Ermiyaas 8:1-22

  • Sabichi daandii namoonni hedduun hordofan filate (1-7)

  • Dubbii Yihowaatiin alatti ogummaa akkamiitu jiraata? (8-17)

  • Ermiyaas kufaatii Yihudaatiin kan kaʼe faaruu gaddaa faarfate (18-22)

    • “Giiliyaad keessa baalsaamiin hin jiruu?” (22)

8  Yihowaan akkana jedha: “Yeroo sanatti lafeen mootota Yihudaa, lafeen bulchitoota ishii, lafeen lubootaa, lafeen raajotaa fi lafeen jiraattota Yerusaalem awwaala isaanii keessaa ni fudhatama.  Achiis lafeewwan kun aduu, addeessaa fi guutummaa raayyaa samii warra isaan jaallachaa, tajaajilaa, duukaa buʼaa, barbaadaa fi isaaniif sagadaa turan duratti ni afamu.+ Isaan walitti hin qabaman, hin awwaalamanis. Lafa irratti akkuma dikee taʼu.”+  “Warri maatii hamaa kana keessaa lubbuudhaan oolan, iddoowwan ani itti isaan bittinneesse hundumaa keessatti jireenya mannaa duʼa ni filatu” jedha Yihowaan Gooftaan Raayyaa.  “Atis akkana isaaniin jedhi: ‘Yihowaan akkana jedha: “Isaan erga kufanii booda deebiʼanii hin kaʼanii? Inni tokko duubatti yoo deebiʼe, inni kan biraanis duubatti hin deebiʼuu?   Jiraattonni Yerusaalem, jechuunis sabni kun anaaf amanamoo utuu hin taʼin kan itti fufan maaliifi? Isaan gowwoomsaatti ni cichu;Deebiʼuus hin barbaadan.+   Ani xiyyeeffannaadhaan nan hordofe, dhagaʼuu koos ittan fufe, taʼus akki isaan itti dubbatan sirrii hin turre. Namni hammina isaa irraa yaada geddarate yookiin ‘Maal gochuu koo ti?’ jedhee gaafate hin jiru.+ Akkuma fardi gara dirree waraanaatti didichutti, tokkoon tokkoon namaa gara daandii namoonni hedduun hordofanitti deebiʼuu isaa itti fufe.   Allaattiin awwaannisaa illee waqtii ishii* beekti;Gugeen* bosonaa, simbirroon daalotee fi simbirroon kiilolee* yeroo itti deebiʼan* ni eegu. Sabni koo garuu murtii Yihowaa hin hubatu.”’+   ‘Isin akkamitti, “Nuti ogeeyyii dha, seera* Yihowaas qabna” jechuu dandeessu? Barreessitoonni qalama isaaniitti kan fayyadaman soba barreessuuf+ qofa dha.   Ogeeyyiin qaanaʼaniiru.+ Isaan jeeqamaniiru, ni qabamus. Kunoo, isaan dubbii Yihowaa tuffataniiru,Ogummaa akkamii qabu ree? 10  Kanaafuu, ani haadhotii manaa isaanii dhiirota kan birootiif,Maasiiwwan isaaniis namoota kan birootiif nan kenna;+Sababiin isaas, isa xinnaadhaa hamma isa guddaatti, tokkoon tokkoon isaanii buʼaa sirrii hin taane argachuuf yaalu;+Raajicha irraa hamma lubichaatti, tokkoon tokkoon isaanii gowwoomsaa raawwatu.+ 11  Isaan utuu nagaan hin jiraatin,“Nagaa dha! Nagaa dha!” jechaa,+Caba intala saba kootii irruma keessa walʼaanuuf yaalii godhu. 12  Wanta jibbisiisaa raawwataniif qaaniin isaanitti dhagaʼamaa? Matumaa qaaniin isaanitti hin dhagaʼamu! Isaan wanta saalfii jedhamu iyyuu hin beekan!+ Kanaafuu, isaan warra kufan gidduutti ni kukkufu. Yommuun adaba isaanitti fidus ni gufatu’+ jedha Yihowaan. 13  ‘Yommuun walitti isaan qabu, badiisa isaanitti nan fida. Firiin wayinii muka wayinii irratti hin hafu, firiin harbuu muka harbuu irratti hin hafu, baallis ni coolliga. Wanti ani isaaniif kenne, isaan jalaa ni bada’ jedha Yihowaan.” 14  “As kan teenyu maaliifi? Kottaa walitti qabamnee gara magaalota dallaa dhagaa qabaniitti seennee+ achitti haa dhumnu. Sababiin isaas, Yihowaa irratti cubbuu waan hojjenneef,Waaqni keenya Yihowaan nu balleessa,Akka dhugnuufis bishaan summaaʼe nuuf kenna.+ 15  Nagaa arganna jennee abdanne, garuu wanti gaariin hin dhufne,Yeroon fayyinaa ni dhufa jennee abdanne, garuu jeequmsatu taʼe!+ 16  Daan irraa sagaleen fardeen diinaa ni dhagaʼama. Guutummaan biyyattii,Sagalee fardeen kormaa isaa warra himimsaniin ni kirkirti. Isaan seenanii biyyattii fi wanta ishii keessa jiru hundumaa,Magaalattii fi jiraattota ishiis ni nyaatu.” 17  “Sababiin isaas, ani bofawwan,Bofawwan summii qaban warra dawweeffamuu hin dandeenye isin gidduutti nan erga,Isaanis dhugumaan isin ni hiddu” jedha Yihowaan. 18  Gadda koo irraa jajjabaachuu hin dandeenye;Garaan koos dhukkubsateera. 19  Biyya fagoodhaa,Intala saba kootii irraa iyyi gargaarsaaf dhihaatuu fi“Yihowaan Xiyoon keessa hin jiruu? Mootiin ishii hoo achi keessa hin jiruu?” jedhu ni dhagaʼama. “Isaan fakkiiwwan isaanii warra bocamaniin,Waaqolii ormaa isaanii warra gatii hin qabneenis kan na dheekkamsiisan maaliifi?” 20  “Makarri darbeera, bonnis xumurameera,Nuti garuu fayyina hin arganne!” 21  Ani kufaatii intala saba kootiitiin kan kaʼe caccabeera;+Akka malee gaddeera. Naasuun na qabateera. 22  Giiliyaad keessa baalsaamiin* hin jiruu?+ Yookiin kan fayyisu* achi hin jiruu?+ Maarree, intalli saba kootii dhukkuba irraa kan hin fayyine maaliifi?+

Miiljaleewwan

Ykn., “yeroo ishiidhaaf ramadame.”
Ykn., “Makoodiin; Andariin.”
Gosa simbirroo dimbiixii fakkaattu. Ykn tarii, “allaattiin luka dheerattu.”
Ykn., “itti godaanan.”
Ykn., “barumsa.”
Ykn., “dibanni qabbaneessu.” Baalsaamiin, zayitii urgaawaa mukeetii tokko tokko irraa argamu dha.
Ykn., “ogeessi fayyaa.”