Isaayyaas 49:1-26

  • Hojii tajaajilaa Waaqaa (1-12)

    • Ibsaa sabootaa (6)

  • Jajjabina Israaʼeliif kenname (13-26)

49  Isin odolawwan, na dhagaʼaa,Isin saboonni+ fagoo jirtanis, xiyyeeffannaadhaan dhaggeeffadhaa. Yihowaan dhalachuu koo dura* na waameera.+ Yeroon gadameessa haadha tiyyaa keessa ture irraa jalqabee maqaa koo waameera.   Afaan koo akkuma goraadee qaramaa akka taʼu godheera;Gaaddisa harka isaa jalatti na dhokseera.+ Xiyya cululuqfame na godheera;Korojoo xiyyaa isaa keessas na dhokseera.   Inni, “Yaa Israaʼel ati tajaajilaa koo+Isan simboo koo karaa isaatiin argisiisu dha”+ naan jedheera.   Ani garuu akkana nan jedhe: “Akkanumaanan dhamaʼe. Wanta hin jirreef jedhee akkanumaanan humna koo fixe. Haa taʼu malee, dhuguma murtii kan naaf kennu Yihowaa dha,*Gatii* koos Waaqa koo biraan argadha.”+   Ammas Yihowaan inni tajaajilaa isaa akkan taʼuuf gadameessa keessatti na tolche,Israaʼeliin gara isaatti walitti qabuuf jedhee,Yaaqoobiin gara isaatti akkan deebisu natti himeera.+ Ani Yihowaa duratti ulfina nan argadha,Waaqni koo jabina koo naaf taʼa.   Inni akkana jedheera: “Ati tajaajilaa koo kan taate,Gosoota Yaaqoob kaasuuf,Warra Israaʼel keessaa oolanis deebisuuf qofa miti. Kanaa mannaa, fayyinni koo hamma andaara lafaatti akka gaʼuuf,+Sabootaafis ifa godhee si kenneera.”+  Yihowaan inni Israaʼeliin furu, Inni Qulqulluun+ isaa, isa tuffatame,*+ isa sabni jibbee fi isa tajaajilaa bulchitootaa taʼe sanaan akkana jedha: “Yihowaa isa amanamaa+ taʼeen,Isa Qulqulluu kan Israaʼel, isa si filate+ sanaan kan kaʼe,Mootonni arganii ni kaʼu,Bulchitoonnis ni sagadu.”   Yihowaan akkana jedha: “Yeroo fudhatama qabutti* deebii siif kenneera,+Guyyaa fayyinaattis si gargaareera;+Ani sabootaaf kakuu godhee si kennuuf eegumsa siif nan godha,+Kunis biyyattii deebistee akka ijaartuuf,Dhaala isaanii isa one akka isaan dhaalchistuuf,+   Hidhamtootaan, ‘Gad baʼaa!’+ Warra dukkana keessa jiraniinis,+ ‘Of mulʼisaa!’ akka jettuufi. Isaan daandiiwwan bira ni sooratu,Karaawwan dullooman* hundumaa qarqaras bakka dheedichaa ni godhatu. 10  Isaan hin beelaʼan, hin dheebotan,+Hoʼi waxalu yookiin aduun isaan hin miidhu.+ Inni garaa isaaniif laafu isaan ni qajeelcha,+Burqaawwan bishaanii qarqaras isaan ni geggeessa.+ 11  Ani gaarota koo hundumaa daandii nan godha,Daandiiwwan koo warri guguddoonis ol ni kaafamu.+ 12  Ilaa, kanneen kun fagoo irraa,+Kanneen kun, kaabaa fi dhiha irraa,Kanneen kunis, biyya Siiniim irraa dhufaa jiru.”+ 13  Isin samiiwwan ililchaa, atis yaa lafaa gammadi.+ Gaaronni ililchuudhaan haa gammadan.+ Sababiin isaas, Yihowaan saba isaa jajjabeesseera,+Namoota isaa warra cunqurfamanittis gara laafina ni argisiisa.+ 14  Xiyoon garuu irra deddeebitee,“Yihowaan na dhiiseera,+ Yihowaan na irraanfateera”+ jetteetti. 15  Haati takka mucaa ishii isa hoosistu irraanfachuu dandeessii? Ilma ishii isa gadameessa ishii keessaa baʼeef hoo garaa hin laaftuu? Dubartoonni kun yoo irraanfatan illee, ani matumaa si hin irraanfadhu.+ 16  Kunoo, ani barruu koo irratti si boceera. Dallaawwan kees yeroo hundumaa na dura jiru. 17  Ilmaan kee dafanii ni deebiʼu. Warri si diiganii fi si balleessanis si dhiisanii ni deemu. 18  Ol jedhiitii guutummaa naannoo keetii ilaali. Hundi isaanii walitti qabamaa jiru.+ Gara kee dhufaa jiru. Yihowaan akkana jedha: “Lubbuu koo isa jiraataadhaan nan kakadha,Ati akkuma faayaatti hunda isaaniitiin of miidhagsita,Akkuma misirroon gootuttis ofitti isaan maxxansita. 19  Iddoowwan kee kan mancaʼanii fi kan diigaman, lafti kees kan one taʼus,+Amma warra achi jiraatanitti baayʼee ni dhiphatu,+Warri si liqimsanii+ turanis si irraa ni fagaatu.+ 20  Ilmaan ijoolleen kee erga dhumanii booda dhalatan utuma ati dhageessuu,‘Bakki kun baayʼee natti dhiphateera. As akkan jiraadhuuf iddoo naaf kenni’ jedhu.+ 21  Atis garaa keetti,‘Ani dubartii ijoolleen ishii jalaa duʼanii fi dhabduu,*Kan boojiʼamtee fi mana hidhaatti kan galte taʼee utuun jiruu,Abbaan ijoollee kana naaf dhalche eenyu? Ijoollee kana kan guddise hoo eenyu?+ Kunoo, ani kophaatti hafeera,+Maarree, isaan kun eessaa dhufan?’ jetta.”+ 22  Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan akkana jedha: “Kunoo, ani gara sabootaatti harka koo nan kaasa,Gara namootaattis mallattoo* koo nan kaasa.+ Isaan ijoollee dhiiraa kee harka* isaaniitti qabatanii ni fidu,Ijoollee durbaa kees gateettii isaaniitti ni baatu.+ 23  Mootonni eegdota siif ni taʼu,+Ijoolleen durbaa isaaniis guddiftoota kee ni taʼu. Isaan lafatti gombifamanii siif ni sagadu,+Awwaara miila keetiis ni arraabu,+Atis ani Yihowaa taʼuu koo dhugumaan ni hubatta;Warri na abdatan hin qaanaʼan.”+ 24  Warri qabaman nama jabaa harkaa baafamuu dandaʼuu? Yookiin warri cunqursitootaan boojiʼaman gadhiisifamuu dandaʼuu? 25  Yihowaan garuu akkana jedha: “Warri nama jabaadhaan boojiʼaman illee isa harkaa ni baafamu,+Warri cunqursitootaan boojiʼamanis ni gadhiisifamu.+ Warra si morman nan morma,+Ilmaan kees nan oolcha. 26  Warri si cunqursan foon ofii isaanii akka nyaatan nan godha,Isaan akkuma daadhii wayinii miʼaawaatti dhiiga ofii isaaniitiin ni machaaʼu. Namoonni* hundis ani Yihowaa,Fayyisaa kee,+ isa si furuu+ fiIsa Humna Qabeessa kan Yaaqoob+ taʼuu koo dhugumaan ni hubatu.”+

Miiljaleewwan

Kal., “yeroon gadameessa keessa ture irraa jalqabee.”
Ykn., “Yihowaan haqa naaf kenna.”
Ykn., “Badhaasa.”
Ykn., “lubbuudhaan tuffatame.”
Ykn., “Yeroon gaarummaa itti argisiisutti.”
Ykn tarii, “Tabbawwan qullaa taʼan.”
Ykn., “maseena.”
Kal., “qoma.”
Ykn., “jirma mallattoo.”
Kal., “Foon.”