Ermiyaas 47:1-7

  • Raajii Filisxeemota irratti dubbatame (1-7)

47  Faraʼoon Gaazaa rukutuu isaa dura, dubbiin Yihowaa Filisxeemiin+ ilaalchisee gara Ermiyaas raajichaa dhufe isa kana:  Yihowaan akkana jedha: “Kunoo, bishaanonni kaaba irraa dhufaa jiru. Isaan lolaa yaaʼu ni taʼu. Biyyattii fi wanta ishii keessa jiru hundumaa,Magaalattii fi namoota ishii keessa jiraatanis ni liqimsu. Namoonni ni iyyu,Warri biyyattii keessa jiraatan hundis ni gadoodu.   Sagalee kottee fardeen kormaa isaatiin,Sagalee kililchuu gaariiwwan fardaa waraanaa isaatiin,Akkasumas sagalee geengoowwan isaa isa wal irraa hin cinneen kan kaʼe,Abbootiin harki isaanii waan laafuuf,Ijoollee isaanii oolchuuf illee duubatti hin garagalan;   Sababiin isaas, guyyaan dhufu sun Filisxeemota+ hundumaa ni balleessa;Michoota Xiirosii+ fi Siidoon+ warra hafan hundumaas isaan irraa ni kuta. Yihowaan FilisxeemotaWarra odola Kaaftor*+ irraa hafan ni balleessa.   Gaazaan ni molatti.* Ashqaloon ni callisiifamti.+ Yaa warra dirree isaanii isa sulula keessatti argamu* keessatti haftan nana,Hamma yoomiitti qaama keessan kukkuttu?+   Yaa goraadee Yihowaa,+Hamma yoomiitti calluma jechuu dhiista? Gara manʼee keetti deebiʼi. Boqodhu, calluma jedhi.   Utuma Yihowaan ajaja isaaf kennee jiruu,Akkamitti cal jechuu dandaʼa? Inni Ashqaloonii fi qarqara galaanaa+ irrattiGoraadee sana ramadeera.”

Miiljaleewwan

Jechuunis, Qarxees.
Jechuunis, isaan gaddaa fi qaaniidhaan mataa isaanii ni haaddatu.
Ykn., “dirree gad buʼaa.”