Faarfannaa 148:1-14

  • Uumamni hundi Yihowaa jajata

    • “Maleekonni isaa hundi isa jajadhaa” (2)

    • ‘Aduun, addeessii fi urjiileen isa jajadhaa’ (3)

    • Dargaggoo fi maanguddoonni Waaqa jajadhaa (12, 13)

148  Yaahiin jajadhaa!* Samiiwwan irraa Yihowaa jajadhaa;+Ol gubbaa keessatti isa jajadhaa.   Maleekonni isaa hundi isa jajadhaa.+ Guutummaan raayyaa isaa+ isa jajadhaa.   Aduu fi addeessi isa jajadhaa. Urjiileen ibsitan hundi isa jajadhaa.+   Samiiwwan warri hunda irra caalaa ol gubbaa jirtan,*Bishaanonni samiiwwanii olitti argamtanis isa jajadhaa.   Inni ajajuu isaatiin waan uumamaniif,+Isaan maqaa Yihowaa haa jajatan.   Inni baraa hamma bara baraatti isaan hundeesseera;+Labsii hin darbines baaseera.+   Lafa irraa Yihowaa jajadhaa,Isin uumamawwan galaanaa guguddaa taatanii fi bishaanonni gad fagoon hundi,   Isin bakakkaan, cabbii guguddaan, cabbiinii fi duumessi cimaan,Ati obomboleettiin inni dubbii isaa raawwattu,+   Isin gaaronni, tabbawwan hundis,+Isin mukeetiin firii godhattan, mukeetiin gaattiraa hundis,+ 10  Isin bineensonni bosonaa,+ horiiwwan qeʼee hundis,Isin uumamawwan munyuuqxanii fi simbirroonni baallee qabdan, 11  Isin mootonni lafaa, saboonni hundis,Isin bulchitoonni, abbootiin murtii lafaa hundis,+ 12  Isin dardarrii fi shamarran,*Maanguddoonnii fi ijoolleen waliin isa jajadhaa. 13  Maqaan isaa qofti matumaa kan bira hin gaʼamne waan taʼeef,Isaan maqaa Yihowaa haa jajatan.+ Ulfinni isaa lafaa fi samiidhaa oli.+ 14  Inni warri isaaf amanamoo taʼan hundi akka jajamaniif jedhee,Jabina* saba isaa,Jabina ilmaan Israaʼel warra isatti dhihoo jiranii ol ni kaasa. Yaahiin jajadhaa!*

Miiljaleewwan

Ykn., “Halleeluyaah!” Jechi, “Yaah” jedhu maqaan Yihowaa yommuu gabaabaatti barreeffamu dha.
Kal., “Samiiwwan samiiwwanii.”
Kal., “durboonni.”
Kal., “Gaanfa.”
Ykn., “Halleeluyaah!” Jechi, “Yaah” jedhu maqaan Yihowaa yommuu gabaabaatti barreeffamu dha.