Fakkeenya 18:1-24
18 Namni warra kaan irraa adda of baasu kam iyyuu fedhii ofittummaa isaa hordofa;Ogummaa hundumaas ni tuffata.
2 Namni gowwaan hubannaatti hin gammadu;Kanaa mannaa wanta garaa isaa keessa jiru baasa.+
3 Namni hamaan yeroo dhufu, tuffiinis ni dhufa,Salphinaa wajjinis qaaniin jira.+
4 Dubbiin afaan namaa bishaan gad fagoo dha.+
Burqaan ogummaas laga yaaʼu dha.
5 Nama hamaadhaaf looguun+Yookiin nama qajeelaa haqa dhowwachuun gaarii miti.+
6 Dubbiin nama gowwaa lolatti geessa,+Afaan isaas rukuttaa namatti fida.+
7 Afaan nama gowwaa badiisa isatti fida,+Arrabni isaas lubbuu isaatti kiyyoo taʼa.
8 Dubbiin nama maqaa namaa balleessuu akkuma nyaata miʼaawuu ti;*+Kallattiidhaan gara garaatti gad buʼa.+
9 Namni hojii isaatti dhibaaʼaa taʼe kam iyyuuObboleessa nama badiisa fiduu ti.+
10 Maqaan Yihowaa masaraa cimaa dha.+
Namni qajeelaan achitti fiigee eegumsa argata.*+
11 Qabeenyi sooressaa isaaf magaalaa dallaa dhagaa qabdu dha;Akka dallaa eegumsaa godhees isa ni yaada.+
12 Kufaatii dura garaan namaa of tuula,+Ulfina argachuu duras gad of qabuun jira.+
13 Namni kam iyyuu odeeffannoo jiru dhagaʼuu isaa dura dhimma tokkoof deebii yoo kenne,Gowwummaa fi salphina isatti taʼa.+
14 Namni tokko yeroo dhukkubsatutti hafuurri isaa isa gargaaruu dandaʼa,+Hafuura caccabe* garuu eenyutu baachuu dandaʼa?+
15 Garaan nama hubannaa qabuu beekumsa argata,+Gurri ogeessaas beekumsa argachuuf carraaqqii godha.
16 Kennaan nama kennu sanaaf karaa ni bana;+Namoota guguddaa duratti dhihaachuufis carraa isaaf bana.
17 Hamma namni inni kan biraan dhufee cimsee isa qorutti,Namni jalqaba irratti dhimma isaa dhiheeffatu sirrii fakkaata.+
18 Carraa buusuun falmiin akka xumuramu godha,+Namoota cimsanii wal morkatan gidduuttis murtii kenna.*
19 Obboleessi aare magaalaa dallaa dhagaa qabdu caalaa cimaa dha,+Falmiin akka danqaraa magaalaa dallaa dhagaa qabduu taʼes jira.+
20 Namni tokko firii dubbii* isaa irraa garaa isaa ni guuta;+Buʼaa afaan isaatiinis ni quufa.
21 Duutii fi jireenyi humna arrabaa keessa jiru;+Namoonni itti fayyadamuu jaallatanis firii isaa ni nyaatu.+
22 Namni haadha manaa gaarii argatu wanta gaarii argata,+Yihowaa birattis fudhatama* argata.+
23 Hiyyeessi kadhachaa dubbata,Sooressi garuu karaa sirrii hin taaneen deebii kenna.
24 Hiriyoonni wal balleessuuf qophaaʼan jiru,+Garuu michuun obboleessa caalaa namatti maxxanu jira.+
Miiljaleewwan
^ Ykn., “akkuma wanta sassataan liqimfamuu ti.”
^ Kal., “ol ni qabama,” jechuunis, bakka bira hin gaʼamnee fi amansiisaa taʼe.
^ Ykn., “Guutummaatti abdii kutachuu.”
^ Kal., “gargar ni baasa.”
^ Kal., “afaan.”
^ Ykn., “gaarummaa.”