Fakkeenya 15:1-33
15 Deebii laafaan* aarii qabbaneessa,+Dubbii hamaan* garuu aarii kakaasa.+
2 Arrabni ogeeyyii beekumsatti akka gaariitti fayyadama,+Afaan gowwootaa garuu gowwummaa gad yaasa.
3 Ijji Yihowaa bakka hundumaa jira,Namoota hamoos namoota gaariis ni ilaala.+
4 Arrabni tasgabbaaʼaan* muka jireenyaa ti,+Dubbii micciiramaan garuu abdii nama kutachiisa.*
5 Namni gowwaan adaba abbaa isaa ni tuffata,+Namni abshaalli garuu sirreeffama* ni fudhata.+
6 Mana nama qajeelaa keessa qabeenya hedduutu jira,Oomishni* nama hamaa garuu rakkina isatti fida.+
7 Afaan ogeessotaa beekumsa babalʼisa,+Garaan nama gowwaa garuu akkana miti.+
8 Aarsaan hamootaa Yihowaa duratti jibbisiisaa dha,+Kadhannaan qajeelotaa garuu isa gammachiisa.+
9 Yihowaan daandii nama hamaa ni jibba,+Nama qajeelummaa hordofu garuu ni jaallata.+
10 Nama daandii gaarii dhiisutti adabni hamaa* fakkaatee mulʼata,+Namni ifannaa jibbu hundi garuu ni duʼa.+
11 Yihowaan Awwaalaa* fi iddoo badiisaa* guutummaatti ni arga.+
Garaa namootaa immoo caalaatti ni arga!+
12 Namni qoostuu taʼe nama sirreeffama isaaf kennu* hin jaallatu.+
Namni akkanaa nama ogeessa hin mariisisu.+
13 Garaan gammachuu qabu fuulli akka ifu godha,Garaan cabe* garuu abdii nama kutachiisa.*+
14 Garaa hubataan beekumsa barbaada,+Afaan gowwootaa garuu gowwummaa soorata.*+
15 Namni cunqurfame guyyoonni isaa hundi gaarii miti,+Namni garaa gammade* qabu garuu yeroo hunda affeerraa irra jira.+
16 Yaaddoo* wajjin qabeenya hedduu qabaachuu mannaa,Yihowaa sodaachuudhaan wanta xinnoo qabaachuu wayya.+
17 Bakka jibbi jirutti sangaa coome* nyaachuu mannaa,Bakka jaalalli jirutti kuduraa nyaachuu wayya.+
18 Namni dafee dheekkamu walitti buʼiinsa kakaasa,+Namni dafee hin aarre garuu lola qabbaneessa.+
19 Daandiin nama dhibaaʼaa akkuma dallaa qoree ti,+Daandiin qajeelotaa garuu akkuma karaa guddaa wal qixa taʼee ti.+
20 Ilmi ogeessi abbaa isaa ni gammachiisa,+Namni gowwaan garuu haadha isaa tuffata.+
21 Namni hubannaa* hin qabne gowwummaatti gammada,+Namni hubannaa qabu garuu kallattiidhaan fuulduratti adeema.+
22 Mariin* hin jiru taanaan karoorri hin milkaaʼu,Gorsitoota hedduudhaan garuu milkaaʼinni ni argama.+
23 Namni deebii sirrii kennuudhaan* ni gammada,+Dubbiin yeroo sirrii taʼetti dubbatames akkam gaarii dha!+
24 Namni hubannaa qabu daandii jireenyaa isa ol baasu irra deema,+Kunis Awwaalatti* gad buʼuu irraa isa eega.+
25 Yihowaan mana warra of tuulanii ni diiga,+Daangaa dubartii abbaan manaa irraa duʼee garuu ni eega.+
26 Yihowaan karoora nama hamaa ni jibba,+Dubbiin gammachiisu garuu isa duratti qulqulluu dha.+
27 Namni buʼaa sirrii hin taane argatu maatii isaa irratti rakkina* fida,+Namni mattaʼaa jibbu garuu lubbuudhaan ni jiraata.+
28 Garaan nama qajeelaa deebii kennuu isaa dura ni xiinxala,*+Afaan hamootaa garuu wantoota hamoo gad yaasa.
29 Yihowaan hamoota irraa fagoo dha,Kadhannaa qajeelotaa garuu ni dhagaʼa.+
30 Ijji ifaan* garaa gammachiisa;Gabaasni gaariinis lafee cimsa.*+
31 Namni adaba jireenya argamsiisu dhagaʼuMana keessa namoota ogeeyyii gidduu jiraata.+
32 Namni adaba didu hundi lubbuu isaa jibba,+Namni adaba dhagaʼu hundi garuu hubannaa* argata.+
33 Yihowaa sodaachuun leenjii ogummaa barsiisu dha,+Ulfina argachuu duras gad of qabuun jira.+
Miiljaleewwan
^ Ykn., “Dubbiin miidhu.”
^ Ykn., “gaariin.”
^ Ykn., “Arrabni fayyisu.”
^ Kal., “hafuura namaa caccabsa.”
^ Ykn., “adaba.”
^ Ykn., “Galiin.”
^ Ykn., “cimaa.”
^ Ykn., “Siʼoolii,” jechuunis, bakka ilmaan namootaa hundi itti awwaalaman. Ibsa Jechootaa ilaali.
^ Ykn., “Abaadoon.”
^ Ykn., “isa adabu.”
^ Ykn., “gadde.”
^ Ykn., “hafuura caccabsa.”
^ Ykn., “duukaa buʼa.”
^ Ykn., “gaarii.”
^ Ykn., “Jeequmsaa.”
^ Kal., “bidiruudhaan soorame.”
^ Kal., “qalbii.”
^ Ykn., “Iccitiin.”
^ Kal., “deebii afaan isaatiin.”
^ Ykn., “Siʼoolitti,” jechuunis, bakka ilmaan namootaa hundi itti awwaalaman. Ibsa Jechootaa ilaali.
^ Ykn., “salphina.”
^ Ykn., “akkamitti deebii akka kennu of eeggannoodhaan ni yaada; dubbachuu isaa dura ni yaada.”
^ Ykn., “Gammachuudhaan ilaaluun.”
^ Kal., “lafee ni coomsa.”
^ Kal., “garaa.”