Fakkeenya 12:1-28
12 Namni adaba jaallatu, beekumsa jaallata,+Namni adaba jibbu garuu hubannaa* kan hin qabne dha.+
2 Namni gaariin Yihowaa biratti fudhatama argata,Namni yaada hamaa qabu garuu isa biratti ni balaaleffatama.+
3 Namni kam iyyuu hamminaan tasgabbii hin argatu,+Qajeelonni garuu matumaa hin buqqifaman.
4 Haati manaa kaamettiin* abbaa manaa ishiitiif gonfoo dha,+Haati manaa nama qaanessitu garuu akkuma dhukkuba lafee isaa tortorsuu ti.+
5 Yaanni qajeelotaa sirrii dha,Qajeelfamni hamootaa garuu gowwoomsaa dha.
6 Dubbiin hamootaa akkuma nama rukutee ajjeesuuf* riphee eeggatuu ti,+Afaan qajeelotaa garuu isaan ni oolcha.+
7 Hamoonni yommuu garagalfaman, sana booda hin jiraatan,Manni qajeelotaa garuu akkuma dhaabbatetti jiraata.+
8 Namni tokko hubannaa afaan isaatiin ni jajama,+Namni garaa micciiramaa qabu garuu ni tuffatama.+
9 Nyaata* utuu hin qabaatin of guguddisuu mannaa,Tajaajilaa qabaatanii ulfina xinnoo argachuu wayya.+
10 Namni qajeelaan beeladoota isaa* ni kunuunsa,+Hamoonni garuu gara laafinni isaanii illee gara jabina dha.
11 Namni lafa isaa qotatu nyaata ni quufa,+Namni wantoota gatii hin qabne duukaa buʼu garuu hubannaa* hin qabu.
12 Namni hamaan wanta namoonni hamoon qabatanitti hinaafa,Hiddi qajeelotaa garuu firii godhata.
13 Namni hamaan cubbuu dubbateen ni qabama,+Namni qajeelaan garuu dhiphina jalaa ni oola.
14 Namni tokko firii dubbii* isaa irraa wanta gaarii ni quufa,+Hojiin harka isaas isa ni kiisa.
15 Karaan nama gowwaa, ija isaa duratti sirrii dha,+Namni ogeessi garuu gorsa fudhata.+
16 Namni gowwaan aarii isaa yeruma sana* ibsa,+Namni abshaalli garuu arrabsoo tuffatee bira darba.*
17 Namni amanamummaadhaan ragaa baʼu dhugaa* dubbata,Namni sobaan ragaa baʼu garuu dubbii gowwoomsaa dubbata.
18 Dubbiin utuu itti hin yaadamin dubbatamu akkuma goraadee nama waraana,Arrabni ogeessotaa garuu nama fayyisa.+
19 Arrabni dhugaa dubbatu bara baraaf jiraata,+Arrabni sobu garuu yeroo xinnoodhaaf qofa tura.+
20 Gowwoomsaan garaa namoota hammina yaadanii keessa jira,Warri nagaa babalʼisan* garuu gammachuu qabu.+
21 Nama qajeelaa irra miidhaan tokko illee hin gaʼu,+Hamoonni garuu rakkina ni quufu.+
22 Arrabni sobu Yihowaa duratti jibbisiisaa dha,+Warri amanamoo taʼan garuu isa ni gammachiisu.
23 Namni abshaalli wanta beeku ni dhoksa,Garaan gowwootaa garuu gowwummaa isaanii gad yaasa.+
24 Harki namoota jabaatanii hojjetanii ni bulcha,+Harki hojii hiike garuu hojii dirqamaa hojjeta.+
25 Yaaddoon garaa namaa keessa jiru gad isa qaba,*+Dubbii gaariin garuu isa gammachiisa.+
26 Namni qajeelaan bakka dheedichaa isaa ni barbaaddata,Daandiin hamootaa garuu karaa irraa isaan jalʼisa.
27 Namni dhibaaʼaan wanta adamsu duukaa hin buʼu,+Dhimmanii hojjechuun garuu nama tokkoof qabeenya gatii guddaa qabu dha.
28 Daandiin qajeelummaa gara jireenyaatti geessa;+Daandii sana irras duuti hin jiru.
Miiljaleewwan
^ Ykn., “miira.”
^ Ykn., “gaariin.”
^ Kal., “dhiigaaf.”
^ Kal., “Daabboo.”
^ Ykn., “lubbuu beeladoota isaatii.”
^ Kal., “qalbii.”
^ Kal., “afaan.”
^ Ykn., “guyyuma sanatti.”
^ Kal., “ni haguuga.”
^ Kal., “wanta qajeelaa taʼe.”
^ Kal., “gorsitoota nagaa taʼan.”
^ Ykn., “isa dhiphisa.”