Isaayyaas 41:1-29
41 “Isin odolawwan nana, callisaatii na dhagaʼaa;*Saboonni jabina isaanii deebisanii haa argatan.
Isaan haa dhihaatan; achiis haa dubbatan.+
Kottaa, murtiidhaaf walitti haa qabamnu.
2 Saboota dabarsee isatti kennuuf,Moototas akka of jala galfatu gochuuf,+Baha biiftuu irraa nama tokko kan kaase,+Qajeelummaadhaan gara miila isaatti* kan isa waame eenyu?
Goraadee isaa duratti biyyootti kan isaan dabalu,Iddaa isaa durattis akkuma galabaa qilleensi fudhatuu kan isaan godhu eenyu?
3 Inni gufuu tokko maleeDaandiiwwan miilli isaa irra ejjetee hin beekne irra deemuudhaan isaan ni ariʼa.
4 Jalqabaa kaasee dhalootawwan sana waamuudhaan,Tarkaanfii kan fudhatee fi kana kan godhe eenyu?
Inni Jalqabaa ana Yihowaa dha;+Warra dhumaatiifis ani isuma.”+
5 Odolawwan sun kana arganii sodaataniiru.
Warri andaara lafaa irra jiraatan hollachuu jalqabaniiru.
Isaan dhihaataniiru, gara fuulduraattis dhufaniiru.
6 Tokkoon tokkoon namaa michuu isaa ni gargaara,Obboleessa isaatiinis, “Jabaadhu” jedha.
7 Ogeessi harkaa, nama sibiila tumu ni jajjabeessa;+Namni burruusaan sibiila batteessusNama boca itti baasuuf sibiila tumu ni jajjabeessa.
Inni, “Sibiilichi akka gaariitti walitti qabsiifameera” jedha.
Akka hin kufneefis mismaaraan rukutameera.
8 “Yaa Israaʼel, ati garuu tajaajilaa koo ti,+Yaa Yaaqoob, ati isa ani filadhe dha,+Ati sanyii Abrahaam isa michuu koo taʼe sanaa ti,+
9 Ati isan andaara lafaatii fudhadhe,+Isan iddoowwan fagoo lafaatii waame sana dha.
Ani akkana siin jedheera: ‘Ati tajaajilaa koo ti;+Ani si filadheera; si hin gatne.+
10 Ani sii wajjin waanan jiruuf, hin sodaatin.+
Waaqa kee waanan taʼeef, hin dhiphatin.+
Ani sin jabeessa, eeyyee, sin gargaara,+Ani dhugumaan harka qajeelummaa koo isa mirgaatiin cimsee sin qaba.’
11 Kunoo, warri akka malee sitti aaran hundi ni qaanaʼu, ni salphatus.+
Warri siin lolan ni barbadaaʼu, ni badus.+
12 Warra siin morkatan ni barbaadda, garuu isaan hin argattu;Namoonni si irratti waraana banan, akka waan hin jirree fi akka waan guutummaatti faayidaa hin qabnee ni taʼu.+
13 Sababiin isaas, ani Waaqni kee Yihowaan, isa harka kee mirgaa qabee,‘Hin sodaatin. Ani sin gargaara’ siin jedhu sana dha.+
14 Yaa Yaaqoob, ati inni raammoo* taate+ hin sodaatin,Yaa namoota Israaʼel, ani isin nan gargaara” jedha Yihowaan inni isin furu,+ Inni Qulqulluun kan Israaʼel.
15 “Kunoo, ani konkolaataa ittiin midhaan siribsiisan,+Meeshaa haaraa ittiin midhaan siribsiisanii fi gar lamaan ilkaan qabu si godheera.
Ati gaarota dhidhiittee ni caccabsita,Tabbawwanis akka habaqii ni goota.
16 Ati isaan ni afarsita,Bubbeenis isaan fudhata;Obomboleettiin isaan bittinneessa.
Ati Yihowaatti ni gammadda,+Isa Qulqulluu kan Israaʼeliin ni boonta.”+
17 “Warri rakkatoonii fi hiyyeeyyiin bishaan ni barbaadu, garuu homaa hin argatan.
Dheebuu irraa kan kaʼe arrabni isaanii gogeera.+
Ani Yihowaan, deebii isaaniif nan kenna.+
Ani Waaqni Israaʼel, isaan hin dhiisu.+
18 Tabbawwan duwwaa taʼan irra lageen,+Dirreewwan sulula keessatti argaman keessattis burqaawwan bishaanii akka yaaʼan nan godha.+
Lafa onaa gara bishaan kuufamaa biqiltuudhaan guutametti,Lafa bishaan hin qabnes gara burqaawwan bishaaniitti nan jijjiira.+
19 Gammoojjii keessatti muka gaattiraa,Muka laaftoo, muka hadaasii* fi muka zayitiin irraa argamu nan dhaaba.+
Dirree gammoojjii keessatti muka birbirsaa,Muka aashii* fi muka gosa gaattiraa nan dhaaba;+
20 Kanas kanan godhu, harki Yihowaa kana akka godhe,Inni Qulqulluun kan Israaʼel kana akka uumeNamoonni hundi akka arganii fi akka beekan,Akkasumas xiyyeeffannaa akka kennanii fi akka hubatan gochuufi.”+
21 “Dhimma keessan dhiheeffadhaa” jedha Yihowaan.
“Falmii keessan dhiheeffadhaa” jedha Mootiin Yaaqoob.
22 “Ragaa dhiheessaa, wantoota raawwatamuuf jedhanis nutti himaa.
Isaan irratti akka xiinxalluu* fi buʼaa isaanii akka beeknuuf,Waaʼee wantoota duraan* raawwatamanii nutti himaa.
Yookiin wantoota gara fuulduraatti dhufan nu beeksisaa.+
23 Isin waaqolii taʼuu keessan akka beeknuuf,Wanta gara fuulduraatti raawwatamu nutti himaa.+
Eeyyee, nuti isa ilaallee akka dinqisiifannuuf,Gaariis haa taʼu hamaa, wanta tokko raawwadhaa.+
24 Kunoo, isin akkuma wanta hin jirree ti,Wanti isin raawwattanis gatii hin qabu.+
Namni isin filatu kam iyyuu jibbisiisaa dha.+
25 Ani kaaba irraa nama tokko kaaseera, innis ni dhufa,+Nama maqaa koo waamu tokko baha biiftuu* irraa kaaseera.+
Inni akkuma suphe dhooftuun dhoqqee suphee dhidhiitutti,Bulchitoota* akka supheetti ni dhidhiita.+
26 Nuti akka beeknuuf, jalqabaa kaasee,‘Inni sirrii dha’ akka jennuufis, yeroo darbe irraa kaasee waaʼee wanta kanaa kan dubbate eenyu?+
Dhuguma iyyuu, namni tokko illee isa hin beeksisne!
Namni tokko illee isa hin labsine!
Namni tokko illee isin irraa homaa hin dhageenye!”+
27 Jalqaba irratti Xiyooniin, “Kunoo, isaan as jiru!” kan jedhe ana dha.+
Gara Yerusaalemittis nama misiraachoo qabate nan erga.+
28 Ani ilaaluu koo ittan fufe, garuu namni tokko illee hin turre;Isaan gidduudhaa namni gorsa kennu tokko illee hin turre.
Deebii akka kennanis isaan gaafachuu koo ittan fufe.
29 Kunoo, hundi isaanii abjuu* dha.
Hojiin isaaniis gatii hin qabu.
Fakkiiwwan isaanii warri sibiila irraa tolfaman* bubbee fi wanta faayidaa hin qabne dha.+
Miiljaleewwan
^ Ykn., “na duratti calluma jedhaa.”
^ Jechuunis, akka isa tajaajiluuf.
^ Jechuunis, of gargaaruu kan hin dandeenyee fi rakkataa.
^ Biqiltuu baalli isaa cululuquu fi abaaboo adii urgaaʼu qabu.
^ Muka guddaa hamma meetira 15tti guddatu. Mukti kun baala magariisaa fi damee daaraa fakkaatu qaba.
^ Ykn., “Akka qalbeeffannuu.”
^ Kal., “jalqaba.”
^ Ykn., “baha.”
^ Ykn., “Bulchitoota gad aanoo.”
^ Ykn., “wanta hin jirre.”
^ Ykn., “Siidaawwan isaanii warra baqfamanii tolfaman.”