Faarfannaa 6:1-10

  • Kadhannaa gaarummaa Waaqaa argachuuf dhihaate

    • Warri duʼan Waaqa hin jajatan (5)

    • Waaqni kadhannaa gaarummaa isaa argachuuf dhihaate ni dhagaʼa (9)

Geggeessaa muuziqaatiif; rukuttaa Shaminiitiin* meeshaawwan muuziqaa ribuu qabaniin kan faarfatamu. Faarfannaa Daawit. 6  Yaa Yihowaa, dheekkamsa keetiin na hin adabin,Aarii keetiinis sirreeffama naaf hin kennin.+   Yaa Yihowaa, humni koo dadhabaa waan jiruuf gaarummaa* natti argisiisi. Yaa Yihowaa, lafeen koo hollachaa waan jiruuf na fayyisi.+   Eeyyee, ani* baayʼee jeeqameera,+Yaa Yihowaa, kun hamma yoomiitti itti fufa?+ jedheen si gaafadha.   Yaa Yihowaa, deebiʼii na* baraari;+Jaalala kee isa amanamaadhaaf jedhiitii na oolchi.+   Warri duʼan maqaa kee hin dhaʼan;*Awwaala* keessatti hoo kan si jajatu eenyu?+   Aaduu koo irraa kan kaʼe bututeera;+Halkan guutuu siree koo imimmaaniin nan jiisa;*Iddoo ciisichaa koos booʼichaan nan dhiqa.+   Gadda koo irraa kan kaʼe ijji koo ni dadhabe;+Warra na miidhan hundumaatiin kan kaʼes ni dukkanaaʼe.*   Yihowaan sagalee booʼicha kootii waan dhagaʼuuf,+Isin warri hammina raawwattan hundi na biraa deemaa.   Yihowaan gaaffii ani gaarummaa isaa argachuuf dhiheessu ni dhagaʼa;+Yihowaan kadhannaa kootiif deebii ni kenna. 10  Diinonni koo hundi ni qaanaʼu, ni jeeqamus;Isaan hatattamaan salphatanii duubatti deebiʼu.+

Miiljaleewwan

Ykn., “gara laafina.”
Ykn., “lubbuun koo.”
Ykn., “lubbuu koo.”
Ykn., “hin yaadatan.”
Ykn., “Siʼool,” jechuunis, bakka ilmaan namootaa hundi itti awwaalaman. Ibsa Jechootaa ilaali.
Kal., “sireen koo akka bishaan daaku nan godha.”
Ykn., “ni dulloome.”