Isaayyaas 4:1-6

  • Dubartoonni torba dhiira tokkoof (1)

  • Wanti Yihowaan akka latu godhu ulfina qabeessa taʼa (2-6)

4  Guyyaa sanatti dubartoonni torba dhiira tokko qabanii,+“Nuti nyaatuma ofii keenyaa ni nyaanna,Uffatuma ofii keenyaas ni uffanna;Salphinni* keenya akka nu irraa kaʼuuf,+Maquma keetiin haa waamamnu” jedhu.  Guyyaa sanatti wanti Yihowaan akka latu godhu simbo qabeessaa fi ulfina qabeessa ni taʼa; firiin biyyattiis kooraa fi miidhagina warra Israaʼel irraa hafanii ni taʼa.+  Warri Xiyoon keessa jiraatanii fi Yerusaalem keessatti hafan, jechuunis warri Yerusaalem keessatti jireenyaaf galmeeffaman hundi qulqulloota jedhamu.+  Yihowaan hafuura murtiittii fi hafuura gubutti*+ fayyadamee xurii* ijoollee durbaa Xiyoon yommuu dhiquu+ fi dhiiga Yerusaalem dhangalaaste ishii gidduudhaa yommuu qulqulleessu,  Yihowaan guutummaa naannoo Gaara Xiyoonii fi iddoo walgaʼiiwwan ishii irratti guyyaa duumeessaa fi aara, halkan immoo ifa ibiddaa ni uuma;+ wantoota ulfina qabeeyyii achitti argaman hundumaa irratti gaaddisni ni taʼa.  Kana malees, guyyaa guyyaa yeroo aduun gubdutti gaaddisa akka taʼuuf,+ akkasumas bakka obomboleettii fi bokkaa jalaa itti baqatanii fi eegumsa itti argatan akka taʼuuf godoon tokko ni jiraata.+

Miiljaleewwan

Kun salphina utuu hin heeruminii fi utuu ijoollee hin daʼin hafuudhaan gaʼu argisiisa.
Ykn., “haxaaʼee balleessutti.”
Kal., “bobbaa.”