Ibrootaaf 4:1-16
4 Kanaafuu, gara boqonnaa Waaqayyootti galuuf amma iyyuu abdiin waan jiruuf, isin keessaa namni tokko illee abdii sanaaf gaʼumsa akka hin dhabne of haa eeggannu.*+
2 Misiraachichi akkuma isaaniif labsame nuufis labsameera;+ haa taʼu malee, isaan warra dhagaʼan sanaa wajjin amantiidhaan tokko waan hin taaneef, dubbiin isaan dhagaʼan sun isaan hin fayyanne.
3 Nuti warri amantii akka qabnu argisiisne gara boqonnaa sanaatti ni galla; sababiin isaas, inni hojiin isaa erga addunyaan hundeeffamee jalqabee kan xumurame taʼus,+ “Ani dheekkamsa kootiin, ‘Isaan gara boqonnaa kootti hin galan’+ jedheen kakadhe” jedheera.
4 Inni guyyaa torbaffaa ilaalchisee iddoo tokkotti, “Waaqayyos guyyaa torbaffaatti hojii isaa hundumaa irraa ni boqote” jedheera;+
5 ammas iddoo kanatti, “Isaan gara boqonnaa kootti hin galan”+ jedheera.
6 Kanaafuu, ammas namoonni muraasni akka itti galaniif carraan waan jiruuf, akkasumas warri jalqaba misiraachoon isaaniif lallabame ajajamuu diduu isaaniitiin utuu itti hin galin waan hafaniif,+
7 yeroo dheeraa booda faarfannaa Daawit keessatti, “Harʼa” jedhee ammas guyyaa tokko murteesse; kunis akkuma olitti, “Harʼa sagalee isaa yoo dhageessan garaa keessan didaa hin godhinaa”+ jedhametti dha.
8 Sababiin isaas, Iyyaasuun+ iddoo boqonnaa tokkotti utuu isaan galcheera taʼee, Waaqayyo sana booda waaʼee guyyaa kan biraa hin dubbatu ture.
9 Kanaafuu, saba Waaqayyootiif boqonnaan sanbataa kaaʼamee jira.+
10 Sababiin isaas, akkuma Waaqayyo hojii ofii isaa irraa boqote, namni boqonnaa Waaqayyootti gales hojii ofii isaa irraa boqoteera.+
11 Kanaafuu, namni kam iyyuu daandii ajajamuu diduu sanatti akka hin kufneef, gara boqonnaa sanaatti galuuf wanta nuu dandaʼame hunda haa goonu.+
12 Dubbiin Waaqayyoo jiraataa fi humna qabeessa dha;+ goraadee karaa lamaan qara qabu kam iyyuu caalaa qaramaa dha;+ lubbuu* fi hafuura,* buusaa fi dhuka hamma gargar baasutti illee waraanee seena; yaadaa fi kaayyoo garaa namaas hubachuu dandaʼa.
13 Uumamni ija isaa jalaa dhokatu tokko illee hin jiru;+ kanaa mannaa, wanti hundi ija isa nu gaafatu sanaa duratti qullaa fi ifatti kan saaxilame dha.+
14 Kanaafuu, luba ol aanaa guddaa gara samiiwwaniitti seene, jechuunis Yesuus Ilma Waaqayyoo+ waan qabnuuf, amantii isa irratti qabnu ifatti labsuu keenya itti haa fufnu.+
15 Lubni ol aanaan nuti qabnu, isa cubbuu qabaachuu baatus+ akkuma keenya karaa hundumaan qorame dha malee, isa dadhabina keenyatti nuuf gadduu hin dandeenye miti.+
16 Kanaafuu, yeroo gargaarsi nu barbaachisutti gara laafinaa fi gaarummaa guddaa akka argannuuf, bilisummaadhaan+ gara teessoo gaarummaa Waaqayyoo isa guddaatti haa dhihaannu.