Faaruu Ermiyaas 4:1-22

  • Balaa cimaa Yerusaalem marfamuun ishii geessise

    • Hanqina nyaataa (4, 5, 9)

    • Dubartoonni ijoollee ofii affeelan (10)

    • Yihowaan aarii isaa dhangalaase (11)

א [Aleef] 4  Warqiin calaqqisu, warqiin baʼeessi bifti isaa akkamitti jijjiirame!+ Dhagoonni qulqulluun+ golee* daandii hundumaatti akkamitti bittinnaaʼan!+ ב [Beet]   Ilmaan Xiyoon warri gatii guddaa qabanii fi akka warqii qulqulluutti ilaalaman,Akka hubboowwan* supheeWarra harka suphe dhooftuutiin tolfamanii kan taʼan akkamitti! ג [Giimel]   Sardiidonni illee ilmoolee isaanii hoosisuuf mucha isaanii isaanitti qabu,Intalli saba kootii garuu akkuma guchiiwwan lafa onaatti+ gara jabeettii taate.+ ד [Daalet]   Daaʼimman harma hodhan dheebuu irraa kan kaʼe arrabni isaanii laagaa isaaniitti maxxane. Ijoolleen nyaata kadhatu,+ garuu namni isaaniif kennu hin jiru.+ ה [Hii]   Warri nyaata gaggaarii nyaachaa turan, beelaʼanii* daandii irra ciciisu.+ Warri uffata gaggaarii* uffatanii guddatan,+ tuullaa daaraa hammataniiru. ו [Waaw]   Adabni* intala saba kootii irra gaʼeAdaba Sodoom ishii cubbuu ishiitiin kan kaʼe harka ishii gargaaru dhabdee yeroo gabaabaa keessatti garagalfamte sanaa caalaa guddaa dha.+ ז [Zaayin]   Naazronni+ ishii cabbii caalaa qulqulluu, aannan caalaas adii turan. Isaan elellaa caalaa diimaa turan; akkuma safiroos* kan cululuqan turan. ח [Heet]   Fuulli isaanii cilaattii* caalaa gurraachaʼeera;Isaan daandii irratti hin hubataman. Gogaan isaanii lafee isaanii irratti shuntuureera;+ inni akka muka gogee taʼeera. ט [Teet]   Warra beelaan duʼan, warra akka waan waraanamaniitti hanqina nyaataatiin dirree keessatti dhuman irraWarra goraadeedhaan duʼan wayya.+ י [Yood] 10  Dubartoonni gara laafeyyii taʼan harkuma isaaniitiin ijoollee isaanii affeelan.+ Isaan, yeroo caba intala saba kootiitti nyaata gaddaa isaaniif taʼan.+ כ [Kaaf] 11  Yihowaan dheekkamsa isaa ni ibse;Aarii isaa isa bobaʼaas ni dhangalaase.+ Xiyoon keessatti ibidda buʼuurawwan ishii nyaatu ni qabsiise.+ ל [Lamed] 12  Mootonni lafaa fi jiraattonni lafa oomisha kennitu sanaa hundi,Hamajaajiinii fi diinni karrawwan Yerusaalemitti akka seene hin amanne.+ מ [Meem] 13  Kunis kan taʼe, cubbuu raajotaa fi balleessaa luboota ishii+Warra ishii keessatti dhiiga qajeelotaa dhangalaasan sanaatiin kan kaʼe dha.+ נ [Nuun] 14  Isaan jaamanii daandiiwwan irra asii fi achi jooran.+ Dhiigaan waan faalamaniif,+Eenyu iyyuu uffata isaanii tuquu hin dandaʼu. ס [Saamek] 15  Isaan, “Asii deemaa! Isin xuraaʼoo dha! Asii deemaa! Asii deemaa! Nu hin tuqinaa” jedhanii isaanitti iyyu. Sababiin isaas, isaan mana dhabanii asii fi achi jooru. Namoonnis saboota gidduutti akkana jedhu: “Isaan nuu wajjin as jiraachuu* hin dandaʼan.+ פ [Pee] 16  Fuulli Yihowaa isaan bittinneesseera;+Inni kana booda gaarummaa isaanitti hin argisiisu. Namoonni luboota hin kabajan,+ jaarsoliittis gaarummaa hin argisiisan.”+ ע [Ayiin] 17  Amma iyyuu ijji keenya akkasumaan gargaarsa argachuuf eeggachuutti dadhabeera.+ Gargaarsa argachuuf gara saba nu oolchuu hin dandeenyeetti+ ilaaluu keenya ittuma fufne. צ [Tsadee] 18  Nuti addabaabayiiwwan keenya irra deemuu akka hin dandeenyetti isaan tarkaanfii keenya hundumaa irratti adamsanii nu qabataniiru.+ Dhumni keenya dhihaateera; dhumni keenya waan gaʼeef, guyyoonni keenya dhumaniiru. ק [Qoof] 19  Warri nu ariʼan risaa samii keessa barrisu caalaa saffisa qabu.+ Isaan gaarota irratti nu ariʼan; lafa onaa keessattis riphanii nu eeggatan. ר [Reesh] 20  Hafuurri funyaan keenyaa, inni Yihowaan dibe+Inni waaʼee isaa, “Nuti gaaddisa isaa jalatti saboota gidduu jiraanna” jenne sun boolla isaanii isa guddaa keessatti qabameera.+ ש [Siin] 21  Yaa intala Edoom+ ishii biyya Uuz keessa jiraachaa jirtu nana, gammadi, ililchis. Haa taʼu malee, xoofoon sun siifis ni kennama,+ atis ni machoofta, qullaa kees ni mulʼista.+ ת [Taaw] 22  Yaa intala Xiyoon, adabni balleessaa keetiin si irra gaʼu xumurameera. Inni lammata boojiʼee si hin fudhatu.+ Yaa intala Edoom, kanaa mannaa inni xiyyeeffannaa isaa gara keetti ni deebisa. Inni cubbuu kee ni saaxila.+

Miiljaleewwan

Kal., “mataa.”
Ykn., “okkoteewwan.”
Kal., “onanii.”
Kal., “diimaa.”
Kal., “Balleessaan.”
Kal., “gurraachina.”
Ykn., “namoota biyya ormaa taʼanii as jiraachuu.”