Warra Galaatiyaatiif 6:1-18
6 Yaa obbolootaa, namni tokko utuu hin beekin tarkaanfii dogoggoraa yoo fudhate, isin warri karaa hafuuraa gaʼumsa qabdan nama akkasii hafuura garraamummaatiin sirreessuuf yaalii godhaa.+ Haa taʼu malee, yeroo kanatti atis ofii keetii akka hin qoramne of eeggadhu.+
2 Baʼaa walii baachuu keessan itti fufaa;+ karaa kanaan seera Kiristoos ni raawwattu.+
3 Namni tokko iddoo guddaa utuu hin qabaatin iddoo guddaa akka qabutti yoo of ilaale+ of gowwoomsaa jira.
4 Haa taʼu malee, namni hundi hojii ofii isaa haa qoru;+ achiis nama kan biraa wajjin utuu wal bira of hin qabin,+ waaʼee ofii isaa qofa waan ittiin gammadu argata.
5 Sababiin isaas, namni hundi baʼaa* ofii isaa baata.+
6 Kana malees, namni dubbicha barachaa* jiru hundi, isa barumsa* akkasii isaaf kennuu wajjin wanta gaarii hunda haa hirmaatu.+
7 Hin dogoggorinaa: Waaqayyo kan itti qoosamu miti. Namni waanuma facaase sana haammata;+
8 sababiin isaas, namni fooniif jedhee facaasu, foon isaa irraa tortoruu haammata; namni hafuuraaf jedhee facaasu garuu, hafuura irraa jireenya bara baraa haammata.+
9 Kanaafuu, yoo abdii kutachuu baanne yommuu yeroon isaa gaʼu waan haammannuuf, wanta gaarii hojjechuuf abdii hin kutannu.+
10 Egaa hamma carraa argannetti,* namoota hundumaatiif, keessumaa immoo warra amantiidhaan nutti firoomaniif wanta gaarii haa goonu.
11 Qubeewwan guguddaa akkamiitiin harkuma kootiin akkan isiniif barreesse ilaalaa.
12 Warri fooniin fudhatama argachuu barbaadan* hundi akka dhaqna qabattan isin dirqisiisuuf kan yaalan, muka dhiphinaa* Kiristoosiif jedhanii ariʼatamuu irraa ooluuf qofa dha.
13 Sababiin isaas, warri dhaqna qabatan iyyuu Seericha hin eegan;+ taʼus, akka isin dhaqna qabattan kan barbaadan waaʼee foon keessanii wanta ittiin boonan argachuuf jedhanii ti.
14 Ani garuu Gooftaa keenya Yesuus Kiristoos isa muka dhiphinaa* irratti fannifameen+ malee wanta kan biraatiin matumaa hin boonu; akka ilaalcha kootti karaa isaa addunyaan duʼeera, akka ilaalcha addunyaatti immoo karaa isaa ani duʼeera.*
15 Sababiin isaas, uumama haaraa+ taʼuu malee, dhaqna qabachuunis taʼe dhaqna qabachuu dhiisuun homaa miti.+
16 Namoota seera amalaa kana hordofanii sirriitti deddeebiʼan hundumaaf, eeyyee, Israaʼel Waaqayyootiif+ nagaa fi gara laafinni haa taʼu.
17 Godaannisni garbicha Yesuus taʼuu koo argisiisu qaama koo irra waan jiruuf, kana booda namni kam iyyuu na hin rakkisin.+
18 Yaa obbolootaa, gaarummaan Gooftaa keenya Yesuus Kiristoos hafuura isin argisiistanii wajjin haa taʼu. Ameen.
Miiljaleewwan
^ Ykn., “baʼaa itti gaafatamummaa.”
^ Ykn., “afaaniin barachaa.”
^ Ykn., “barumsa afaanii.”
^ Kal., “yeroo murteeffametti.”
^ Ykn., “warri alaan gaarii taʼanii mulʼachuu barbaadan.”
^ Ibsa Jechootaa ilaali.
^ Ibsa Jechootaa ilaali.
^ Ykn., “muka irratti fannifameera.”