Faarfannaa 109:1-31
Geggeessaa muuziqaatiif. Faarfannaa Daawit. Faarfannaa.
109 Yaa Waaqa ani jajadhu,+ calluma hin jedhin.
2 Sababiin isaas, hamoonnii fi warri nama gowwoomsan ana irratti afaan isaanii banu.
Isaan arraba sobuun waaʼee koo dubbatu;+
3 Dubbii jibbaatiin natti marsu,Sababii malees na haleelu.+
4 Jaalala ani isaanitti argisiiseef na mormu;+Ani garuu kadhachuu koo ittan fufa.
5 Wanta gaarii ani godheef hamaa,Jaalala ani isaanitti argisiiseefis jibba naaf deebisu.+
6 Nama hamaa isa irratti muudi;Inni mormu* sunis karaa mirga isaa haa dhaabbatu.
7 Yommuu murtiidhaaf dhihaatu, yakkamaa* taʼee haa argamu;Kadhannaan isaa illee akka cubbuutti haa ilaalamu.+
8 Guyyoonni isaa haa xiqqaatan;+Mirga inni ilaaltuu ol aanaa taʼuudhaaf argate namni kan biraan haa fudhatu.+
9 Ijoolleen* isaa kan abbaa hin qabne haa taʼan,Haati manaa isaas dubartii abbaan manaa irraa duʼe haa taatu.
10 Ijoolleen* isaa kadhattoota asii fi achi jooran,Mana isaanii isa diigame keessaa baʼanii nyaata kan barbaaddatan haa taʼan.
11 Kan isaaf liqeesse wanta inni qabu hunda haa fudhatu,*Namoonni ormaas qabeenya isaa haa saaman.
12 Eenyu illee gaarummaa* isatti hin argisiisin,Eenyu illee ijoollee isaa warra abbaa hin qabnetti gara laafina hin argisiisin.
13 Sanyiiwwan isaa* haa balleeffaman;+Maqaan isaaniis dhaloota gidduudhaa haa haqamu.
14 Balleessaan abbootii isaa Yihowaa biratti haa yaadatamu,+Cubbuun haadha isaas hin haqamin.
15 Yihowaan wanta isaan godhan yeroo hunda haa yaadatu;Yaadannoo isaaniis lafa irraa haa balleessu.+
16 Sababiin isaas, inni gaarummaa* argisiisuu hin yaadanne,+Kanaa mannaa isa ajjeesuuf jedhee,+Nama cunqurfame, hiyyeessaa fi nama garaan isaa cabe* hordofuu isaa itti fufe.+
17 Inni abaarsa labsuu waan jaallateef, abaarsi isa irratti ni dhufe;Inni eebbisuuf fedhii waan hin qabneef, eebba hin arganne.
18 Akkuma uffata isaatti abaarsa uffatee ture.
Isaan akkuma bishaaniitti qaama isaa keessatti,Akkuma zayitiittis lafeewwan isaa keessatti dhangalaʼanii turan.
19 Abaarsi isaa akkuma uffata ofitti maruu,+Akkuma qabattoo yeroo hunda hidhatuus haa taʼu.
20 Gatiin namni na mormu,Warri wanta hamaa na* irratti dubbatanis Yihowaa biraa argatan kana dha.+
21 Ati garuu yaa Yihowaa Gooftaa Ol Aanaa,Maqaa keetiif jedhiitii tarkaanfii naaf fudhadhu.+
Jaalalli kee inni amanamaan gaarii waan taʼeef na oolchi.+
22 Ani nama gargaarsa hin qabnee fi hiyyeessa dha,+Onneen koos na keessatti waraanameera.+
23 Ani akka gaaddidduu baduutti nan darba;Akka awwaannisaattis raafamee hurgufameera.
24 Sooma irraa kan kaʼe jilbi koo laafeera,Qaamni koo huqqateera, dhumaan jiras.*
25 Ani arrabsoo isaaniitiif saaxilameera.+
Yommuu na argan mataa isaanii raasu.+
26 Yaa Waaqa koo Yihowaa, na gargaari;Jaalala kee isa amanamaadhaan na oolchi.
27 Kun kan taʼe harka keetiin taʼuu isaa,Yaa Yihowaa, kana kan raawwate si taʼuu kee haa beekan.
28 Isaan haa abaaran, ati garuu eebbisi.
Isaan yommuu na irratti kaʼan haa qaanaʼan,Tajaajilaan kee garuu haa gammadu.
29 Warri na morman salphina haa uffatan;Isaan akkuma uffataatti* qaanii isaaniitiin haa haguugaman.+
30 Afaan koo garaadhaa Yihowaa jajata;Namoota hedduu duratti isa nan jajadha.+
31 Sababiin isaas, inni warra isa* balaaleffatan irraa isa oolchuuf,Karaa mirgaa isa hiyyeessa taʼe sanaa ni dhaabbata.
Miiljaleewwan
^ Ykn., “Inni himatu.”
^ Ykn., “hamaa.”
^ Kal., “Ilmaan.”
^ Kal., “Ilmaan.”
^ Ykn., “Warri dhalaan liqeessan wanta inni qabu hundumaatiif kiyyoo haa kaaʼan.”
^ Ykn., “jaalala amanamaa.”
^ Ykn., “Dhaloonni isaa warri gara fuulduraatti dhufan.”
^ Ykn., “jaalala amanamaa.”
^ Ykn., “gadde.”
^ Ykn., “lubbuu koo.”
^ Kal., “Foon koo huqqateera, cooma (zayitii) hin qabu.”
^ Ykn., “qolootti.”
^ Ykn., “lubbuu isaa.”