Fiilmooniif 1:1-25

  • Nagaa dhaamuu (1-3)

  • Jaalalaa fi amantii Fiilmoon (4-7)

  • Wanta Phaawulos waaʼee Oneesimos Fiilmoonitti dubbate (8-22)

  • Nagaa xumuraa (23-25)

 Phaawulos isa Kiristoos Yesuusiif jedhee hidhamee jiruu+ fi Ximotewos+ obboleessa keenya irraa, Fiilmoon isa jaallatamaa nuu wajjin hojjetuuf,  akkasumas obboleettii teenya Aphifiyaa, Arkiphos+ isa nuu wajjin loltuu taʼee fi gumii mana keetti argamuuf:+  Waaqayyo Abbaa keenyaa fi Gooftaa keenya Yesuus Kiristoos biraa gaarummaa guddaanii fi nagaan isiniif haa taʼu.  Yeroon kadhannaa koo keessatti waaʼee kee ibsu hundatti Waaqa koo nan galateeffadha;+  waaʼee amantii kee, akkasumas jaalala ati Gooftaa Yesuusii fi qulqulloota hundaaf qabdu nan dhagaʼa.  Amantiin atii fi warri kaan qabdan, wanta gaarii karaa Kiristoos arganne hunda hubachuutti akka si geessu nan kadhadha.  Yaa obboleessa koo, garaa qulqullootaa waan haaressiteef, jaalala ati qabdu dhagaʼuu kootiin gammachuu fi jajjabina guddaa argadheera.  Kanaan kan kaʼes, ergamaa Kiristoos taʼuu kootiin wanta sirrii taʼe akka gootu si ajajuuf aangoo kanan qabu taʼus,  ani Phaawulos maanguddichi inni yeroo ammaatti Kiristoos Yesuusiif jedhee hidhamee jiru, jaalala irratti hundaaʼeen si kadhadha. 10  Kanan si kadhadhu, ilma koo Oneesimos+ isan mana hidhaa* utuun jiruu abbaa isaaf taʼeef+ jedheeni. 11  Inni kanaan dura nama si hin fayyadne ture; amma garuu siifis taʼe anaaf nama faayidaa qabu taʼeera. 12  Nama ani garaadhaa jaalladhu kana deebisee gara keetti ergeera. 13  Yeroon misiraachichaaf jedhee hidhamee jirutti,+ bakka kee buʼee akka na tajaajiluuf of biratti utuun isa hambifadhee natti tola ture. 14  Haa taʼu malee, wanti gaariin ati gootu dirqamaan utuu hin taʼin fedhii keetiin+ akka taʼuuf heyyama kee malee waan tokko illee gochuu hin barbaadu. 15  Tarii yeroo muraasaaf* si biraa kan bade, deebiʼee yeroo hundumaatiif akka sii wajjin jiraatuuf taʼuu dandaʼa; 16  kana booda akka garbichaatti+ utuu hin taʼin garbicha caalaa akka obboleessa jaallatamaatti isa simadhu;+ inni keessumaa anaaf obboleessa jaallatamaa erga taʼee, siif immoo garbicha kee fi karaa Gooftaa obboleessa kee waan taʼeef hammam jaallatamaa haa taʼu ree! 17  Kanaafuu, akka michuu keetti yoo na ilaalte, akkuma anaan simattu gaarummaadhaan isa simadhu. 18  Kana malees, wanta balleesse yoo qabaate yookiin wanti isa irraa qabdu yoo jiraate ana irratti lakkaaʼi. 19  Ani Phaawulos kana harka kootiin siif barreesseera: Wanta isa irraa qabdu ani nan kaffala; lubbuu kee wajjin haala wal qabateen idaa akkan sirraa qabu beekta. 20  Eeyyee, yaa obboleessa koo, Gooftaadhaaf jedhiitii gama kanaan na gargaari; Kiristoosiif jedhiitii garaa koo naa qabbaneessi. 21  Kana akka gootu nan amana; kanan siif barreesse wantan siin jedhe caalaa iyyuu akka gootu waanan beekuufi. 22  Kana malees, kadhannaa isin anaaf gootaniin gara keessanitti akkan deebiʼu waanan abdadhuuf bakkan itti boqodhu naaf qopheessi.+ 23  Ephaafraan+ inni Kiristoos Yesuusiif jedhee akkuma koo hidhamee jiru nagaa siif dhaameera; 24  Maarqos, Arisxaarkos,+ Deemaasii+ fi Luqaas+ warri anaa wajjin hojjetan nagaa siif dhaamaniiru. 25  Gaarummaa guddaan Gooftaa keenya Yesuus Kiristoos hafuura isin argisiistanii wajjin haa taʼu.

Miiljaleewwan

Kal., “hidhamee.”
Kal., “saʼaatii tokkoof.”