Isaayyaas 11:1-16

  • Bulchiinsa qajeelinaa latii Issey (1-10)

    • Yeeyyii fi hoolaan waliin jiraatu (6)

    • Beekumsi Yihowaa lafa guuta (9)

  • Warri hafan iddootti deebiʼan (11-16)

11  Latiin+ gufuu Issey+ keessaa ni baʼa,Wanti hidda+ isaa irraa biqilus firii ni godhata.   Hafuurri Yihowaa isa irra ni buufata,+Hafuurri ogummaa+ fi hafuurri hubannaa,Hafuurri gorsaa fi hafuurri jabinaa,+Hafuurri beekumsaa fi hafuurri Yihowaa sodaachuu isa irra ni buufata.   Yihowaa sodaachuuttis ni gammada.+ Wantuma ija isaatiin argu irratti hundaaʼee murtii hin kennu,Wantuma gurra isaatiin dhagaʼu irratti hundaaʼees hin ifatu.+   Warra rakkataniif haqaan* murtii ni kenna,Garraamota lafa irra jiraniif jedhees qajeelummaadhaan ni ifata. Ulee afaan isaa keessaa baʼuun lafa ni rukuta,+Hafuura afaan isaa keessaa baʼuunis isa hamaa ni ajjeesa.+   Qajeelummaan qabattoo dugda isaa,Amanamummaanis qabattoo mudhii isaa ni taʼa.+   Yeeyyiin xobbaallaa hoolaa wajjin ni jiraata,+Qeerransis ilmoo reʼee wajjin ni ciisa,Jabbiin, leencii* fi horiin gabbataan waliin ni jiraatu;*+Mucaan xinnoonis isaan ni tiksa.   Saanii fi amaakenni waliin ni dheedu,Ilmooleen isaaniis waliin ni ciciisu. Leencis akkuma qotiyyoo galabaa ni nyaata.+   Daaʼimni harma hodhu manʼee marʼataa irra ni taphata,Daaʼimni harma guʼes harka isaa boolla bofa summii qabuu keessa ni kaaʼa.   Isaan guutummaa gaara koo isa qulqulluu irratti+ miidhaaYookiin badiisa akkamii iyyuu hin geessisan,+Sababiin isaas, akkuma bishaan galaana uwwisu,Laftis dhugumaan beekumsa Yihowaatiin ni guutamti.+ 10  Guyyaa sanatti hiddi Issey+ sabootaaf mallattoo*+ taʼee dhaabbata. Saboonnis qajeelfama argachuuf gara isaatti garagalu,*+Bakki boqonnaa isaas ulfina qabeessa ni taʼa. 11  Guyyaa sanatti Yihowaan, yeroo lammaffaadhaaf saba isaa warra hafan kanneen Asoor,+ Gibxii,+ Phaatros,+ Kuush,+ Eelaam,+ Shinaar,* Hamaatii fi odolawwan galaanaa irraa oolan deebifachuuf ammas harka isaa ni diriirsa.+ 12  Inni sabootaaf mallattoo* ni dhaaba; Israaʼel keessaa warra bittinnaaʼan walitti ni qaba;+ Yihudaa keessaa warra faffacaʼanis golee lafaa arfan irraa walitti ni qaba.+ 13  Hinaaffaan Efreem ni bada,+Warri diina Yihudaa taʼanis ni balleeffamu. Efreem Yihudaatti hin hinaafu,Yihudaanis Efreemitti diina hin taʼu.+ 14  Isaan karaa dhihaatiin irraan gadeewwan* Filisxeemotaa irratti saffisaan gad ni buʼu;Waliin taʼaniis saba gara Bahaa ni saamu. Isaan Edoomii+ fi Moʼaab+ irratti harka* isaanii ni kaasu,Amoononnis isaaniif ni bitamu.+ 15  Yihowaan galoo* galaana warra Gibxii ni hira,*+Harka isaas Lagicha* irratti ni raasa.+ Hafuura isaa isa waxaluun lageen isaa torba ni rukuta,*Namoonnis kophee isaaniitiin akka ceʼan godha. 16  Akkuma guyyaa Israaʼel biyya Gibxii keessaa baʼetti taʼe,Saba isaa warra hafanii fi achii baʼaniifis+ daandii guddaan+ Asoor keessaa baʼu tokko ni jiraata.

Miiljaleewwan

Ykn., “qajeelummaadhaan.”
Ykn., “leenci saafellii.”
Ykn tarii, “Jabbii fi leenci waliin ni dheedu.”
Ykn., “Saboonni isa ni barbaaddatu.”
Ykn., “jirma mallattoo.”
Jechuunis, Baabiloniyaa.
Ykn., “jirma mallattoo.”
Kal., “gateettii.”
Ykn., “humna.”
Kal., “arraba.”
Ykn tarii, “ni gogsa.”
Jechuunis, Efraaxis.
Ykn tarii, “rukutee lageen torbatti isa hihira.”