Fakkeenya 17:1-28

  • Gaariidhaaf hamaa hin deebisin (13)

  • Lolli kaʼuu isaa dura achii deemi (14)

  • Michuu dhugaan yeroo hunda jaallata (17)

  • “Garaan gammade qoricha gaarii dha” (22)

  • Hubataan qusatee dubbata (27)

17  Mana utuu lolli jiruu affeerraadhaan* guutame mannaaBakka nagaan* jirutti cabaa daabboo goggogaa nyaachuu wayya.+   Tajaajilaan hubannaa qabu ilma gocha qaanessaa raawwatu irratti bulchaa taʼa;Obboloota keessaa akka isa tokkoottis dhaala argata.   Meetiin qodaa itti baqsan keessatti, warqiinis iddoo ibiddaa keessatti ni qorama,+Garaa namaa kan qoru garuu Yihowaa dha.+   Namni hamaan dubbii nama miidhu xiyyeeffannaadhaan dhagaʼa,Namni gowwoomsaa raawwatus arraba wanta hamaa dubbatu dhaggeeffata.+   Namni hiyyeessatti qoosu hundi Uumaa isaa arrabsa,+Namni badiisa namaatti gammadus utuu hin adabamin hin hafu.+   Ijoolleen ijoollee gonfoo maanguddootaa ti,Abbootiinis* ulfina ilmaan* isaanii ti.   Dubbii qajeelaan* nama gowwaa irraa hin eegamu.+ Caalaatti immoo dubbiin sobaa bulchaa tokko irraa hin eegamu!+   Kennaan tokko abbaa isaatiif akkuma dhagaa gatii guddaa qabuu ti;*+Bakka deemu hundumaattis milkaaʼina isaaf ni argamsiisa.+   Namni balleessaadhaaf dhiifama godhu* hundi jaalala barbaada,+Namni dhimma tokko irra deddeebiʼee dubbatu garuu michoota walitti dhihaatan gargar baasa.+ 10  Nama gowwaa taʼe siʼa dhibba rukutuu mannaa+Nama hubannaa qabu siʼa tokko ifachuun faayidaa guddaa argamsiisa.+ 11  Namni hamaan fincila qofa barbaada,Ergamaan gara jabeessi garuu akka isa adabu ni ergama.+ 12  Nama gowwaa gowwummaa raawwatuu wajjin wal arguu mannaaAmaaketa ilmoolee ishii dhabdee wajjin walitti dhufuu wayya.+ 13  Namni wanta gaariidhaaf wanta hamaa deebisu kam iyyuu,Wanti hamaan mana isaa keessaa hin dhabamu.+ 14  Lola kaasuun akkuma hidha bishaanii cabsuu ti;*Lolli kaʼuu isaa dura bakka sanaa deemi.+ 15  Namni nama hamaa bilisa baasus taʼe namni nama qajeelaa balaaleffatu kam iyyuu+Yihowaa duratti jibbisiisaa dha. 16  Namni gowwaan garaa ogummaa itti argatu utuu hin qabaatin*Karaa itti ogummaa argatu qabaachuun isaa maal isa fayyada?+ 17  Michuu dhugaan yeroo hundumaa jaalala argisiisa,+Inni obboleessa yeroo dhiphinaatiif dhalate dha.+ 18  Namni hubannaa* hin qabne ollaa isaa duratti wabii taʼuuf,Harka rukutee walii galtee raawwata.+ 19  Namni lola jaallatu yakka jaallata.+ Namni karra isaa ol dheeressee ijaaru kam iyyuu kufaatii ofitti waama.+ 20  Namni garaan isaa jalʼaa taʼe milkaaʼina* hin argatu,+Namni dubbii gowwoomsaa dubbatus badiisa keessatti kufa. 21  Namni mucaa gowwaa dhalche gaddatu irra gaʼa;Abbaan mucaa hubannaa hin qabnees gammachuu hin qabu.+ 22  Garaan gammade qoricha* gaarii dha,+Hafuurri cabe* garuu humna namaa laaffisa.*+ 23  Namni hamaan daandii haqaa jalʼisuufDhoksaatti mattaʼaa* fudhata.+ 24  Ogummaan kallattiidhaan nama hubannaa qabu dura jira,Ijji nama gowwaa garuu hamma handaara lafaatti asii fi achi joora.+ 25  Ilmi gowwaan abbaa isaatti gadda fida,Garaa haadha isa deessees ni gaddisiisa.+ 26  Nama qajeelaa adabuun* gaarii miti,Namoota kabajamoo garafuunis wanta sirrii taʼe mormuu dha. 27  Namni beekumsa qabu qusatee dubbata,+Namni hubannaa qabus tasgabbaaʼaa dha.*+ 28  Namni gowwaan calluma jedhu illee akka ogeessaatti ilaalama,Namni afaan isaa qabatus akka hubataatti ilaalama.

Miiljaleewwan

Ykn., “tasgabbiin.”
Kal., “aarsaadhaan.”
Ykn., “Warris.”
Ykn., “ijoollee.”
Ykn., “gaariin.”
Ykn., “dhagaa ulfina namaaf argamsiisuu ti.”
Kal., “balleessaa haguugu.”
Kal., “bishaan gad yaasuu ti.”
Ykn., “hubannaa utuu hin qabaatin.”
Kal., “qalbii.”
Kal., “wanta gaarii.”
Ykn., “lafee gogsa.”
Ykn., “Abdii kutachuun.”
Ykn., “fayyisuuf.”
Kal., “Mattaʼaa bobaa keessa jiru.”
Ykn., “irratti adaba muruun.”
Kal., “hafuurri isaa qabbanaaʼaa dha.”