Ermiyaas 9:1-26

  • Gadda cimaa Ermiyaasitti dhagaʼame (1-3a)

  • Yihowaan Yihudaan akka itti gaafatamu godhe (3b-16)

  • Faaruu gaddaa Yihudaadhaaf faarfatame (17-22)

  • Yihowaa beekuudhaan boonuu (23-26)

9  Maal taʼa mataan koo madda bishaanii,Ijji koos burqaa imimmaanii utuu taʼee!+ Silaa warra saba koo keessaa ajjeefamaniifHalkanii guyyaa nan booʼan ture.   Maal taʼa lafa onaa keessatti buufata imaltuu utuun qabaadhee! Hundi isaanii ejjitoota,+Tuuta gantootaas waan taʼaniif,Silaa saba koo dhiisee, irraas fagaadhee nan deeman ture.   Isaan akkuma iddaatti arraba isaanii dabsu;Amanamummaa utuu hin taʼin sobatu biyyattii keessatti babalʼate.+ “Isaan hammina irraa gara hamminaatti ceʼu,Anas hin dhagaʼan”+ jedha Yihowaan.   “Tokkoon tokkoon keessan michuu keessan irraa of eegaa,Obboleessa keessan illee hin amaninaa. Sababiin isaas, obboleessi hundi gantuu,+Michuun hundis maqaa kan balleessu dha.+   Tokkoon tokkoon namaa michuu isaa gowwoomsa,Namni dhugaa dubbatus hin jiru. Arraba isaanii soba dubbachuu barsiisaniiru.+ Wanta dogoggora taʼe raawwachuudhaan of dadhabsu.   Ati namoota gowwoomsan gidduu jiraatta. Isaan gowwoomsitoota waan taʼaniif na beekuu didaniiru” jedha Yihowaan.   Kanaafuu, Yihowaan Gooftaan Raayyaa akkana jedha: “Ani isaan nan baqsa, isaan nan qoras,+Intala saba kootii irratti wanta kan biraa akkamiin gochuu dandaʼa?   Arrabni isaanii iddaa nama ajjeesu isa gowwoomsaa dubbatu dha. Namni tokko afaan isaatiin waaʼee nagaa michuu isaatti dubbata,Keessa isaatti garuu riphee eeggata.”   “Ani* wantoota kanaaf isaan gaafachuu hin qabuu?” jedha Yihowaan. “Saba akkanaa irratti haaloo baʼuu hin qabuu?+ 10  Ani gaarotaaf nan booʼa, faaruu gaddaa nan faarfadha,Iddoowwan dheedichaa lafa onaatiifis faaruu gaddaa nan faarfadha,Isaan waan gubataniif namni tokko illee achi keessa hin darbu,Sagaleen horiis hin dhagaʼamu. Simbirroonni samii fi bineensonni bosonaa baqataniiru; deemaniirus.+ 11  Ani Yerusaalemiin tuullaa dhagaa,+ holqa sardiidotaa nan godha,+Magaalota Yihudaas ona, bakka namni keessa hin jiraanne nan godha.+ 12  Namni ogeessi kana hubachuu dandaʼu eenyu? Inni kana akka labsuuf, afaan Yihowaa eenyutti dubbate? Biyyattiin kan badde maaliifi? Eenyu illee ishii keessa akka hin darbineef,Akka lafa onaatti kan waxalamte maaliifi?” 13  Yihowaanis akkana jedhee deebise: “Kun kan taʼe, isaan seera* koo isan isaan dura kaaʼe waan tuffataniif, isa waan hin hordofneef, akkasumas sagalee kootiif waan hin ajajamneefi. 14  Kanaa mannaa, akkuma abbootiin isaanii isaan barsiisanitti didaa taʼuudhaan,+ yaada ofii isaanii duukaa, fakkiiwwan Baʼaal duukaas ni buʼan.+ 15  Kanaafuu, Waaqa Israaʼel kan taʼe Yihowaan Gooftaan Raayyaa akkana jedha: ‘Kunoo, ani sabni kun hadheessa akka nyaatuu fi bishaan summaaʼe akka dhugu nan godha.+ 16  Saboota warra isaanis taʼan abbootiin isaanii hin beekne gidduutti isaan nan bittinneessa;+ guutummaatti hamman isaan balleessuttis duuba isaaniitiin goraadee nan erga.’+ 17  Yihowaan Gooftaan Raayyaa akkana jedha: ‘Hubannaadhaan deddeebiʼaa. Dubartoota faaruu gaddaa faarfatan waamaa,+Dubartoonni dandeettii qaban akka dhufanis isaanitti dhaamaa; 18  Isaanis ijji keenya imimmaan akka lolaasuuf,Qolli ija keenyaas bishaan akka coccobsuuf,Dafanii dhufanii, sagalee isaanii ol kaasanii faaruu gaddaa nuuf haa faarfatan.+ 19  Sababiin isaas, faaruun gaddaa akkana jedhu Xiyoon keessaa dhagaʼameera:+ “Nuti akkam haxaaʼamnee balleeffamne! Qaaniin keenya akkam guddaa dha! Nuti biyyattii dhiisnee deemneerra, isaanis manneen keenya diiganiiru.”+ 20  Isin dubartoonni, dubbii Yihowaa dhaggeeffadhaa. Gurri keessan dubbii afaan isaa haa dhagaʼu. Ijoollee durbaa keessan booʼicha kana,Walii keessanis faaruu gaddaa kana barsiisaa.+ 21  Sababiin isaas, duuti karaa foddaa keenyaa dhufeera;Inni daandiiwwan irraa ijoollee,Addabaabayiiwwan irraas dargaggoota fudhachuuf,Masaraawwan keenya warra ciccimoo keessa seeneera.’+ 22  Akkana jedhi: ‘Yihowaan akkana jedha: “Reeffi namootaa akkuma dikee dirree irra jiruutti,Akkuma midhaan namni midhaan haamu haamee achumatti dhiisutti ni kukkufa,Namni walitti isaan qabus hin jiru.”’”+ 23  Yihowaan akkana jedha: “Namni ogeessi ogummaa isaatti hin boonin;+Namni jabaan jabina isaatti hin boonin;Namni sooressis sooruma isaatti hin boonin.”+ 24  “Kanaa mannaa inni boonu,Waaʼee koo hubannaa fi beekumsa qabaachuu isaatti,+Ani Yihowaan isa lafa irratti, jaalala amanamaa, haqaa fi qajeelummaa argisiisu taʼuu koo beekuu isaatti haa boonu,+Sababiin isaas, ani wantoota kanatti nan gammada”+ jedha Yihowaan. 25  Yihowaan akkana jedha: “Kunoo, guyyaan ani isa dhaqna qabate, garuu immoo dhugumaan dhaqna hin qabanne hundumaa,+ 26  jechuunis warra Gibxii,+ warra Yihudaa+ fi warra Edoom,+ Amoonotaa+ fi Moʼaabota,+ akkasumas warra rifeensi illee* isaanii haadamee fi lafa onaa keessa jiraatan hundumaa itti adabu ni dhufa;+ sababiin isaas, saboonni hundi dhaqna hin qabanne; guutummaan mana Israaʼelis garaan isaanii dhaqna hin qabamne.”+

Miiljaleewwan

Ykn., “Lubbuun koo.”
Ykn., “barumsa.”
Qaama battee adda irraa karaa mirgaa fi karaa bitaatiin jiru dha.