Haagee 1:1-15

  • Mana qulqullummaa deebisanii waan hin ijaarreef ni ifataman (1-11)

    • ‘Mana muka bareedaadhaan miidhagfame keessa jiraachuun yeroo isaa tii?’ (4)

    • “Daandii keessaniif xiyyeeffannaa kennaa” (5)

    • Baayʼee facaasanii xinnoo galfachuu (6)

  • Sabichi sagalee Yihowaa dhagaʼe (12-15)

1  Daariyos mootii taʼee waggaa lammaffaa isaatti, jiʼa jaʼaffaatti, jiʼicha keessaas guyyaa jalqabaatti dubbiin Yihowaa akkana jedhu karaa Haagee*+ raajichaa gara Zarubaabel+ ilma Saalaatiʼel bulchaa Yihudaa fi gara Iyyaasuu ilma Yehozaadaaq luba ol aanaa ni dhufe:  “Yihowaan Gooftaan Raayyaa akkana jedha: ‘Namoonni kun, “Mana* Yihowaa ijaaruuf* yeroon isaa hin geenye” jedhu.’”+  Dubbiin Yihowaa akkana jedhu ammas karaa Haagee+ raajichaa ni dhufe:  “Manni kun utuu diigamee jiruu isin mana keessan isa muka bareedaadhaan miidhagfame keessa jiraachuun keessan yeroo isaa tii?+  Egaa Yihowaan Gooftaan Raayyaa akkana jedha: ‘Daandii keessaniif xiyyeeffannaa kennaa.*  Sanyii hedduu facaafattan, garuu muraasa galfattu.+ Ni nyaattu, garuu hin quuftan. Ni dhugdu, garuu dheebuu hin baatan. Ni uffattu, garuu namni itti hoʼu hin jiru. Namni mindeeffamee hojjetu mindaa isaa korojoo uraa baayʼee qabu keessa kaaʼata.’”  “Yihowaan Gooftaan Raayyaa akkana jedha: ‘Daandii keessaniif xiyyeeffannaa kennaa.’*  “‘Gara gaarichaatti ol baʼaatii muka soofame fidaa.+ Akkan itti gammaduu fi ulfina argadhuuf+ mana koo ijaaraa’+ jedha Yihowaan.”  “Yihowaan Gooftaan Raayyaa akkana jedha: ‘Isin wanta baayʼee eeggattan, garuu muraasa argattan; yommuu gara manaatti isa fiddan immoo ani afuufeen bittinneesse.+ Kun kan taʼe maaliifi? Sababiin isaas, tokkoon tokkoon keessan utuma manni koo diigamee jiruu mana keessan kunuunsuuf asii fi achi jettu.+ 10  Kanaafuu, samiin isinii ol jiru fixeensa isaa isin dhowwate, laftis oomisha kennu didde. 11  Anis lafa irratti, gaarota irratti, midhaan irratti, wayinii haaraa irratti, zayitii irratti, wanta lafa irraa biqilu irratti, nama irrattii fi horii irratti, wanta harka keessaniin itti dadhabdan hundumaa irrattis ongee nan erga.’” 12  Zarubaabel+ ilmi Saalaatiʼelii+ fi Iyyaasuun ilmi Yehozaadaaq+ lubni ol aanaan, namoonni kaan hundis sagalee Waaqa isaanii Yihowaa fi dubbii Haagee raajichaa ni dhagaʼan; sababiin isaas, kan isa erge Waaqa isaanii Yihowaa dha; sabichis Yihowaadhaan kan kaʼe sodaachuu jalqabe. 13  Achiis Haageen ergamaan Yihowaa, ergama Yihowaa biraa fudhatee wajjin haala wal simuun sabichaaf ergaa kana ni dabarse: “‘Yaa saba nana, ani isinii wajjinan jira’+ jedha Yihowaan.” 14  Kanaafuu, Yihowaan hafuura Zarubaabel ilma Saalaatiʼel bulchaa Yihudaa,+ hafuura Iyyaasuu+ ilma Yehozaadaaq luba ol aanaa, hafuura namoota kaan hundumaas ni kakaase;+ isaanis dhufanii mana Waaqa isaanii Yihowaa Gooftaa Raayyaa ijaaruu jalqaban.+ 15  Kun kan taʼe Daariyos mootii taʼee waggaa lammaffaa isaatti, jiʼa jaʼaffaatti, jiʼicha keessaas guyyaa 24ffaatti ture.+

Miiljaleewwan

“Guyyaa Ayyaanaatti kan Dhalate” jechuu dha.
Ykn., “Mana qulqullummaa.”
Ykn., “deebisanii ijaaruuf.”
Ykn., “Daandii keessan irratti of eeggannoodhaan yaadaa.”
Ykn., “Daandii keessan irratti of eeggannoodhaan yaadaa.”