Faaruu Ermiyaas 2:1-22

  • Yihowaan Yerusaalemitti dheekkame

    • Gara laafina itti hin argisiisne (2)

    • Yihowaan diinaa ishiitti taʼe (5)

    • Xiyooniif booʼuu (11-13)

    • Warri achiin darban magaalaa bareedduu turtetti qoosu (15)

    • Diinonni badiisa Xiyoonitti gammadu (17)

א [Aleef] 2  Yihowaan intala Xiyooniin akkamitti duumessa dheekkamsa isaatiin haguuge! Inni miidhagina Israaʼel samii irraa gara lafaatti darbateera.+ Guyyaa dheekkamsa isaatti bakka ejjeta miila isaa+ hin yaadanne. ב [Beet]   Yihowaan gara laafina tokko malee bakka jireenyaa Yaaqoob hundumaa liqimseera. Aarii isaa isa guddaadhaan iddoowwan intala Yihudaa warra dallaa dhagaa qaban diigeera.+ Inni mootummichaa fi bulchitoota ishii lafatti darbateera, akkasumas xureesseera.+ ג [Giimel]   Inni dheekkamsa bobaʼaadhaan jabina* Israaʼel hundumaa kuteera. Yeroo diinni dhihaatetti harka isaa mirgaa dachaafateera,+Dheekkamsi isaas akka ibidda wanta naannoo isaatti argamu hundumaa gubuutti Yaaqoob irratti bobaʼuu isaa itti fufeera.+ ד [Daalet]   Inni akka diinaatti iddaa isaa dabsate;* harki isaa mirgaas akka hamajaajiitti haleeluuf akka qophaaʼu godhe;+Warra ijatti tolan hundumaa ajjeesuu isaa itti fufe.+ Dheekkamsa isaas dunkaana intala Xiyoon keessatti akka ibiddaatti dhangalaase.+ ה [Hii]   Yihowaan akka diinaa taʼe;+Israaʼeliinis ni liqmse. Inni masaraawwan ishii hundumaa ni liqimse;Iddoowwan ishii warra dallaa dhagaa qaban hundumaa ni barbadeesse. Inni booʼichii fi faaruun gaddaa intala Yihudaatti akka baayʼatu godhe. ו [Waaw]   Inni godoo isaa akka daasii bakka biqiltuu keessa jiruutti ni diige.+ Ayyaanni isaa akka hafu ni godhe.*+ Yihowaan Xiyoon keessatti ayyaannii fi sanbanni akka irraanfatamu ni godhe,Dheekkamsa isaa isa sodaachisaadhaanis mootii fi luba ni tuffate.+ ז [Zaayin]   Yihowaan iddoo aarsaa isaa ni gate;Iddoo isaa isa qulqulluus ni dhiise.+ Inni dallaawwan masaraawwan ishii warra ciccimoo taʼan sanaa harka diinaatti dabarsee kenne.+ Isaan akkuma guyyaa ayyaanaatti, mana Yihowaa keessatti sagalee isaanii ol kaasanii iyyan.+ ח [Heet]   Yihowaan dallaa intala Xiyoon barbadeessuuf murteesseera.+ Inni wadaroo safaraa ishii irratti diriirseera.+ Badiisa fiduu* irraa harka isaa hin deebisne. Inni dallaan ittisaa fi dallaan akka gaddan ni godha. Hundi isaanii dadhaboo akka taʼan godhamaniiru. ט [Teet]   Karrawwan ishii lafa keessa gad lixaniiru.+ Inni danqaraawwan ishii balleesseera, akkasumas caccabseera. Mootiin ishii fi bulchitoonni ishii saboota gidduutti argamu.+ Seerri* hin jiru; raajonni ishii illee Yihowaa biraa mulʼata hin argatan.+ י [Yood] 10  Jaarsoliin intala Xiyoon callisanii lafa irra taaʼu.+ Isaan mataa isaanii irratti awwaara firfirsu, uffata gaddaas ni uffatu.+ Durboonni Yerusaalem mataa isaanii gara lafaatti gad qabaniiru. כ [Kaaf] 11  Ijji koo imimmaan dhangalaasuu irraa kan kaʼe dadhabeera.+ Marʼimaan* koo ni raafama. Kufaatii intala* saba kootiitiin kan kaʼe,+Ijoolleenii fi daaʼimman addabaabayii magaalittii keessatti of wallaalanii kufuu isaaniitiin kan kaʼes+ garaan koo cabeera.* ל [Laamed] 12  Isaan akka nama addabaabayii magaalattii keessatti madaaʼeetti yommuu of wallaalanii kukkufanitti,Harka haadhotii isaanii irratti yommuu duʼuuf jedhanitti,Irra deddeebiʼanii, “Midhaanii fi daadhiin wayinii eessa jira?” jedhanii haadhotii isaanii gaafatu.+ מ [Meem] 13  Yaa intala Yerusaalem, ani wanta akkamiin akka ragaatti fayyadamuu dandaʼa? Yookiin maalii wajjinan wal si fakkeessuu dandaʼa? Yaa intala Xiyoon ishii durba taate nana, si jajjabeessuuf maalii wajjinan wal si fakkeessuu dandaʼa? Sababiin isaas, badiisni kee akka galaanaatti balʼaa dha.+ Eenyutu si fayyisuu dandaʼa?+ נ [Nuun] 14  Mulʼatawwan raajonni kee siif argan sobaa fi duwwaa dha,+Boojiʼamtee fudhatamuu irraa si oolchuuf isaan dogoggora kee hin saaxille,+Kanaa mannaa, mulʼata labsiiwwan soba taʼanii fi dogoggorsan siif arguu isaanii itti fufan.+ ס [Saamek] 15  Warri karicha irra darban hundi qoosaadhaan harka isaanii si irratti walitti rurrukutu.+ Isaan intala Yerusaalem irratti ajaaʼibsiifannaadhaan siiqsaa+ fi mataa isaanii raasaa,“Kun magaalaa isaan waaʼee ishii, ‘Ishiin bareedduu mudaa hin qabnee fi gammachuu guutummaa lafaa ti’+ jedhan sana mitii?” jedhu. פ [Pee] 16  Diinonni kee hundi si irratti afaan isaanii bananiiru. Isaan siiqsanii, ilkaan isaaniis qaranii, “Nuti ishii liqimsineerra.+ Guyyichi eeggachaa turre kana dha!+ Kunoo gaʼeera, nutis isa argineerra!”+ jedhu. ע [Ayiin] 17  Yihowaan wanta yaade godheera;+ wanta dubbate,Isa yeroo dheeraa dura ajaje+ raawwateera.+ Inni gara laafina tokko malee si diigeera.+ Diinni wanta sirra gaʼetti akka gammadu godheera; jabina* hamajaajota keetiis ol qabeera. צ [Tsadee] 18  Yaa dallaa intala Xiyoon, garaan isaanii Yihowaatti ni iyyata. Imimmaan halkanii fi guyyaa akka lolaatti haa yaaʼu. Aara galfii ofiif hin kennin, ija keetiifis* boqonnaa hin kennin. ק [Qoof] 19  Kaʼi! Halkan yeroo eegumsi jalqabutti iyyi. Garaa kee akka bishaaniitti Yihowaa duratti dhangalaasi. Lubbuu ijoollee kee warra sababii beelaatiin,Qarqara daandii* hundumaatti of wallaalanii kukkufaniif+ harka kee gara isaatti ol kaasi. ר [Reesh] 20  Yaa Yihowaa ilaali, isa akka malee adabde sanas argi. Dubartoonni dhala* ofii isaanii, warra ijoollee isaanii taʼan nyaachuu qabuu?+ Yookiin luboonnii fi raajonni iddoo qulqulluu isa kan Yihowaa taʼe keessatti ajjeefamuu qabuu?+ ש [Shiin] 21  Dargaggoonnii fi maanguddoonni duʼanii karaa irra ciciisaniiru.+ Durboonni* koo fi dargaggoonni koo goraadeedhaan dhumaniiru.+ Ati guyyaa dheekkamsa keetti isaan ajjeesteetta; gara laafina tokko malees isaan gorraateetta.+ ת [Taaw] 22  Ati akka waan guyyaa ayyaanaa taʼetti,+ kallattii hundumaatii jeequmsa waamteetta. Guyyaa dheekkamsa Yihowaatti namni tokko illee hin miliqne yookiin hin oolle;+Diinni koo warra ani daʼee* guddise fixeera.+

Miiljaleewwan

Kal., “gaanfa.”
Kal., “irra ni dhaabbate.”
Ykn., “Ayyaana isaa ni balleesse.”
Kal., “liqimsuu.”
Ykn., “Qajeelfamni.”
Ykn., “Keessi.”
Kal., “tiruun koo lafa irratti dhangalaʼeera.”
As irratti Yerusaalem nameeffamtee kan ibsamte yeroo taʼu, yaanni bifa walalootiin barreeffame kun gaddaa fi gara laafina kan argisiisu taʼuu dandaʼa.
Kal., “gaanfa.”
Kal., “intala ija keetiif.”
Kal., “Mataa daandiiwwan.”
Ykn., “firii.”
Ykn., “Shamarran.”
Ykn., “akkuma fayyaa taʼanitti daʼee.”