Ermiyaas 35:1-19

  • Reekaabonni ajajamuudhaan fakkeenya gaarii taʼan (1-19)

35  Bara Yehoyaaqiim+ ilma Yosiyaas mootii Yihudaatti dubbiin Yihowaa biraa gara Ermiyaas dhufe isa kana:  “Gara mana Reekaabotaa+ dhaqiitii isaanitti dubbadhu; achiis gara mana Yihowaatti, kutaawwan nyaataa* keessaa gara kutaa isa tokkootti isaan fidi; akka dhuganiifis daadhii wayinii isaaniif kenni.”  Anis Yaaʼaazaaniyaa ilma Ermiyaas ilma Habaaziniyaa, obboloota isaa, ilmaan isaa hundumaa fi guutummaa mana Reekaabotaa fuudhee  gara mana Yihowaatti nan fide. Gara kutaa nyaataa ilmaan Haanaan ilma Yigdaaliyaa isa nama Waaqa dhugaa taʼe sanaatti isaan nan fide; kutaan nyaataa kun kutaa nyaataa bulchitootaa isa kutaa nyaataa Maaʼaaseyaa ilma Shaalum isa karra eegduu taʼe sanaa irraa olitti argamu bira jira ture.  Anis xoofoowwanii fi waancaawwan daadhiin wayinii itti guutame namoota maatii Reekaabotaa taʼan dura kaaʼee, “Daadhii wayinii dhugaa” isaaniin nan jedhe.  Isaan garuu akkana jedhan: “Nuti daadhii wayinii hin dhugnu; sababiin isaas, Yonaadaab+ ilmi Reekaab inni abbaa keenya taʼe ajaja akkana jedhu nuu kenneera: ‘Isinis taatan ilmaan keessan yoom iyyuu daadhii wayinii dhuguu hin qabdan.  Mana ijaarrachuu, sanyii facaasuu yookiin muka wayinii dhaabuu yookiin maasii wayinii qabaachuu hin qabdan. Kanaa mannaa, biyya isa namoota biyya ormaa taatanii keessa jiraachaa jirtan keessatti bara dheeraa akka jiraattaniif, yeroo hundumaa dunkaana keessa jiraachuu qabdu.’  Kanaafuu nuti, haadhotiin manaa keenya, ijoolleen dhiiraa fi ijoolleen durbaa keenya matumaa daadhii wayinii akkamii iyyuu dhuguu irraa of qusachuudhaan, ajaja Yonaadaab inni ilma abbaa keenya Reekaab taʼe nu ajaje hundumaatiif ajajamuu keenya itti fufna.  Mana keessa jiraannu hin ijaarrannu, maasii wayinii yookiin maasii yookiin sanyii facaafannu hin qabnu. 10  Dunkaana keessa jiraachuu keenyaa fi wanta Yonaadaab abbaan keenya nu ajaje hundumaatiif ajajamuu keenya itti fufna. 11  Haa taʼu malee, yeroo Nebukadnezaar* mootiin Baabilon biyyattii waraanuuf dhufetti,+ ‘Kottaa, raayyaa waraanaa Kaladootaa fi kan warra Sooriyaa jalaa miliquuf gara Yerusaalem haa deemnu’ jenne; kunoo, amma Yerusaalem keessa jiraachaa jirra.” 12  Achiis dubbiin Yihowaa akkana jedhu gara Ermiyaas ni dhufe: 13  “Waaqa Israaʼel kan taʼe Yihowaan Gooftaan Raayyaa akkana jedha: ‘Dhaqiitii namoota Yihudaa fi jiraattota Yerusaalemiin akkana jedhi: “Dubbii kootiif akka ajajamtan yeroo baayʼee isinitti himamee hin turree?”+ jedha Yihowaan. 14  “Yonaadaab ilmi Reekaab daadhii wayinii akka hin dhugne sanyii isaa ajajee ture; isaanis hamma harʼaatti daadhii wayinii dhuguu irraa of qusachuudhaan dubbii isaa hojii irra oolchaniiru; akka kanaan ajaja abbaa isaaniitiif ajajamaniiru.+ Haa taʼu malee, ani irra deddeebiʼee* kanan isinitti dubbadhe taʼus, isin anaaf hin ajajamne.+ 15  Ani irra deddeebiʼee* raajota warra tajaajiltoota koo taʼan hundumaa akkana jedhee gara keessanitti ergeera:+ ‘Maaloo, tokkoon tokkoon keessan daandii keessan isa hamaa irraa deebiʼaa,+ wanta sirrii taʼes raawwadhaa! Waaqolii kan biroo duukaa hin buʼinaa, isaan hin tajaajilinaas. Akkana yoo gootan biyyan isiniifis taʼe abbootii keessaniif kenne keessa jiraachuu keessan itti fuftu.’+ Isin garuu gurra keessan natti hin qabne yookiin na hin dhageenye. 16  Sanyiin Yonaadaab ilma Reekaab ajaja abbaan isaanii isaaniif kenne hojii irra oolchaniiru;+ namoonni kun garuu na hin dhageenye.”’” 17  “Kanaafuu, Waaqa Israaʼel kan taʼe Yihowaan Waaqni raayyaa akkana jedha: ‘Ani kanan isaanitti dubbadhe taʼus, isaan waan na hin dhageenyeef, irra deddeebiʼee kanan isaan waame taʼus, isaan deebii waan naaf hin kennineef,+ kunoo, ani Yihudaa irrattii fi jiraattota Yerusaalem hundumaa irratti badiisa akkan fidu isaan akeekkachiise sana hundumaa nan fida.’”+ 18  Ermiyaasis maatii Reekaabotaatiin akkana jedhe: “Waaqa Israaʼel kan taʼe Yihowaan Gooftaan Raayyaa akkana jedha: ‘Isin ajaja Yonaadaab abbaa keessaniitiif waan ajajamtaniif, akkuma inni isin ajaje gochuudhaanis ajajawwan isaa hundumaa eeguu keessan waan itti fuftaniif, 19  Waaqa Israaʼel kan taʼe Yihowaan Gooftaan Raayyaa akkana jedha: “Sanyii Yonaadaab ilma Reekaab keessaa namni na duratti tajaajilu matumaa hin dhabamu.”’”

Miiljaleewwan

Ykn., “kutaawwan.”
Kal., “Nebukadrezaar,” akkaataa maqaan Nebukadnezaar ittiin barreeffamu kan biraa.
Kal., “bariidhaan kaʼee.”
Kal., “bariidhaan kaʼee.”