Faaruu Ermiyaas 1:1-22

  • Yerusaalem dubartii abbaan manaa irraa duʼetti fakkeeffamte

    • Magaalattiin kophaatti hafti (1)

    • Cubbuu guddaa Xiyoon raawwatte (8, 9)

    • Waaqni Xiyooniin tuffate (12-15)

    • Xiyooniin kan jajjabeessu hin jiru (17)

א [Aleef]* 1  Magaalaan namootaan guutamtee turte, amma akkamitti kophaa teesse!+ Ishiin saboota naannoo ishiitti argaman hundumaa caalaa namootaan guutamtee turte, akkamitti akka dubartii abbaan manaa irraa duʼee taate!+ Ishiin mootuu koonyaawwanii turte, akkamitti hojii dirqamaa akka hojjettu godhamte!+ ב [Beet]   Halkan mararamtee boossi,+ imimmaan ishiis maddii* ishii irra yaaʼa. Warra ishii jaallatan hundumaa keessaa kan ishii jajjabeessu tokko illee hin jiru.+ Michoonni ishii hundi ishii gananiiru;+ diinota ishiis taʼaniiru. ג [Giimel]   Yihudaan cunqurfamtee fi garbummaa hamaa jala galtee+ boojuudhaan fudhatamteetti.+ Ishiin saboota gidduu jiraachuu qabdi;+ bakka boqonnaas hin argattu. Warri ishii ariʼatan hundi yeroo dhiphina ishiitti hordofanii ishii qabataniiru. ד [Daalet]   Eenyu iyyuu gara ayyaanichaatti waan hin dhufneef, daandiiwwan gara Xiyoonitti geessan gaddaa jiru.+ Karrawwan ishii hundi onaniiru;+ luboonni ishii aadaa jiru. Durboonni* ishii gaddaa jiru, ishiinis dhiphina guddaa keessa jirti. ה [Hii]   Hamajaajonni ishii amma gooftolii* ishii taʼaniiru; diinonni ishii dantaa hin qaban.+ Sababiin isaas, Yihowaan yakkawwan hedduu ishiin raawwatteen kan kaʼe gadda ishiitti fideera.+ Ijoolleen ishii diinaan oofamanii boojuudhaan fudhatamaniiru.+ ו [Waaw]   Miidhaginni intala Xiyoon hundi ishii irraa fudhatameera.+ Bulchitoonni ishii akka gadamsa bakka dheedichaa dhabee taʼaniiru,Dadhabaniis warra isaan ariʼan dura deemu. ז [Zaayin]   Yerusaalem yeroo rakkattettii fi mana dhabdetti,Wantoota gatii guddaa qabanii fi bara duriitti kan ishii turan hundumaa ni yaadatti.+ Yeroo sabni ishii harka diinaa irratti kufettii fi kan ishii gargaaru hin turretti,+Diinonni ishii arganii kufaatii ishiitti kolfan.*+ ח [Heet]   Yerusaalem cubbuu guddaa hojjette.+ Ishiin jibbamtuu kan taate kanaafi. Warri ishii kabajaa turan hundi qullaa ishii waan arganiif, amma akka waan tuffatamtuu taatetti ishii ilaalu.+ Ishiinis ni aaddi,+ qaanoftees achi garagalti. ט [Teet]   Xuraaʼummaan ishii qamisii ishii irra jira. Ishiin waaʼee egeree ishii hin yaadne.+ Kufaatiin ishii kan nama naasisu dha; kan ishii jajjabeessu tokko illee hin qabdu. Diinni waan of guguddiseef, yaa Yihowaa, rakkina koo ilaali.+ י [Yood] 10  Diinni harka isaa qabeenya ishii hundumaa irra kaaʼateera.+ Sababiin isaas, ishiin saboonni warri ati gumii kee keessa seenuu akka hin qabne ajajje sun,Yommuu iddoo qulqulluu ishii keessa seenan argiteetti.+ כ [Kaaf] 11  Sabni ishii hundi aadaa jiru; isaan nyaata barbaaddachaa jiru.+ Isaan lubbuudhaan jiraachuuf* qofa, wanta nyaatamu argachuuf qabeenya isaanii isa gatii guddaa qabu kennaniiru. Yaa Yihowaa, kunoo, ani akka dubartii* gatii hin qabnee taʼuu koo ilaali. ל [Laamed] 12  Warra daandicha irra darbitan hundaaf, kun homaa jechuu mitii? Ilaalaa, argaas! Dhiphinni kan biraan dhiphina isa ana irra gaʼeIsa Yihowaan guyyaa dheekkamsa isaa isa bobaʼaatti akkan ittiin rakkadhu godhe fakkaatu jiraa?+ מ [Meem] 13  Inni ol gubbaadhaa gara lafeewwan kootti ibidda erge,+ tokkoon tokkoon isaaniis akka moʼaman godhe. Miila kootiif saaphana diriirse; duubatti akkan deebiʼus na dirqisiise. Inni dubartii kophaatti hafte na godhe. Guyyaa guutuu nan dhukkubsadha. נ [Nuun] 14  Cubbuuwwan koo akka waanjootti* harka isaatiin ana irratti hidhamaniiru. Isaan morma koo irra kaaʼamaniiru; humni koos laafeera. Yihowaan harka warra humna kootii ol taʼaniitti dabarsee na kenneera.+ ס [Saamek] 15  Yihowaan namoota humna qabeeyyii taʼan hundumaa ana gidduudhaa baasee gateera.+ Inni dargaggoota koo caccabsuuf yaaʼii ana irratti waameera.+ Yihowaan intala durbaa Yihudaa bakka wayinii itti cuunfanitti dhidhiiteera.+ ע [Ayiin] 16  Wantoota kanaan kan kaʼe ani nan booʼa;+ ijji koos imimmaan dhangalaasa. Sababiin isaas, na jajjabeessuu yookiin na* haaromsuu kan dandaʼu kam iyyuu ana irraa fagoo dha. Diinni waan nutti cimeef, ilmaan koo kophaatti hafaniiru. פ [Pee] 17  Xiyoon harka ishii diriirsiteetti;+ garuu kan ishii jajjabeessu tokko illee hin jiru. Diinonni isaa warri naannoo isaatti argaman hundi Yaaqoob irratti akka kaʼan Yihowaan ajaja dabarseera.+ Yerusaalem isaan biratti jibbamtuu taateetti.+ צ [Tsadee] 18  Yihowaan qajeelaa dha,+ sababiin isaas ajajawwan* isaatiif ajajamuu kan dide ana dha.+ Isin namoonni hundi dhagaʼaa, dhiphina koos ilaalaa. Durboonni* koo fi dargaggoonni koo boojuudhaan fudhatamaniiru.+ ק [Qoof] 19  Ani warra na jaallatan nan waammadhe, isaan garuu na ganan.+ Luboonni koo fi jaarsoliin koo lubbuudhaan jiraachuuf* Utuu midhaan barbaaddatanii magaalaa keessatti dhuman.+ ר [Reesh] 20  Yaa Yihowaa, dhiphina guddaa keessa akkan jiru ilaali. Marʼimaan* koo ni raafama. Ani guutummaatti ajajamuu waanan dideef,+ garaan koo na keessatti jeeqameera. Alaa goraadeen ni fixa;+ mana keessas duʼatu jira. ש [Shiin] 21  Namoonni aaduu koo dhagaʼaniiru; garuu kan na jajjabeessu tokko illee hin jiru. Diinonni koo hundi badiisa koo dhagaʼaniiru. Ati badiisa waan natti fiddeef isaan gammadaniiru.+ Ati garuu guyyaa isaan akkuma koo akka taʼan+ labsite sana ni fidda.+ ת [Taaw] 22  Hamminni isaanii hundi si duratti haa dhihaatu;Akkuma sababii yakkawwan koo hundaatiif na adabde, isaaniinis adabi.+ Sababiin isaas, yeroo hedduu nan aada, garaan koos dhukkubsateera.

Miiljaleewwan

Boqonnaan 1-4 faaruuwwan gaddaa duraa duuba qubee Afaan Ibrootaatiin barreeffamani dha.
Ykn., “boqoo.”
Ykn., “Shamarran.”
Kal., “mataa.”
Ykn., “ni gammadan.”
As irratti Yerusaalem dubartiitti fakkeeffamtee ibsamteetti.
Ykn., “lubbuun akka itti deebiʼu gochuuf.”
Jechuunis, harqootatti, qambaratti.
Ykn., “lubbuu koo.”
Ykn., “Shamarran.”
Kal., “afaan.”
Ykn., “lubbuun akka itti deebiʼu gochuuf.”
Ykn., “Keessi.”