Faarfannaa 25:1-22
Faarfannaa Daawit.
א [Aleef]
25 Yaa Yihowaa, ani gara keetti nan garagala.*
ב [Beet]
2 Yaa Waaqa koo, ani sittan amanama;+Na hin qaanessin.+
Diinonni koo rakkina na irra gaʼetti akka gammadan hin godhin.+
ג [Giimel]
3 Namni si abdatu kam iyyuu matumaa hin qaanaʼu,+Warra sababa malee haxxummaa raawwatan garuu qaaniitu eeggata.+
ד [Daalet]
4 Yaa Yihowaa, karaa kee na beeksisi;+Daandii kee na barsiisi.+
ה [Hii]
5 Ati Waaqa fayyinaa koo waan taateef,Dhugaa kee keessa akkan deddeebiʼu godhi, na barsiisis.+
ו [Waaw]
Guyyaa guutuu ani sin abdadha.
ז [Zaayin]
6 Yaa Yihowaa, gara laafina kee fi jaalala kee isa amanamaa,+Yeroo hunda argisiistu* sana yaadadhu.+
ח [Heet]
7 Cubbuun bara dargaggummaatti raawwadhee fi balleessaa koo hin yaadatin.
Yaa Yihowaa, gaarummaa keetiif jedhiitii,+Akka jaalala kee isa amanamaatti na yaadadhu.+
ט [Teet]
8 Yihowaan gaarii fi qajeelaa dha.+
Cubbamoonni daandii jireenyaa irra akka deeman kan barsiisu kanaafi.+
י [Yood]
9 Inni garraamota karaa sirrii* taʼe irra ni geggeessa,+Daandii isaas isaan barsiisa.+
כ [Kaaf]
10 Warra kakuu+ isaa fi yaadachiisawwan+ isaa eeganiif,Daandiiwwan Yihowaa hundi jaalala isaa isa amanamaa fi amanamummaa isaa mulʼisu.
ל [Laamed]
11 Yaa Yihowaa, dogoggorri koo guddaa taʼus,Maqaa keetiif jedhii+ naaf dhiisi.
מ [Meem]
12 Namni Yihowaa sodaatu eenyu?+
Waaqayyo waaʼee daandii inni filachuu qabuu isa ni barsiisa.+
נ [Nuun]
13 Inni* wanta gaarii taʼe ni argata,+Sanyiiwwan isaas lafa ni dhaalu.+
ס [Saamek]
14 Warri isa sodaatan Yihowaa wajjin michummaa cimaa qabu,+Innis kakuu isaa isaan beeksisa.+
ע [Ayiin]
15 Inni miilli koo kiyyoo irraa walaba akka taʼu waan godhuuf,+Ijji koo yeroo hunda gara Yihowaa ni ilaala.+
פ [Pee]
16 Ani koʼeessaa fi gargaaraa kan hin qabne waanan taʼeef,Fuula kee gara kootti naannessi, gaarummaas natti argisiisi.
צ [Tsadee]
17 Dhiphinni garaa kootii baayʼateera;+Yaaddoo koo irraa bilisa na baasi.
ר [Reesh]
18 Dhiphina koo fi rakkina koo ilaali,+Cubbuu koo hundumaas naaf dhiisi.+
19 Diinonni koo hammam akka baayʼatan,Jibbi isaan naaf qabanis hammam guddaa akka taʼe ilaali.
ש [Shiin]
20 Lubbuu koo eegi, na oolchis.+
Ani kooluu waanan sitti galeef, na hin qaanessin.
ת [Taaw]
21 Ani waanan si abdadhuuf,+Amanamummaa fi qajeelummaan koo na haa eegan.+
22 Yaa Waaqayyo, dhiphina isaa hundumaa irraa Israaʼeliin oolchi.*
Miiljaleewwan
^ Ykn., “lubbuu koo sitti ol nan kaasa.”
^ Ykn., “Warra bara duriitii jalqabee jiran.”
^ Kal., “haqa.”
^ Ykn., “Lubbuun isaa.”
^ Kal., “furi.”