Faarfannaa 100:1-5
Faarfannaa galataa.
100 Guutummaan lafaa, miira injifannootiin Yihowaadhaaf ililchaa.+
2 Gammachuudhaan Yihowaa tajaajilaa.+
Ililchuudhaanis isa duratti dhihaadhaa.
3 Yihowaan Waaqa taʼuu isaa beekaa.*+
Kan nu tolche isa dha, nutis kan isaa ti.*+
Nuti saba isaa ti, hoolota kaloo isaa keessa jirru dhas.+
4 Galata dhiheessuudhaan gara karrawwan isaatti,+Isa jajachuudhaanis gara mooraawwan isaatti ol seenaa.+
Galata isaaf galchaa; maqaa isaa jajadhaa.+
5 Sababiin isaas, Yihowaan gaarii dha;+Jaalalli isaa inni amanamaan bara baraaf,Amanamummaan isaas dhaloota hundumaa keessatti jabaatee dhaabbata.+