Faarfannaa 137:1-9
137 Lageen Baabilon+ bira ni teenye.
Yommuu Xiyooniin yaadannettis ni boonye.+
2 Baganaawwan keenyaMukeetii alaltuu ishii* gidduu turan irratti fannisne.+
3 Achitti warri nu boojiʼan faarfannaa tokko akka isaaniif faarfannu nu gaafatan,+“Faarfannaawwan Xiyoon keessaa isa tokko nuu faarfadhaa”Jedhanii nutti qoosuudhaan akka isaan bashannansiisnu barbaadan.
4 Biyya ormaa keessattiAkkamitti faarfannaa Yihowaa faarfachuu dandeenya?
5 Yaa Yerusaalem, yoon si irraanfadhe,Harki koo mirgaa hojii isaa haa irraanfatu.*+
6 Ani yoon si yaadachuu baadhe,Yerusaalemiin wantan hundumaa caalaa itti gammaduGararraa yoon gochuu baadhe,+Arrabni koo laagaa kootti haa maxxanu.
7 Yaa Yihowaa,Guyyaa Yerusaalem kuftetti wanta Edoomonni,“Ishii diigaa! Hamma buʼuurawwan ishiitti ishii diigaa!”+ jechuudhaan dubbatan yaadadhu.
8 Yaa intala Baabilon ishii yeroo dhihootti balleeffamtu nana,+Inni akkuma nu cunqursitetti si cunqursuudhaanGatii kee siif deebisu gammadaa ni taʼa.+
9 Inni ijoollee kee qabeeQarsaawwanitti gad rukutu gammadaa ni taʼa.+