Faaruu Ermiyaas 5:1-22

  • Kadhannaa sabichi haala isaa duraatti deebiʼuuf dhiheesse

    • “Wanta nu irra gaʼe yaadadhu” (1)

    • “Cubbuu waan hojjenneef, nuuf wayyoo!” (16)

    • “Yaa Yihowaa, ofitti nu deebisi” (21)

    • “Guyyoota keenya haaressi” (21)

5  Yaa Yihowaa, wanta nu irra gaʼe yaadadhu. Salphina nu irra gaʼe ilaali, argis.+   Dhaalli keenya keessummootaaf, manni keenyas namoota biyya ormaatiif kennameera.+   Nuti ijoollee abbaa hin qabne taaneerra; haadhotiin keenyas akkuma dubartoota abbaan manaa irraa duʼee taʼaniiru.+   Bishaanuma keenya dhuguuf gatii kaffalla,+ qoraan keenyas gatiidhaan arganna.   Warri nu ariʼan morma keenya bira gaʼaniiru;Bututneerra, garuu boqonnaa hin arganne.+   Nyaata gaʼaa argachuuf harka keenya gara Gibxiittii+ fi gara Asooritti diriirsina.+   Abbootiin keenya warri cubbuu hojjetan amma hin jiran, nuti garuu balleessaa isaanii baachuuf dirqamneerra.   Amma tajaajiltootatu nu bulchaa jira; namni harka isaanii jalaa nu oolchus hin jiru.   Goraadee lafa onaa keessa jiruun kan kaʼe, nyaata keenya kan argannu lubbuu keenya balaadhaaf saaxillee ti.+ 10  Beela cimaadhaan kan kaʼe, gogaan keenya akkuma iddoo ibiddaa guba.+ 11  Isaan haadhotii manaa Xiyoon keessa jiranii fi durboota magaalota Yihudaa keessa jiran salphisaniiru.*+ 12  Bulchitoonni harka isaaniitiin fannifamaniiru,+ jaarsoliinis kabaja hin arganne.+ 13  Dargaggoonni dhagaa daakuu baatu, ijoolleenis baʼaa qoraanii jalatti kufu. 14  Jaarsoliin karra magaalattii irraa deemaniiru;+ dargaggoonnis muuziqaa hin taphatan.+ 15  Gammachuun garaa keenya keessaa badeera; shubbisni keenyas gara gaddaatti jijjiirameera.+ 16  Gonfoon mataa keenya irraa kufeera. Cubbuu waan hojjenneef, nuuf wayyoo! 17  Kanaan kan kaʼe garaan keenya dhukkubsateera,+Wantoota kanaan kan kaʼes ijji keenya dadhabeera,+ 18  Kunis kan taʼe Gaarri Xiyoon ona waan taʼeefi;+ amma jeedalootatu achi irra joora. 19  Ati garuu yaa Yihowaa, bara baraaf teessoo irra teessa. Teessoon kee dhalootaa hamma dhalootaatti ni jiraata.+ 20  Bara baraaf kan nu irraanfattuu fi yeroo dheeraa hammanaatiif kan nu dhiistu maaliifi?+ 21  Yaa Yihowaa, ofitti nu deebisi, nutis fedhiidhaan gara keetti deebina.+ Akkuma bara duriitti guyyoota keenya haaressi.+ 22  Ati garuu guutummaatti nu dhiisteetta. Amma iyyuu akka malee nutti aarteetta.+

Miiljaleewwan

Ykn., “gudeedaniiru.”