Haagee 2:1-23

  • Manni qulqullummaa inni lammaffaan ulfinaan guutama (1-9)

    • Saboonni hundi ni sochoofamu (7)

    • Wantoonni gatii guddaa qaban saboota keessaa ni dhufu (7)

  • Mana qulqullummaa deebisanii ijaaruun eebba fida (10-19)

    • Qulqullummaan warra kaanitti darbuu hin dandaʼu (10-14)

  • Ergaa Zarubaabeliif ergame (20-23)

    • “Akka qubeellaa chaappaa sin godha” (23)

2  Jiʼa torbaffaatti, jiʼicha keessaa guyyaa 21ffaatti dubbiin Yihowaa akkana jedhu karaa Haagee+ raajichaa ni dhufe:  “Maaloo, Zarubaabel+ ilma Saalaatiʼel bulchaa Yihudaa+ fi Iyyaasuu+ ilma Yehozaadaaq+ luba ol aanaa, namoota kaan hundumaas akkana jedhii gaafadhu:  ‘Isin keessaa namni ulfina mana* kanaa isa duraa arge jiraa?+ Manichi amma maal fakkaatee isinitti mulʼata? Yeroo isa jalqabaa wajjin wal bira qabamu homaattuu kan hin lakkaaʼamne dha mitii?’+  “Yihowaan akkana jedha: ‘Amma garuu yaa Zarubaabel, jabaadhu, yaa Iyyaasuu ilma Yehozaadaaq luba ol aanaa, atis jabaadhu.’ “Yihowaan akkana jedha: ‘Isin namoonni biyyattii hundi, jabaadhaa+ hojjedhaa.” “Yihowaan Gooftaan Raayyaa akkana jedha: ‘Ani isinii wajjinan jira.+  Wantan yommuu Gibxiidhaa baatanitti waadaa isiniif gale yaadadhaa;+ hafuurri koos isin gidduu ni jiraata.*+ Hin sodaatinaa.’”+  “Sababiin isaas, Yihowaan Gooftaan Raayyaa akkana jedha: ‘Yeroo muraasa booda al tokko dabalee samiiwwanii fi lafa, akkasumas galaanaa fi lafa isa gogaa nan sochoosa.’+  “‘Ani saboota hundumaa nan sochoosa; wantoonni gatii guddaa qabanis* saboota hundumaa keessaa ni dhufu;+ mana kanas ulfinaan nan guuta’+ jedha Yihowaan Gooftaan Raayyaa.  “‘Meetiin kan koo ti, warqiinis kan koo ti’ jedha Yihowaan Gooftaan Raayyaa.  “‘Ulfinni mana kanaa inni gara fuulduraa isa duraa ni caala’+ jedha Yihowaan Gooftaan Raayyaa. “‘Ani iddoo kanatti nagaa isiniif nan kenna’+ jedha Yihowaan Gooftaan Raayyaa.” 10  Daariyoos mootii taʼee waggaa lammaffaa isaatti, jiʼa saglaffaatti, jiʼicha keessaas guyyaa 24ffaatti dubbiin Yihowaa akkana jedhu gara Haagee+ raajichaa ni dhufe: 11  “Yihowaan Gooftaan Raayyaa akkana jedha: ‘Mee, waaʼee seerichaa akkana jedhiitii luboota gaafadhu:+ 12  “Namni tokko uffata isaatti foon qulqulluu baatee utuu jiruu uffanni isaa daabboo yookiin ittoo yookiin wayinii yookiin zayitii yookiin nyaata akkamii iyyuu yoo tuqe wanti sun qulqulluu ni taʼaa?”’” Luboonnis, “Lakki!” jedhanii deebisan. 13  Achiis Haageen, “Namni reeffa tuquu isaatiin* xuraaʼe tokko wantoota kana keessaa tokko yoo tuqe, wanti sun xuraaʼaa ni taʼaa?”+ jedhee isaan gaafate. Luboonnis, “Eeyyee, xuraaʼaa ni taʼa” jedhanii deebisan. 14  Kanaafuu, Haageen akkana jedhe: “‘Namoonni kunis akkasuma, sabni kun na duratti akkasuma, hojiin harka isaanii hundis akkasuma; wanti isaan achitti dhiheessan kam iyyuu xuraaʼaa dha’ jedha Yihowaan. 15  “‘Amma garuu, maaloo, guyyaa harʼaatii kaasee wanta kanaaf xiyyeeffannaa kennaa:* Mana qulqullummaa Yihowaa keessatti dhagaan dhagaa irra kaaʼamuu isaa dura haala ture yaadadhaa;+ 16  Yeroo sanatti, namni tokko safartuu 20 argachuu yaadee gara tuullaa midhaanii yeroo dhaqu safartuu 10 qofa argate; namni tokko wayinii safartuu 50 argachuu yaadee iddoo wayinii itti cuunfan yeroo dhaqu safartuu 20 qofa argate;+ 17  Ani isiniin, jechuunis hojii harka keessanii hundumaa bubbee waxaluun, waagiidhaan,+ cabbiidhaanis nan rukute; garuu isin keessaa tokko illee gara kootti hin deebine’ jedha Yihowaan. 18  “‘Maaloo, guyyaa harʼaatii kaasee, jiʼa saglaffaa keessaa guyyaa 24ffaa, guyyaa buʼuurri mana qulqullummaa Yihowaa itti kaaʼamee+ kaasee wanta kanaaf xiyyeeffannaa kennaa,* eeyyee, wanta kanaaf xiyyeeffannaa kennaa: 19  Amma iyyuu gootaraa* keessa sanyiin jiraa?+ Mukti wayinii, mukti harbuu, mukti romaanii fi mukti ejersaa* firii hin godhanne mitii? Ani guyyaa harʼaatii kaasee eebba nan erga.’”+ 20  Jiʼicha keessaa guyyaa 24ffaatti ammas dubbiin Yihowaa akkana jedhu siʼa lammaffaadhaaf gara Haagee ni dhufe:+ 21  “Zarubaabel bulchaa Yihudaatiin akkana jedhi: ‘Ani samiiwwanii fi lafa nan sochoosa.+ 22  Teessoo mootummootaa nan garagalcha; jabina mootummoota sabootaas nan balleessa;+ gaarii fardaa fi warra isa oofan nan garagalcha; fardeenii fi warri isaan gulufan ni kufu; tokkoon tokkoon isaanii goraadee obboleessa isaaniitiin ni kufu.’”+ 23  “‘Guyyaa sanatti’ jedha Yihowaan Gooftaan Raayyaa, ‘Yaa tajaajilaa koo Zarubaabel+ ilma Saalaatiʼel,+ ani sin fudhadha’ jedha Yihowaan, ‘Ati isa ani filadhe waan taateef, akka qubeellaa chaappaa sin godha’ jedha Yihowaan Gooftaan Raayyaa.”

Miiljaleewwan

Ykn., “mana qulqullummaa.”
Ykn tarii, “yeroo hafuurri koo isin gidduu dhaabbachaa ture sanas yaadadhaa.”
Ykn., “jaallatamoo taʼanis.”
Ykn., “lubbuudhaan.” Ibsa Jechootaa ilaali.
Ykn., “wanta kana irratti of eeggannoodhaan yaadaa.”
Ykn., “wanta kana irratti of eeggannoodhaan yaadaa.”
Ykn., “boolla midhaanii.”
Akaakuun muka ejersaa Kitaaba Qulqulluu keessatti ibsame firii ejersaa zayitiin irraa argamu kan godhatu dha.