Ermiyaas 6:1-30

  • Yeroon Yerusaalem itti marfamtu dhihaateera (1-9)

  • Yihowaan Yerusaalemitti ni dheekkame (10-21)

    • Utuu nagaan hin jiraatin, “Nagaa dha!” jedhu (14)

  • Weerartoota gara jabeeyyii kaaba irraa dhufan (22-26)

  • Ermiyaas akkuma nama sibiila qoree ilaaluu taʼe (27-30)

6  Yaa ilmaan Biiniyaam, Yerusaalem irraa fagaadhaatii dahoo barbaaddadhaa. Teqoohaa+ keessatti xurumbaa afuufaa;+Beet Haakereem irratti ibidda mallattoo taʼu qabsiisaa! Sababiin isaas balaan, eeyyee, badiisni guddaan tokko kaaba irraa dhufaa jira.+   Intalli Xiyoon dubartii bareedduu fi qananiituu fakkaatti.+   Tiksitoonnii fi horiiwwan isaanii ni dhufu. Dunkaanota isaanii ishiitti marsanii ni dhaabu,+Tokkoon tokkoon isaaniis bushaayee isaanii ni dheechisu.+   “Ishii irratti waraana banuuf qophaaʼaa!* Kaʼaa, guyyaa saafaa ishii haa haleellu!” “Guyyichi xumuramaa waan jiruuf,Gaaddisni galgalaas dheerachaa waan jiruuf, nuuf wayyoo!”   “Kaʼaa, halkaniin ishii haa haleellu,Masaraawwan ishii warra ciccimoos haa diignu.”+   Yihowaan Gooftaan Raayyaa akkana jedha: “Muka muraa, Yerusaalemitti naannessaatii biyyoo tuulaa.+ Ishiin magaalaa adabamuu qabdu dha;Hacuuccaa malee wanti kan biraan ishii keessa hin jiru.+   Akkuma boolli bishaanii bishaan qabbaneessutti,Ishiinis hammina ishii akkuma jirutti tursiti. Jeequmsii fi badiisni ishii keessatti ni dhagaʼama;+Dhukkubnii fi dhaʼichi yeroo hundumaa na dura jira.   Yaa Yerusaalem, akeekkachiisa fudhadhu; taʼuu baannaan garuu, si jibbeen si irraa gora;+Ani biyya one isa namni keessa hin jiraanne sin godha.”+   Yihowaan Gooftaan Raayyaa akkana jedha: “Akkuma firiin wayinii inni dhumaa muka wayinii irraa funaanamutti, isaan namoota Israaʼel warra hafan guutummaatti ni funaanu. Akkuma nama muka wayinii irraa firii wayinii funaanuutti, ammas harka kee itti ergi.” 10  “Ani eenyutti dubbadhu? Eenyuun akeekkachiisu? Eenyutu dhagaʼa? Kunoo, gurri isaanii waan cufameef,* dhagaʼuu hin dandaʼan.+ Kunoo, dubbiin Yihowaa wanta isaan itti qoosan taʼeera;+Isaan homaa itti hin gammadan. 11  Kanaafuu, ani dheekkamsa Yihowaatiin nan guutame,Isas of keessatti qabachuu nan dadhabe.”+ “Mucaa daandii irra jiru irratti,+Tuuta dargaggootaa walitti qabame irratti isa dhangalaasi. Dhiirri haadha manaa isaa wajjin,Maanguddoonnis warra baayʼee dulloomanii* wajjin ni boojiʼamu.+ 12  Manneen isaanii,Maasiiwwan isaanii fi haadhotiin manaa isaanii kan warra kaanii ni taʼu.+ Sababiin isaas, ani jiraattota biyyattii irratti harka koo nan diriirsa” jedha Yihowaan. 13  “Isa xinnaadhaa hamma isa guddaatti, tokkoon tokkoon isaanii buʼaa sirrii hin taane argachuuf yaalu;+Raajicha irraa hamma lubichaatti, tokkoon tokkoon isaanii gowwoomsaa raawwatu.+ 14  Isaan utuu nagaan hin jiraatin,‘Nagaa dha! Nagaa dha!’ jechaa,+Caba saba kootii irruma keessa walʼaanuuf yaalii godhu. 15  Wanta jibbisiisaa raawwataniif qaaniin isaanitti dhagaʼamaa? Matumaa qaaniin itti hin dhagaʼamu! Isaan wanta saalfii jedhamu iyyuu hin beekan!+ Kanaafuu, isaan warra kufan gidduutti ni kukkufu. Yommuun adaba isaanitti fidus ni gufatu” jedha Yihowaan. 16  Yihowaan akkana jedha: “Daandiiwwan qaxxaamuraa irra dhaabbadhaatii ilaalaa. Waaʼee daandiiwwan bara durii gaafadhaa,Daandiin inni gaariin eessa akka jiru gaafadhaa, isa irra deemaa,+Ofii* keessaniifis boqonnaa argadhaa.” Isaan garuu, “Nuti isa irra hin deemnu” jedhan.+ 17  “Waardiyyoota nan muude,+Waardiyyoonni kunis, ‘Sagalee xurumbaa dhagaʼaa!’ isaaniin jedhan.”+ Isaan garuu, “Hin dhageenyu” jedhan.+ 18  “Kanaafuu, yaa sabootaa, dhagaʼaa! Atis yaa yaaʼii nana,Wanta isaan irra gaʼu beeki. 19  Yaa lafaa, dhagaʼi! Sabni kun dubbii koo waan hin dhageenyeef,Seera* koos waan tuffataniif,Mala qopheessan sanaan kan kaʼe,Isaan irratti badiisa nan fida.”+ 20  “Ati Sheebaadhaa ixaana adii,Biyya fagoodhaas marga urgaaʼu fiduun kee maal na fayyada? Aarsaawwan keessan warri guutummaatti gubaman fudhatama hin qaban,Aarsaawwan keessan warri kaanis na hin gammachiisan.”+ 21  Kanaafuu, Yihowaan akkana jedha: “Kunoo, ani saba kana dura gufuu nan kaaʼa,Abbootiinii fi ilmaan,Namnii fi michuun isaas,Walumaan ni gufatu;Hundi isaaniis ni badu.”+ 22  Yihowaan akkana jedha: “Kunoo, sabni tokko biyya kaabaa irraa ni dhufa,Sabni guddaan tokkos andaara lafaatii ni dammaqfama.+ 23  Isaan iddaa fi eeboo ni qabatu. Isaan gara jabeeyyii dha; gara laafinas hin qaban. Sagaleen isaanii akkuma galaanaatti huursa,Isaan fardeen irra taaʼanii gulufu.+ Yaa intala Xiyoon, isaan akkuma loltuutti si waraanuuf tarree galanii dhaabbatu.” 24  Nuti waaʼee kanaa oduu dhageenyeerra. Harki keenya laafeera;+Yaaddoon nu qabateera,Akkuma dubartii ciniinsuu irra jirtuuttis dhiphanneerra.+ 25  Diinni goraadee waan qabateef,Alatti gad hin baʼinaa,Karaa irras hin deeminaa;Bakka hundumaa naasuutu jira. 26  Yaa intala saba kootii,Uffata gaddaa uffadhuutii+ daaraa irra gangaladhu. Inni badiisa geessisu sun akkuma tasaa waan nutti dhufuuf,+Akkuma ilma tokkichaaf gaddanitti mararamii booʼi.+ 27  “Ani saba koo gidduutti nama sibiila qoree ilaalu,Nama guutummaatti sakattaʼu si* godheera;Atis daandii isaanii hubachuu fi qoruu qabda. 28  Hundi isaanii warra hunda caalaa didaa taʼani dha,+Asii fi achi deemanii maqaa namaa balleessu.+ Isaan akkuma sibiila diimaa ti, akkuma sibiilaa tis;Hundi isaanii mancaʼaniiru. 29  Buufaawwan waxalamaniiru. Ibiddicha keessaa sibiila irsaasiitu baʼa. Namni tokko cimee kan qulqulleessu akkanumaani,+Warri gaarii hin taanes achi keessaa hin baafamne.+ 30  Yihowaan waan isaan jibbeef,+Dhugumaan namoonni meetii jibbame jedhanii isaan waamu.”

Miiljaleewwan

Kal., “waraana qulqulleessaa.”
Kal., “dhaqna hin qabamneef.”
Kal., “warra guyyoota quufanii.”
Ykn., “Lubbuu.”
Ykn., “Barumsa.”
Kun Ermiyaasiin argisiisa.