Faarfannaa 86:1-17
Kadhannaa Daawit.
86 Yaa Yihowaa, cunqurfamaa fi hiyyeessa waanan taʼeef,Gurra kee natti qabi,* deebiis naaf kenni.+
2 Amanamaa waanan taʼeef, lubbuu koo eegi.+
Waaqa koo waan taateef,Ana tajaajilaa kee isa sitti amanamu oolchi.+
3 Guyyaa guutuu waanan si waammadhuuf,+Yaa Yihowaa, gaarummaa natti argisiisi.+
4 Yaa Yihowaa, gara keetti waanan garagaleef,*Ana tajaajilaa kee* gammachiisi.
5 Yaa Yihowaa, ati gaarii dha,+ dhiifama gochuufis qophaaʼaa dha;+Warra si waammatan hundumaatti jaalala amanamaa hedduu ni argisiista.+
6 Yaa Yihowaa, kadhannaa koo dhaggeeffadhu;Kadhata ani gargaarsa argachuuf dhiheessus xiyyeeffannaadhaan dhagaʼi.+
7 Deebii waan naa kennituuf,+Guyyaa dhiphina kootiitti sin waammadha.+
8 Yaa Yihowaa, waaqolii gidduudhaa kan akka keetii hin jiru,+Hojiin kan akka hojii keetiis hin jiru.+
9 Yaa Yihowaa, saboonni ati tolchite hundi,Dhufanii si duratti ni sagadu,+Maqaa keetiifis ulfina ni kennu.+
10 Sababiin isaas, ati guddaa dha, wantoota dinqisiisoo taʼanis ni raawwatta;+Ati Waaqa dha, si malee kan biraan hin jiru.+
11 Yaa Yihowaa, waaʼee daandii keetii na barsiisi.+
Anis dhugaa kee keessa nan deddeebiʼa.+
Maqaa kee akkan sodaadhuuf, garaa koo tokko naaf godhi.*+
12 Yaa Waaqa koo Yihowaa, garaa koo guutuudhaan sin jajadha,+Maqaa keetiifis bara baraaf ulfina nan kenna;
13 Sababiin isaas, jaalalli amanamaan ati natti argisiiste guddaa dha,Lubbuu koos Awwaala* gad fagoo irraa oolchiteetta.+
14 Yaa Waaqayyo, namoonni of tuulan ana irratti kaʼu;+Tuutni namoota gara jabeeyyii lubbuu koo balleessuu barbaada,*Isaan siif ulfina hin kennan.*+
15 Ati garuu yaa Yihowaa, Waaqa araara qabeessaa fi gara laafessa* taʼe,Aariidhaaf suuta kan jettu, jaalalli kee inni amanamaanii fi amanamummaan* kee baayʼee kan taʼe dha.+
16 Gara kootti garagali, gaarummaas natti argisiisi.+
Tajaajilaa keetiif jabina kee kenni,+Ilma garbittii teetiis oolchi.
17 Warri na jibban isa arganii akka qaanaʼaniif,Mallattoo* gaarummaa keetii natti argisiisi.
Sababiin isaas, yaa Yihowaa, ati isa na gargaaruu fi na jajjabeessu dha.
Miiljaleewwan
^ Ykn., “Gad jedhii na dhaggeeffadhu.”
^ Ykn., “lubbuu koo waanan sitti ol kaaseef.”
^ Ykn., “Lubbuu tajaajilaa keetii.”
^ Ykn., “garaa hin hihiramne naaf kenni.”
^ Ykn., “Siʼool,” jechuunis, bakka ilmaan namootaa hundi itti awwaalaman. Ibsa Jechootaa ilaali.
^ Ykn., “siin of dura hin kaaʼan.”
^ Ykn., “lubbuu koo barbaada.”
^ Ykn., “arjaa.”
^ Ykn., “dhugaan.”
^ Ykn., “Ragaa.”