Isaayyaas 26:1-21
26 Guyyaa sanatti faarfannaan kun biyya Yihudaa keessatti ni faarfatama:+
“Magaalaa cimtuu qabna.+
Inni fayyinni dallaawwan ishii fi dallaawwan ittisaa ishii akka taʼu godha.+
2 Sabni qajeelaan,Sabni amanamummaa isaa eegu akka seenuuf karrawwan banaa.+
3 Ati warra guutummaatti sitti hirkatan* ni eegda;Isaan waan sitti amanamaniif,+Nagaa wal irraa hin cinne isaaniif ni kennita.+
4 Yaah* Yihowaan Qarsaa bara baraa waan taʼeef,+Bara baraaf Yihowaatti amanamaa.+
5 Sababiin isaas, inni warra magaalaa ol gubbaatti argamtu keessa jiraatan gad buuseera.
Inni gad ishii buuseera,Gara lafaatti gad ishii buuseera,Biyyoo irrattis ishii gateera.
6 Ishiin miilaan ni dhidhiitamti,Miilli isa cunqurfamee, faanni warra rakkatoo taʼaniis ishii ni dhidhiita.”
7 Daandiin nama qajeelaa sirrii* dha.
Ati qajeelaa waan taateef,Daandii nama qajeelaa wal ni qixxeessita.
8 Yaa Yihowaa, yeroo daandii murtiiwwan keetii hordofnutti,Nuti si abdanna.
Maqaa keetiif bakka guddaa kennina, yeroo itti yaadatamu arguufis ni hawwina.*
9 Guutummaan eenyummaa kootii* halkan si hawwa,Eeyyee, hafuurri koo yeroo hunda si eeggata;+Yommuu ati lafaaf murtii kennituttiJiraattonni lafa irraa waaʼee qajeelummaa ni baratu.+
10 Namni hamaan gaarummaan yoo isatti argisiifame illee,Qajeelummaa hin baratu.+
Inni biyya qajeelinaa keessatti illee hammina ni raawwata,+Ulfina Yihowaas hin argu.+
11 Yaa Yihowaa, harki kee ol kaʼeera, isaan garuu isa hin argan.+
Isaan hinaaffaa saba keetiif qabdu arganii ni qaanaʼu.
Eeyyee, ibiddi diinota keetiif qopheessite isaan ni nyaata.
12 Yaa Yihowaa, ati nagaa nuuf kennita,+Sababiin isaas, wanta raawwanne kam iyyuuSitu fiixaan nuuf baase.
13 Yaa Waaqa keenya Yihowaa, gooftolii kan biroonis nu bulchaniiru,+Nuti garuu maqaa kee qofa waammanna.+
14 Isaan duʼaniiru; lubbuudhaanis hin jiraatan.
Duʼaan moʼamaniiru, hin kaʼanis.+
Sababiin isaas, ati haxooftee isaan balleessuu fi maqaan isaanii lammata akka hin dhaʼamne gochuufXiyyeeffannaa kee gara isaaniitti deebisteetta.
15 Yaa Yihowaa, sabicha baayʼisteetta,Sabicha baayʼisteetta;Of kabachiisteetta.+
Daangaawwan biyyattii hundumaas baayʼee balʼisteetta.+
16 Yaa Yihowaa, isaan yeroo dhiphinaatti gara keetti ni deebiʼan;Yeroo isaan adabdettis sagalee isaanii gad qabanii kadhannaa isaanii garaadhaa ni dhangalaasan.+
17 Yaa Yihowaa, akkuma dubartiin ulfaa yeroo daʼuuf jettuttiCiniinsifattuu fi dhiphattee iyyitutti,Nutis sababa keetiin akkasuma taane.
18 Ni ulfoofne, ni ciniinsifannes,Garuu akkuma waan qilleensa deenyee taane.
Nuti biyyattiidhaaf fayyina hin fidne,Biyyattii keessa jiraachuufis namni dhalate tokko illee hin jiru.
19 “Namoonni kee warri duʼan deebiʼanii ni jiraatu.
Reeffawwan koos ni kaʼu.*+
Isin warri biyyoo keessa jiraattan,+Dammaqaa, ililchaas!
Sababiin isaas, fixeensi kee akkuma fixeensa ganamaa ti,*Laftis warri duʼaan moʼaman gara jireenyaatti akka deebiʼan ni gooti.*
20 Yaa saba koo, dhaqi, gara kutaa kee isa keessaatti seeni,Balbala kees of duubaan cufadhu.+
Hamma dheekkamsi* darbuttiYeroo xinnoodhaaf dhokadhu.+
21 Sababiin isaas, balleessaa isaaniitiif jiraattota lafaa adabuufKunoo, Yihowaan iddoo isaatii dhufaa jira,Lafattiinis dhiiga ishii irratti dhangalaʼe ni saaxilti,Warra ishii irratti ajjeefamanis kana booda hin dhoksitu.”
Miiljaleewwan
^ Ykn tarii, “warra yaanni isaanii hin raafamne.”
^ Jechi, “Yaah” jedhu maqaan Yihowaa yommuu gabaabaatti barreeffamu dha.
^ Ykn., “wal qixxaataa.”
^ Jechuunis, Waaqayyoo fi maqaan isaa akka yaadatamu, akkasumas akka beeksifamu.
^ Ykn., “Lubbuun koo.”
^ Kal., “Reeffi koo ni kaʼa.”
^ Ykn tarii, “fixeensa baalaa ti.”
^ Ykn., “warra duʼaan moʼaman ni deessi.”
^ Ykn., “balaaleffannaan.”