Faarfannaa 29:1-11
Faarfannaa Daawit.
29 Isin ilmaan warra jajjaboo, wanta isaaf malu Yihowaadhaaf kennaa,Ulfinaa fi jabina isaatiif wanta isaaf malu Yihowaadhaaf kennaa.+
2 Ulfina maqaa isaatiif malu Yihowaadhaaf kennaa.
Uffata qulqullummaa uffadhaatii* Yihowaadhaaf sagadaa.*
3 Sagaleen Yihowaa bishaanota gubbaatti ni dhagaʼame;Waaqni ulfina qabeessi ni kakawweessaʼa.+
Yihowaan bishaanota hedduu irra jira.+
4 Sagaleen Yihowaa humna qabeessa dha;+Sagaleen Yihowaa ulfina qabeessa dha.
5 Sagaleen Yihowaa mukeetii gaattiraa ni caccabsa;Eeyyee, Yihowaan mukeetii gaattiraa Libaanon ni hurreessa.+
6 Inni Libaanon* akka jabbiitti,Siriyoonis+ akka ilmoo gafarsaatti akka utaalu godha.
7 Sagaleen Yihowaa labooba ibiddaatiin ni rukuta.+
8 Sagaleen Yihowaa lafti onaan akka hollatu godha;+Yihowaan lafti onaan Qaadesh+ akka hollatu godha.
9 Sagaleen Yihowaa gadamsi akka hollattuu fi akka dhaltu godha,Bosonas qullaatti hambisa.+
Mana qulqullummaa isaa keessa kan jiran hundi, “Ulfinni Waaqayyoof haa taʼu!” jedhu.
10 Yihowaan bishaan badiisaatii* olitti teessoo irra taaʼa;+Yihowaan Mootii taʼee bara baraaf teessoo irra taaʼa.+
11 Yihowaan saba isaatiif jabina kenna.+
Yihowaan saba isaa nagaadhaan eebbisa.+
Miiljaleewwan
^ Ykn tarii, “Ulfina qulqullummaa isaatiin kan kaʼe.”
^ Ykn., “Yihowaa waaqeffadhaa.”
^ Kun gaarreen wal qabatoo Libaanon kan argisiisu taʼuu hin oolu.
^ Ykn., “garba samiitii.”