Faarfannaa 27:1-14
Faarfannaa Daawit.
27 Yihowaan ifa+ koo fi fayyisaa koo ti.
Eenyuunan sodaadha?+
Yihowaan lubbuu kootiif dahoo dha.+
Eenyutu na naasisa?
2 Namoonni hamoon foon koo nyaachuuf yommuu na haleelanitti,+Gufatanii kan kufan hamajaajotaa fi diinota koo ti.
3 Raayyaan waraanaa yoo natti marse iyyuu,Garaan koo hin sodaatu.+
Waraanni ana irratti yoo banames,Yeroo sanatti iyyuu ani sodaa maleen jiraadha.
4 Wanta tokko Yihowaa nan gaafadha,Isas hawwiidhaan nan eeggadha,Innis bara jireenyaa koo hundumaatti mana Yihowaa keessa jiraachuu,+Gaarummaa Yihowaa arguu,Mana qulqullummaa* isaas dinqisiifannaadhaan* ilaaluu dha.+
5 Inni guyyaa badiisaatti gaaddisa isaa keessa na dhoksa;+Iddoo dhokataa dunkaana isaa keessatti na golga;+Qarsaa ol kaʼaa irras na kaaʼa.+
6 Mataan koo diinota koo warra natti marsanii olitti argama;Dunkaana isaa keessatti ililchuudhaan aarsaa isaaf nan dhiheessa;Yihowaadhaaf faarfannaa galataa nan faarfadha.*
7 Yaa Yihowaa, yommuun iyyu na dhagaʼi;+Gaarummaa natti argisiisi, deebiis naaf kenni.+
8 Garaan koo ajaja ati,“Fuula koo barbaaddadhaa” jettee kennite natti himeera.
Yaa Yihowaa, ani fuula kee nan barbaaddadha.+
9 Fuula kee na jalaa hin dhoksin.+
Dheekkamsa keetiin tajaajilaa kee of irraa hin deebisin.
Ati gargaaraa koo ti.+
Yaa Waaqa fayyinaa koo, na hin gatin, na hin dhiisinis.
10 Abbaan kiyyaa fi haati tiyya yoo na dhiisan illee,+Yihowaan na simata.+
11 Yaa Yihowaa, karaa kee na barsiisi,+Diinota koo irraa kan kaʼe, daandii qajeelummaa irra na geggeessi.
12 Ragoonni sobaa ana irratti waan kaʼaniif,+Hamminaanis waan na doorsisaniif,Harka* diinota kootti dabarsitee na hin kennin.+
13 Yommuun lubbuudhaan jirutti gaarummaa Yihowaa akkan argu,+Utuun amantii hin qabu taʼee, silaa maalan taʼan ture?*
14 Yihowaa abdadhu;+Onnadhu, garaan kees cimaa haa taʼu.+
Eeyyee, Yihowaa abdadhu.
Miiljaleewwan
^ Ykn., “Iddoo qulqulluu.”
^ Ykn., “irratti xiinxaluudhaan.”
^ Ykn., “muuziqaa nan qopheessa.”
^ Ykn., “Lubbuu.”
^ Ykn tarii, “Yommuun lubbuudhaan jirutti gaarummaa Yihowaa akkan argu amantii akkan qabu mirkanaaʼaa dha.”