Ibrootaaf 10:1-39
-
Aarsaan horii cubbuu balleessuu hin dandaʼu (1-4)
-
Seerichi gaaddidduu dha (1)
-
-
Aarsaa Kiristoos isa hundumaatiif akka taʼutti al tokkicha dhihaate (5-18)
-
Daandii haaraa gara jireenyaatti geessu (19-25)
-
Walitti qabamuu keenya hin dhiisnu (24, 25)
-
-
Akeekkachiisa taʼe jedhanii cubbuu hojjechuu ilaalchisee kenname (26-31)
-
Jabaatanii dhaabbachuuf amanannaa fi amantiin barbaachisaa dha (32-39)
10 Seerichi gaaddidduu+ wantoota gaggaarii dhufuuf jiranii ti+ malee, wantootuma sana miti; kanaafuu, inni* aarsaawwan utuu wal irraa hin citin waggaa waggaadhaan dhihaataniin, namoota Waaqayyotti dhihaatan sana matumaa mudaa kan hin qabne gochuu hin dandaʼu.+
2 Utuu kun taʼuu baatee, namoonni tajaajila qulqulluu dhiheessan sun takkaa erga qulqullaaʼanii booda cubbamoota akka taʼan waan isaanitti hin dhagaʼamneef, aarsaawwan sun dhihaachuun isaanii hin hafu turee?
3 Kanaa mannaa, aarsaawwan kun waggaa waggaadhaan cubbuun akka yaadatamu godhu;+
4 sababiin isaas, dhiigni jibootaa fi dhiigni reʼootaa cubbuu balleessuu hin dandaʼu.
5 Kanaafuu, inni gara addunyaa yeroo dhufetti akkana jedhe: “‘Ati aarsaa fi kennaa hin barbaanne, kanaa mannaa dhaqna anaaf qopheessite.
6 Ati aarsaa guutummaatti gubamuu fi aarsaa cubbuutti hin gammanne.’+
7 Anis, ‘Yaa Waaqayyoo, kunoo ani (waaʼeen koo maraa kitaabaa irratti barreeffameera) fedhii kee raawwachuuf dhufeera’+ nan jedhe.”
8 Jalqaba aarsaawwan akka Seerichaatti dhihaatan ilaalchisee, “Ati aarsaawwan, kennaawwanii fi aarsaawwan guutummaatti gubaman, akkasumas aarsaawwan cubbuu hin barbaanne, isaanittis hin gammanne” jedhe.
9 Achiis, “Kunoo, ani fedhii kee raawwachuuf dhufeera”+ jedhe. Inni isa lammaffaa hundeessuuf jedhee isa jalqabaa balleessa.
10 Nuti “fedhii”+ kanaan, karaa kennaa dhaqna Yesuus Kiristoosiin yeroo hundumaatiif akka taʼutti al tokkicha qulqulloofneerra.+
11 Kana malees, lubni hundi guyyaa guyyaadhaan tajaajila qulqulluu dhiheessuu*+ fi aarsaawwan matumaa guutummaatti cubbuu balleessuu hin dandeenye+ sana irra deddeebiʼee dhiheessuuf+ iddoo isaa dhaabbata.
12 Namni kun garuu yeroo hundumaatiif akka taʼutti cubbuudhaaf aarsaa tokko dhiheessee mirga Waaqayyoo taaʼe;+
13 yeroo sanaa jalqabee hanga diinonni isaa ejjeta miila isaa godhamanitti eeggachaa jira.+
14 Inni aarsaa tokko dhiheessuudhaan warri qulqulleeffaman sun yeroo hundumaatiif mudaa kan hin qabne akka taʼan godheera.+
15 Kana malees, hafuurri qulqulluun yommuu ragaa nuuf baʼu akkana jedha:
16 “‘Guyyoota sana booda, kakuun ani isaanii wajjin galu isa kana’ jedha Yihowaan.* ‘Ani seerawwan koo garaa isaanii keessa nan kaaʼa, sammuu isaanii keessattis nan barreessa.’”+
17 Itti dabaluudhaanis, “Ani sana booda cubbuu isaanii fi jalʼina isaan hojjetan hin yaadadhu”+ jedha.
18 Cubbuuwwan kanaaf dhiifamni erga argamee booda aarsaan sababii cubbuutiif dhihaatu hin barbaachisu.
19 Yaa obbolootaa, dhiiga Yesuusiin daandii gara iddoo qulqulluutti+ geessutti galuuf ija jabina* arganneerra;
20 daandiin inni nuuf bane* kun daandii haaraa gara jireenyaatti geessu dha; kana kan godhes golgaa+ sana jechuunis foon isaa keessa darbuudhaani;
21 akkasumas luba guddaa mana Waaqayyoo irratti muudame qabna;+
22 kanaafuu, qalbii hamaa irraa qulqullaaʼuudhaaf+ garaa keenyatti facaafannee, akkasumas qaama keenya bishaan qulqulluudhaan dhiqannee+ garaa qulqulluu fi amantii guutuudhaan Waaqayyotti haa dhihaannu.
23 Inni waadaa gale amanamaa waan taʼeef, utuu hin raafamin+ carraa abdii keenya ifatti lallabuuf arganne jabeessinee haa qabannu.
24 Akkasumas jaalalaa fi hojii gaariidhaaf+ wal kakaasuuf, xiyyeeffannaa waliif haa kenninu;*
25 akka namoonni tokko tokko barsiifata godhatan walitti qabamuu keenya hin dhiisnu;+ kanaa mannaa, guyyichi dhihaachuu isaa yommuu arginu+ isa duraa caalaa wal haa jajjabeessinu.+
26 Beekumsa dhugaa isa sirrii erga argannee booda, taʼe jennee cubbuu hojjechuu yoo amaleeffanne,+ sana booda aarsaa kan biraan cubbuu keenyaaf dhihaatu hin jiraatu;+
27 kanaa mannaa, murtii sodaachisaa isa akka dhufu eegamuu fi dheekkamsa bobaʼu isa warra morman sana gubutu jiraata.+
28 Namni Seera Musee cabse kam iyyuu namoonni lama yookiin sadii yoo ragaa isa irratti baʼan gara laafina tokko malee ajjeefama.+
29 Egaa namni Ilma Waaqayyoo irra ejjete, dhiiga kakuu+ isa ittiin qulqulleeffame sana akka waan faayidaa hin qabnetti lakkaaʼee fi hafuura Waaqayyoo isa gaarummaa guddaa kennu sana tuffate adaba guddaa akkamiitu isaaf mala jettanii yaaddu ree?+
30 Nuti Waaqa isa, “Haaloo baʼuun kan koo ti; ani deebisee nan kaffala” jedhe beekna. Akkasumas, “Yihowaan* saba isaatiif murtii ni kenna.”+
31 Harka Waaqa jiraataa keessatti kufuun wanta nama sodaachisu dha.
32 Haa taʼu malee, yeroo darbe isa erga ifni isiniif ifee booda,+ rakkina guddaadhaan qabsoo cimaa keessa jabaattanii itti dhaabbattan sana yaadadhaa.
33 Yeroo tokko tokko uummata duratti* arrabsamaa fi rakkinni isin irra gaʼaa ture; yeroo kan biraatti immoo warra rakkina akkasii keessa jiran cinaa dhaabbattanii turtan.
34 Isin warra hidhamanitti gara laafina argisiistaniittu; akkasumas isinis qabeenya isa caaluu fi hin badne akka qabdan waan beektaniif,+ qabeenyi keessan yommuu saamamu gammachuu keessan hin dhabne.+
35 Kanaafuu, ija jabina* keessan isa badhaasa guddaa isiniif argamsiisu sana darbattanii hin gatinaa.+
36 Fedhii Waaqayyoo erga raawwattanii booda, waadaa inni gale sana argachuuf jabaattanii dhaabbachuun isin barbaachisa.+
37 Sababiin isaas, “yeroo muraasaaf”+ malee, “inni dhufaa jiru sun ni dhufa, hin turus.”+
38 “Haa taʼu malee, tajaajilaan koo inni qajeelaan amantiidhaan jiraata,”+ “gara duubaatti yoo deebiʼe ani* isatti hin gammadu.”+
39 Egaa nuti akka namoota amantii isa lubbuu isaanii jiraataa godhee eegu qabanii ti malee, akka namoota badiisaaf duubatti deebiʼanii miti.+
Miiljaleewwan
^ Ykn tarii, “namoonni.”
^ Ykn., “tajaajila uummataa raawwachuu.”
^ Kutaa Dabalataa A5 ilaali.
^ Ykn., “amanannaa.”
^ Kal., “eebbise.”
^ Ykn., “waliif haa yaannu.”
^ Kutaa Dabalataa A5 ilaali.
^ Kal., “akka bakka tiyaatiraatti saaxilamtanii.”
^ Kal., “bilisummaa dubbachuu.”
^ Ykn., “lubbuun koo.”