Faarfannaa 20:1-9
-
Mootii Waaqni dibeef fayyinni haa taʼu
-
Tokko tokko gaarii fardaa fi fardeenitti amanamu, ‘nuti garuu maqaa Yihowaa waammanna’ (7)
-
Geggeessaa muuziqaatiif. Faarfannaa Daawit.
20 Guyyaa dhiphinaatti Yihowaan kadhannaa keetiif deebii siif haa kennu.
Maqaan Waaqa Yaaqoob si haa eegu.+
2 Inni iddoo qulqulluu irraa gargaarsa siif haa ergu,+Xiyoon irraas deggersa siif haa godhu.+
3 Kennaawwan kee warra aarsaa taʼanii dhihaatan hunda haa yaadatu;Aarsaa kee isa gubamus gammachuudhaan haa fudhatu.* (Seelaa)
4 Fedhii garaa keetii siif haa guutu,+Karoora* kee hundumaas siif haa milkeessu.
5 Gochawwan fayyinaa keetti ni ililchina;+Maqaa Waaqa keenyaatiin faajjii keenya ol ni kaasna.+
Yihowaan kadhata kee hundumaa siif haa raawwatu.
6 Yihowaan isa dibe sana akka oolchu amma ani beekeera.+
Inni samii isaa isa qulqulluu taʼe irraa,Harka isaa mirgaatiin fayyina* guddaadhaan deebii isaaf ni kenna.+
7 Tokko tokko gaariiwwan fardaatti, warri kaanis fardeenitti amanamu,+Nuti garuu maqaa Waaqa keenya Yihowaa ni waammanna.+
8 Isaan gufatanii kufaniiru,Nuti garuu kaanee iddootti deebineerra.+
9 Yaa Yihowaa, mooticha oolchi!+
Inni guyyaa gargaarsa argachuuf iyyannutti deebii nuuf kenna.+