Faarfannaa 45:1-17

  • Cidha mootii dibamee

    • Dubbiin isaa gaarummaa qaba (2)

    • “Waaqayyo baraa hamma bara baraatti aangoo mootii siif ni kenna” (6)

    • Miidhaginni misirrittii mooticha hawwateera (11)

    • Ilmaan guutummaa lafaa irratti bulchitoota taʼanii muudaman (16)

Geggeessaa muuziqaatiif; “Abaaboowwaniin.” Faarfannaa ilmaan Qoraa.+ Maaskiil.* Faarfannaa jaalalaa. 45  Wanti gaariin tokko garaa koo kakaaseera. “Faarfannaan* koo waaʼee mootii ti”+ nan jedha. Arrabni koo akka qalama+ garagalchituu* dandeettii qabuu+ haa taʼu.   Ilmaan namootaa keessaa ati hunda caalaa bareedaa dha. Afaan kee keessaa dubbiin gaarummaa ni dhangalaʼa.+ Waaqayyo bara baraaf kan si eebbise kanaafi.+   Yaa isa jabaa nana,+ ulfinaa fi simboo keetiin,+Goraadee kee mudhii keetti hidhadhu.+   Simboo keetiin injifannoodhaaf* qajeeli;+Dhugaadhaaf, gad of qabuu fi qajeelummaadhaaf jedhiitii gulufi,+Harki kee mirgaa wantoota sodaachisoo taʼan ni raawwata.*   Xiyyawwan kee qara waan taʼaniif, namoota si duratti ni kukuffisu;+Onnee diinota mootichaas ni waraanu.+   Waaqayyo baraa hamma bara baraatti aangoo mootii siif ni kenna;*+Uleen mootummaa kee ulee qajeelinaa* ti.+   Ati qajeelummaa jaallattee+ jalʼina jibbite.+ Waaqayyo inni Waaqa kee taʼe hiriyoota kee caalchisee zayitii gammachuutiin+ kan si dibe kanaafi.+   Uffatawwan kee hundi urgaa qumbii, argisaa* fi qaasiyaa* qabu;Mana mootummaa guddaa ilka arbaa irraa tolfame keessaa meeshaawwan muuziqaa ribuu qaban si gammachiisu.   Ijoolleen durbaa moototaa giiftiiwwan ulfinaa kee keessaa tokko dha. Mootittiin warqii Ofiiriin+ miidhagfamtee harka mirgaa keetiin dhaabbatteetti. 10  Yaa intala too, dhagaʼi, xiyyeeffannaadhaan dhaggeeffadhu, gurra kees as qabi;Saba kee fi mana abbaa keetii irraanfadhu. 11  Miidhaginni kee mooticha hawwateera,Inni gooftaa kee waan taʼeef,Isaaf sagadi. 12  Intalli Xiiros kennaa fiddee dhufti;Namoonni hunda caalaa sooreyyii taʼanis si biratti fudhatama argachuu barbaadu. 13  Intalli mootichaa baayʼee miidhagdee mana mootummaa keessa teesseetti;*Uffanni ishiis warqiidhaan* miidhagfameera. 14  Ishiin uffata* xilfiin irratti dhaʼame uffattee gara mootichaatti geeffamti. Durboonni michoota ishii taʼanii fi ishii duukaa buʼanis si duratti dhiheeffamu. 15  Isaan ililchuudhaan, gammachuudhaanis si duratti dhiheeffamu;Gara mana mootummaa mootichaattis ni seenu. 16  Ilmaan kee iddoo abbootii keetii ni fudhatu. Atis guutummaa lafaa irratti bulchitoota gootee isaan muudda.+ 17  Ani dhaloota dhufu hundumaa keessatti maqaa kee nan beeksisa.+ Namoonni baraa hamma bara baraatti kan si jajatan kanaafi.

Miiljaleewwan

Kal., “Hojiiwwan.”
Ykn., “barreessaa.”
Ykn., “milkaaʼinaaf.”
Kal., “si barsiisa.”
Kal., “teessoo kee ti.”
Ykn., “haqaa.”
Akaakuu mukaa foolii urgaaʼu qabuu fi bara duriitti akka urgooftuutti tajaajilu dha.
Muka akaakuu qarafaa taʼe.
Kal., “miidhagdee keessa teesseetti.”
Kal., “foʼaa warqii irraa tolfameen.”
Ykn tarii, “qamisii.”