Faarfannaa 33:1-22

  • Uumaa jajachuu

    • “Faarfannaa haaraa isaaf faarfadhaa” (3)

    • Uumamawwan dubbii fi hafuura Yihowaatiin uumaman (6)

    • Sabni Yihowaa gammadaa dha (12)

    • Ijji Yihowaa ni ilaala (18)

33  Isin qajeelonni wantoota Yihowaan raawwateen kan kaʼe ililchaa.+ Qajeelonni isa jajachuun isaanii sirrii dha.   Baganaadhaan Yihowaadhaaf galata galchaa;Meeshaa muuziqaa ribuu kudhan qabuun faarfannaa galataa isaaf faarfadhaa.*   Faarfannaa haaraa isaaf faarfadhaa;+Meeshaa muuziqaa ribuu qabuun akka gaariitti taphadhaa, ililchaas.   Sababiin isaas, dubbiin Yihowaa qajeelaa dha,+Wanti Waaqayyo godhu hundis kan amanamu dha.   Inni qajeelummaa fi haqa ni jaallata.+ Lafti jaalala Yihowaa isa amanamaadhaan guutamteetti.+   Dubbii Yihowaatiin samiiwwan,Hafuura afaan isaatiinis wantoonni isaan keessa jiran* hundi tolfamaniiru.+   Inni akkuma hidhaatti bishaanota walitti ni qaba;+Dambaliiwwan bishaaniis manneen kuusaa keessa ni kaaʼa.   Guutummaan lafaa Yihowaa haa sodaattu.+ Jiraattonni lafa oomisha kennituus kabaja guddaa isaaf haa qabaatan.   Inni ni dubbate, wanti inni dubbates ni raawwatame;+Inni ni ajaje, wanti inni ajajes jabaatee dhaabbate.+ 10  Yihowaan mala haxxummaa* saboonni qopheessan ni fashaleesse;+Karoora* sabootaas ni gufachiise.+ 11  Murtoon* Yihowaa garuu bara baraaf jabaatee dhaabbata;+Wanti inni garaa isaatti yaade dhalootaa hamma dhalootaatti jiraata. 12  Sabni Waaqni isaa Yihowaa taʼe,Sabni inni qabeenya dhuunfaa isaa godhee filates gammadaa dha.+ 13  Yihowaan samii irraa gad ni ilaala;Ilmaan namootaa hundumaas ni arga.+ 14  Bakka jireenyaa isaatiiJiraattota lafa irraa ni arga. 15  Garaa namoota hundumaa kan tolchu isa dha;Inni hojiiwwan isaanii hundumaa ni qora.+ 16  Mootiin raayyaa waraanaa hedduu qabaachuudhaan oolu hin jiru;+Namni jabaanis humna isaa isa guddaadhaan hin oolu.+ 17  Fardi fayyina* argamsiisa jedhanii amanamuun abdii gatii hin qabne dha;+Jabinni isaa inni cimaanis miliquuf wabii hin taʼu. 18  Kunoo, ijji Yihowaa warra isa sodaatan,Warra jaalala isaa isa amanamaa eeggatan ni ilaala;+ 19  Kanas kan godhu, duʼa irraa isaan* oolchuuf,Yeroo beelaattis lubbuudhaan isaan tursuufi.+ 20  Nuti* abdiidhaan Yihowaa eegganna. Inni gargaaraa keenyaa fi gaachana keenya.+ 21  Maqaa isaa isa qulqulluutti waan amanamnuuf,Garaan keenya isatti ni gammada.+ 22  Yaa Yihowaa, yommuu si eeggannutti,+Jaalalli kee inni amanamaan nu irra haa buufatu.+

Miiljaleewwan

Ykn., “muuziqaa qopheessaa.”
Kal., “raayyaan waraanaa isaanii.”
Ykn., “gorsa.”
Ykn., “Yaada.”
Ykn., “Gorsi.”
Ykn., “injifannoo.”
Ykn., “lubbuu isaanii.”
Ykn., “Lubbuun keenya.”