Faarfannaa 108:1-13
Faarfannaa. Faarfannaa Daawit.
108 Yaa Waaqayyo, garaan koo cimaa dha.
Guutummaa eenyummaa kootiin* nan faarfadha, muuziqaas nan qopheessa.+
2 Yaa meeshaa muuziqaa ribuu qabdu nana, dammaqi, yaa baganaa,+ atis dammaqi.
Ani barraaqaan nan kaʼa.
3 Yaa Yihowaa, namoota gidduutti sin jajadha,Saboota gidduuttis faarfannaa galataa siif nan faarfadha.*
4 Sababiin isaas, jaalalli kee inni amanamaan guddaa dha, akka samiiwwaniittis ol kaʼaa dha,+Amanamummaan kees duumessoota bira gaʼa.
5 Yaa Waaqayyo, samiiwwanii olitti ol kan qabamte taʼi;Ulfinni kee guutummaa lafaa irra haa taʼu.+
6 Warri ati jaallattu ooluu akka dandaʼaniif,Harka kee mirgaatiin nu baraari, deebiis naaf kenni.+
7 Waaqayyo qulqullummaa isaatiin* akkana jedhee dubbateera:
“Ani nan gammada, Sheekemiin dhaalaan nan kenna,+Sulula* Suukootis safaree nan kenna.+
8 Akkuma Minaaseen kan koo taʼe, Giiliyaadis+ kan koo ti,Efreem baarmeexaa sibiilaa* mataa kootii ti;+Yihudaan ulee* koo ti.+
9 Moʼaab miʼa dhiqannaa koo ti.+
Edoom irratti kophee koo nan darbadha.+
Filisxeem irrattis miira injifannootiin nan iyya.”+
10 Gara magaalaa dallaa dhagaa qabdutti kan na geessu eenyu?
Hamma Edoomitti kan na geggeessu eenyu?+
11 Yaa Waaqayyo, ati isa nu gate sana,Yaa Waaqa keenya, ati isa raayyaawwan waraanaa keenyaa wajjin baʼuu dhiise sana mitii?+
12 Fayyinni namootaan argamu gatii waan hin qabneef,+Dhiphina keenya keessatti nu gargaari.+
13 Waaqayyo humna nuuf kenna,+Diinota keenya irras ni ejjeta.+
Miiljaleewwan
^ Kal., “Ulfina kootiin illee.”
^ Ykn., “muuziqaa nan qopheessa.”
^ Ykn tarii, “iddoo isaa isa qulqulluu keessaa.”
^ Ykn., “Dirree Gad Buʼaa.”
^ Afaan Ibrootaatiin jechi kun ulee dheeraa kan argisiisu yeroo taʼu, uleen kun mirga ajajaan tokko ajaja kennuuf qabu kan bakka buʼu dha.
^ Kal., “dahoo.”