Faarfannaa 13:1-6
Geggeessaa muuziqaatiif. Faarfannaa Daawit.
13 Yaa Yihowaa, hamma yoomiitti na irraanfatta? Bara baraafii?
Hamma yoomiitti fuula kee na jalaa dhoksita?+
2 Guyyaa guyyaadhaan garaa kootti gaddaa,Hamma yoomiittan yaaddoo cimaa qabaadha?
Diinni koo hamma yoomiitti na moʼa?+
3 Yaa Waaqa koo Yihowaa, na ilaali, deebiis naaf kenni.
Akkan hin duuneef,* ija kootiif ifa kenni;
4 Diinni koos, “Ani isa moʼeera!” hin jedhin.
Warri na morkatan kufaatii kootti akka gammadan hin godhin.+
5 Ani garuu, jaalala kee isa amanamaatti nan amanama;+Garaan koos gochawwan fayyinaa keetti ni gammada.+
6 Inni guddisee waan na kiiseef,+ ani Yihowaa nan faarfadha.
Miiljaleewwan
^ Kal., “duʼaan hin rafneef.”