuu hin taane raawwatte argiteettaa? Ishiin gaara ol kaʼaa hundumaa gubbaattii fi muka lalisaa hundumaa jalatti sagaagalummaa raawwachuuf ni deemte.+  Ishiin wantoota kana hundumaa erga raawwattee booda illee, gara kootti akka deebitu itti himuu koo ittan fufe;+ ishiin garuu hin deebine; Yihudaanis obboleettii ishii ishii gantuu taate ilaaluu ishii itti fufte.+  Anis kana yommuun argu, waraqaa ragaa ejja ishiitiin+ kan kaʼe ani ittiin ishii hiike ishiidhaaf kennee Israaʼel ishii amanamtuu hin taane nan ariʼe.+ Taʼus obboleettiin ishii Yihudaan ishiin gantuun sun hin sodaanne; ishiinis gad baatee sagaagalummaa raawwatte.+  Sagaagalummaa raawwachuu ishiis akka laayyootti ilaalte; biyyatti faaluu, akkasumas dhagootaa fi mukeetii wajjin ejja raawwachuu ishii itti fufte.+ 10  Kana hundumaa booda illee, obboleettiin ishii Yihudaan ishiin gantuu taate ni fakkeessite malee garaa ishii guutuudhaan gara kootti hin deebine’ jedha Yihowaan.” 11  Achiis Yihowaan akkana naan jedhe: “Israaʼel ishiin amanamtuu hin taane Yihudaa ishii gantuu taate caalaa qajeelummaa akka qabdu argisiisteetti.+ 12  Dhaqiitii dubbii kana kaabatti+ labsi: “‘“Yaa Israaʼel ishii gantuu taate nana, deebiʼi” jedha Yihowaan.’+ ‘“Ani amanamaa waanan taʼeef, aariidhaan gad si hin ilaalu”*+ jedha Yihowaan.’ ‘“Ani bara baraaf hin mufadhu. 13  Ati Waaqa kee Yihowaa irratti waan fincilteef, yakkuma kee qofa amanii fudhadhu. Ati muka lalisaa hundumaa jalatti warra ormaa* wajjin saalqunnamtii raawwachuu kee itti fufte malee, sagalee kootiif hin ajajamne” jedha Yihowaan.’” 14  “Yaa ilmaan gantoota taatan nana, deebiʼaa” jedha Yihowaan. “Sababiin isaas, ani gooftaa* keessan isa dhugaa taʼeera; magaalaa tokko keessaa tokko tokko, maatii tokko keessaas lama lama godhee isin nan fudhadha; gara Xiyoonittis isin nan fida.+ 15  Tiksitoota akka fedhii* kootti hojjetan isiniif nan kenna;+ isaanis beekumsaa fi hubannaadhaan isin ni sooru. 16  Isinis bara sanatti biyyattii keessatti ni baayʼattu, firiis ni godhattu” jedha Yihowaan.+ “Isaan kana booda, ‘Taabota kakuu Yihowaa!’ hin jedhan. Inni garaa keessa hin taaʼu; isaanis isa hin yaadatan yookiin isa hin yaadan; inni lammata hin tolfamu. 17  Yeroo sanatti isaan Yerusaalemiin teessoo Yihowaa jedhanii ni waamu;+ saboonni hundis maqaa Yihowaatiif ulfina kennuuf Yerusaalemitti walitti ni qabamu;+ isaan kana booda didaa taʼuudhaan garaa isaanii isa hamaa duukaa hin buʼan.” 18  “Bara sanatti manni Yihudaa, mana Israaʼelii wajjin waliin ni deemu;+ isaan waliin taʼuudhaan biyya kaabaa irraa gara biyya ani dhaala godhee abbootii keessaniif kenne sanaatti ni dhufu.+ 19  Anis, ‘Akkamitti ilmaan koo gidduu akkan si kaaʼe, biyya jaallatamtuu, dhaala saboota gidduutti* hundumaa caalaa bareedduu taate sanas akkamitti akkan siif kenne’+ nan yaade. Kana malees, ‘Abbaa koo!’ jettanii akka na waamtan, na duukaa buʼuus akka hin dhiisne yaadeen ture. 20  ‘Yaa mana Israaʼel, akkuma haati manaa takka gantummaadhaan abbaa manaa* ishii dhiistutti, atis dhugumaan gantummaa na irratti raawwatteetta’+ jedha Yihowaan.” 21  Tabbawwan duwwaa taʼan irraa sagaleen tokko,Sagaleen booʼichaa fi sagaleen kadhannaa saba Israaʼel ni dhagaʼama,Sababiin isaas, isaan daandii isaanii jalʼisaniiru;Waaqa isaanii Yihowaas irraanfataniiru.+ 22  Yaa ilmaan gantoota taatan nana, deebiʼaa. Ani isin nan fayyisa, isinis kana booda gantoota hin taatan.”+ “Yaa Yihowaa, ati Waaqa keenya waan taateef,Kunoo, nuti gara kee dhufneerra.+ 23  Dhugumaan tabbawwan sunii fi jeequmsi gaarota irratti dhagaʼamu abjuu dha.+ Dhugumaan fayyinni Israaʼel Waaqa keenya Yihowaa biraa argama.+ 24  Haa taʼu malee, ijoollummaa keenyaa jalqabee wanti* nama qaanessu tokko wanta abbootiin keenya itti dadhaban,+Bushaayeewwanii fi horiiwwan isaanii,Ijoollee dhiiraa fi ijoollee durbaa isaanii nyaateera. 25  Qaanofnee haa ciisnu,Salphinni keenyas nu haa haguugu,Nutis taane abbootiin keenya ijoollummaa keenyaa kaasee hamma harʼaatti,+Waaqa keenya Yihowaa irratti cubbuu raawwanneerra,+Sagalee Waaqa keenya Yihowaatiifis hin ajajamne.”

Miiljaleewwan

Kal., “nama biyya Arabaa.”
Kal., “adda.”
Kal., “fuula koo si irratti hin kuffisu.”
Ykn., “waaqolii biyya ormaa.”
Ykn tarii, “abbaa manaa.”
Kal., “akka garaa.”
Kal., “raayyaawwan sabootaa.”
Kal., “michuu.”
Ykn., “waaqni.”