Hojii Ergamootaa 20:1-38

  • Phaawulos Maqedooniyaa fi Giriikiitti (1-6)

  • Awuxikos Xiroʼaasitti duʼaa kaʼuu isaa (7-12)

  • Xiroʼaasii gara Milexos deemuu (13-16)

  • Phaawulos jaarsolii Efesoonii wajjin wal arge (17-38)

    • Manaa gara manaatti barsiisuu (20)

    • “Kennuutu caalaatti nama gammachiisa” (35)

20  Jeequmsi sun erga qabbanaaʼee booda, Phaawulos dhaamsa ergee barattoota waamsise; achiis erga isaan jajjabeessee fi nagaa isaanitti dhaamee booda gara Maqedooniyaatti qajeele.  Naannoowwan sana keessa deemee obboloota achi jiran jechoota hedduudhaan erga jajjabeessee booda gara Giriikii dhufe.  Iddoo kana jiʼa sadiif ture; haa taʼu malee, yommuu dooniidhaan gara Sooriyaa dhaquuf kaʼetti Yihudoonni isa ajjeesuuf waan mariʼataniif+ yaada isaa jijjiiree karaa Maqedooniyaa deebiʼe.  Namoonni isaa wajjin imalan, Sophaaxiros ilma Phiiros nama Beeriyaa, Arisxaarkosii+ fi Sekondos warra Tasalonqee, Gaayos nama Darbee, Ximotewos,+ akkasumas Tikiqoosii+ fi Xirofimoos+ warra koonyaa Eeshiyaatii dhufan turan.  Namoonni kun nu dura darbanii Xiroʼaasitti nu eegan;  nuti garuu Ayyaana Maxinoo+ booda dooniidhaan Filiphisiyusii kaanee guyyaa shan keessatti Xiroʼaasitti isaan bira geenye; guyyaa torbaafis achi turre.  Guyyaa jalqabaa torban sanaatti nyaataaf walitti qabamnee utuu jirruu, Phaawulos borumtaa isaa waan deemuuf, haasaa isaaniif kennuu jalqabe; haasaa isaas hanga halkan walakkaatti dheeresse.  Kutaa fooqii irraa isa keessatti walitti qabamne keessa ibsaa baayʼeetu jira ture.  Yeroo kanatti dargaggeessi Awuxikos jedhamu tokko foddaa irra taaʼee muga ture; yommuu Phaawulos dubbii isaa itti fufu hirribni cimaan waan isa qabateef fooqii sadaffaa irraa kufe; yommuu ol isa kaasanis duʼee ture. 10  Phaawulos garuu gad buʼee isa irra ciisee isa hammatee,+ “Wacuu keessan dhiisaa, inni fayyaa dha”*+ jedhe. 11  Achiis fooqichatti ol baʼee nyaata fudhatee* nyaachuu jalqabe. Hanga bariʼutti dubbachuu isaa erga itti fufee boodas, isaan irraa adda baʼee deeme. 12  Kanaafuu, isaan mucicha fayyaa isaa fudhatanii deeman; baayʼees ni jajjabaatan. 13  Nutis bakka dooniin jiru dhaqnee gara Asoositti imaluuf doonii yaabbanne; Phaawulos garuu miilaan achi dhaquuf murteesse. Akkuma inni nutti himetti iddoo kanatti doonii isa yaabbachiisuu barbaannee turre. 14  Kanaafuu, Asoositti yommuu inni nu bira gaʼu, isa fudhannee dooniidhaan gara Mixileenee dhaqne. 15  Guyyaa itti aanutti achii kaanee Kiiyos geenye; borumtaa isaas Saamositti takka dhaabbanne; guyyaa itti aanutti immoo Milexos geenye. 16  Phaawulos yoo dandaʼame guyyaa Ayyaana Phenxeqosxeetti Yerusaalem gaʼuuf waan ariifateef,+ koonyaa Eeshiyaa keessatti yeroo akka hin balleessineef dooniidhaan Efesoon bira darbee deemuuf murteesse.+ 17  Haa taʼu malee, Milexos irraa Efesoonitti dhaamsa ergee jaarsolii gumii waamsise. 18  Yommuu isaan gara isaa dhufanis akkana isaaniin jedhe: “Guyyaan jalqaba gara koonyaa Eeshiyaa dhufee kaasee isin gidduutti akkamitti akkan jiraadhe akka gaariitti beektu;+ 19  ani guutummaatti gad of qabuudhaan Gooftaa tajaajileera;+ daba Yihudootaatiin kan kaʼes imimmaan koo dhangalaaseera, rakkadheeras; 20  wanta isin fayyadu isinitti himuu irraas taʼe, bakka namoonni walgaʼanittii+ fi manaa gara manaatti+ isin barsiisuu irraa duubatti hin jenne. 21  Kanaa mannaa, Yihudoonnis taʼan Giriikonni yaada geddaratanii+ gara Waaqayyootti akka deebiʼanii fi Gooftaa Yesuusitti akka amanan guutummaatti isaaniif ragaa baʼeera.+ 22  Kunoo, ani amma wanta achitti na irra gaʼu beekuu baadhus, hafuura qulqulluutiin dirqisiifamee* gara Yerusaalem dhaqaan jira; 23  haa taʼu malee, akkan hidhamuu fi rakkinni akka na irra gaʼu magaalaan dhaqu hundumaa keessatti hafuurri qulqulluun irra deddeebiʼee na akeekkachiisa.+ 24  Taʼus, fiigicha koo yoon xumuree fi misiraachoo gaarummaa Waaqayyoo isa guddaa guutummaatti dhugaa baʼuuf tajaajilan Gooftaa Yesuus irraa fudhadhe yoon raawwadhe,+ jireenya* koo akka waan faayidaa anaaf qabuutti hin ilaalu. 25  “Egaa amma, isin warra ani Mootummicha lallabeef keessaa tokkoon keessan iyyuu lammata fuula koo akka hin argine ani beeka. 26  Kanaafuu, dhiiga nama hundumaa irraa qulqulluu taʼuu koo guyyaa kanatti akka dhugaa anaaf baatan isin waameera;+ 27  sababiin isaas, ani kaayyoo* Waaqayyoo hunda isinitti himuu irraa duubatti hin jenne.+ 28  Ofii keessaniifis taʼe guutummaa tuuta hoolotaatiif xiyyeeffannaa kennaa;+ sababiin isaas, gumii Waaqayyoo isa inni dhiiga Ilma isaatiin bite+ tiksee taatanii akka eegdaniif,+ hafuurri qulqulluun ilaaltota ol aanaa godhee irratti isin muudeera.+ 29  Ergan deemee booda, yeeyyiiwwan hamoo* taʼan isin gidduu akka seenanii+ fi tuuticha gara laafinaan akka hin qabne ani beeka; 30  isinuma gidduudhaa illee namoonni barattoota ofitti fudhachuuf dubbii micciiramaa dubbatan ni kaʼu.+ 31  “Kanaafuu, dammaqaa eegaa, akkasumas waggaa sadiif+ halkanii fi guyyaa tokkoon tokkoon keessan imimmaaniin gorsuu irraa matumaa duubatti akkan hin jenne yaadadhaa. 32  Ammas Waaqayyotti, akkasumas dubbii gaarummaa isaa isa guddaa isin ijaaruu dandaʼuu fi qulqulloota hunda gidduutti dhaala isiniif kennu sanatti imaanaadhaan isin nan kenna.+ 33  Ani meetii yookiin warqii yookiin uffata nama tokkoo illee hin hawwine.+ 34  Wanta anaafis taʼe warra anaa wajjin jiraniif barbaachisu dhiheessuuf harka koo kanaan akkan hojjedhe+ isinumti iyyuu beektu. 35  Akka kanaan jabaadhee hojjechuudhaan,+ warra dadhaban akka gargaartanii fi wanta Gooftaan Yesuus, ‘Fudhachuu irra kennuutu caalaatti nama gammachiisa’+ jedhee dubbate akka yaadattan karaa hundumaan isinitti argisiiseera.” 36  Wantoota kana erga dubbatee booda, hunduma isaanii wajjin jilbeenfatee kadhate. 37  Hundi isaanii iyyuu akka malee booʼanii morma Phaawulositti maramanii isa dhungatan; 38  sababiin isaas, keessumaa lammata akka isaan fuula isaa hin argine dubbachuun isaa baayʼee isaan gaddisiisee ture.+ Achiis hanga doonichaatti isa geggeessan.

Miiljaleewwan

Ykn., “lubbuun isaa keessa jira.”
Kal., “daabboo cabsatee.”
Kal., “hidhamee.”
Ykn., “lubbuu.”
Ykn., “gorsa.”
Ykn., “cunqursitoota.”