Isaayyaas 7:1-25

  • Ergaa Akaaz Mootichatti himame (1-9)

    • Sheʼaaryaashuub (3)

  • Mallattoo Amaanuʼel (10-17)

  • Miidhaa amanamaa taʼuu diduun geessisu (18-25)

7  Bara Akaaz+ ilma Yotaam, ilma Ooziyaa isa mootii Yihudaa taʼetti, Reezin mootiin Sooriyaa fi Peeqaan+ ilmi Remaaliyaa mootiin Israaʼel, Yerusaalemiin waraanuuf ol ni baʼan; taʼus inni* ishii qabachuu hin dandeenye.+  Achiis, “Sooriyaan Efreemii wajjin tokkummaa uumteetti” jedhamee mana Daawititti himame. Garaan Akaazii fi garaan uummata isaas, akkuma mukeetiin bosonaa qilleensaan raafamanitti raafamuu jalqabe.  Achiis Yihowaan Isaayyaasiin akkana jedhe: “Maaloo, atii fi ilmi kee Sheʼaaryaashuub*+ fiixee ujummoo* bishaan kuufamaa isa olii+ isa daandii guddaa maasii namicha uffata miiccu sanaa biratti argamu irratti Akaaziin argachuuf gad baʼaa.  Atis akkana isaan jedhi: ‘Tasgabbaaʼi. Gufuuwwan gubatanii aaraa jiran lamaan kanaan kan kaʼe, jechuunis Reezin, Sooriyaanii fi ilmi Remaaliyaa+ baayʼee dheekkamuu isaaniitiin kan kaʼe hin sodaatin, garaan kees hin raafamin.  Sababiin isaas, Sooriyaan Efreemii fi ilma Remaaliyaa wajjin taatee akkana jettee si miidhuuf mala qopheessiteetti:  “Kottaa Yihudaa irratti duullee erga ishii hihirree* booda ishii haa qabannu;* ilma Taabeʼelis mootii goonee ishii irratti haa muudnu.”+  “‘Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan akkana jedha: “Malli kun hin milkaaʼu,Hin raawwatamus.   Mataan Sooriyaa Damaasqoo dha,Mataan Damaasqoo immoo Reezini. Waggaa 65 keessatti,Efreem guutummaatti ni caccaba, saba taʼuun isaas ni hafa.+   Mataan Efreem Samaariyaa+ dha,Mataan Samaariyaa immoo ilma Remaaliyaa ti.+ Amantii cimaa yoo qabaattan malee,Jabaattanii hin dhaabbattan.”’” 10  Yihowaan akkana jedhee Akaazitti dubbachuu isaa itti fufe: 11  “Waaqa kee Yihowaa biraa mallattoo gaafadhu;+ innis akka Awwaalaatti* gad fagoo yookiin akka samiitti ol fagoo yoo taʼe illee sitti ni argisiisa.” 12  Akaaz garuu, “Ani hin gaafadhu, Yihowaas hin qoru” jedhe. 13  Achiis Isaayyaas akkana jedhe: “Maaloo, yaa mana Daawit dhagaʼaa. Obsa Waaqayyoo kan qortan, obsa namootaa qoruun keessan isinitti hanqateetii?+ 14  Egaa Yihowaan mallattoo kana isiniif ni kenna: Kunoo, shamarreen* ulfooftee ilma ni deessi;+ maqaa isaas Amaanuʼel* jettee moggaasti.+ 15  Innis yeroo wanta hamaa jibbuu fi wanta gaarii filachuu barutti dhadhaa fi damma ni nyaata. 16  Sababiin isaas, mucichi wanta hamaa jibbuu fi wanta gaarii filachuu baruu isaa dura, biyyi mootota lamaan warri ati sodaatte sanaa guutummaatti ni ona.+ 17  Yihowaan mootii Asoor waan fiduuf,+ yeroo rakkisaa guyyaa Efreem Yihudaa irraa adda itti baʼe+ irraa jalqabee hamma harʼaatti taʼee hin beekne si irratti, saba kee irrattii fi mana abbaa keetii irratti ni fida. 18  “Guyyaa sanatti Yihowaan lageen gara Abbayyaa isa Gibxiitti yaaʼanii fi fagoo jiran irraa tisiisota, biyya Asoor keessaa immoo kanniisota siiqsee ni waama; 19  achiis hundi isaanii dhufanii sululawwan* gad fagoo taʼan irra, ededawwan qarsaa irra, harangamaawwan hundumaa fi iddoowwan bishaanii hundumaa irra ni qubatu. 20  “Guyyaa sanatti Yihowaan haadduu naannoo Lagichaatii* ergifatetti, jechuunis mootii Asooritti+ fayyadamee, mataa fi rifeensa miilaa ni haada; haadduun sun areedas haxaaʼee ni balleessa. 21  “Guyyaa sanatti namni tokko horii keessaa goromsa tokkoo fi hoolota lama lubbuudhaan ni hambisa. 22  Aannan baayʼinaan waan jiraatuuf inni dhadhaa ni nyaata; namni biyyattii keessatti hafe kam iyyuu dhadhaa fi damma ni nyaata. 23  “Guyyaa sanatti bakka mukti wayinii 1,000 meetii sheeqilii* 1,000 itti baasaa ture hundumaatti, harangamaa fi aramaa qofa taʼa. 24  Guutummaan biyyattii harangamaa fi aramaa waan taatuuf, namoonni iddaa fi xiyya qabatanii achi dhaqu. 25  Ati harangamaa fi aramaa waan sodaattuuf, gara gaarota gasoodhaan qulqulleeffamanii turan sana hundumaatti hin dhihaattu; isaanis bakka qotiyyoowwan itti dheedanii fi lafa hoolonni dhidhiitan ni taʼu.”

Miiljaleewwan

Ykn tarii, “isaan.”
“Isa Hafe Qofatu Deebiʼa” jechuu dha.
Ykn., “boʼoo.”
Ykn tarii, “sodaachisnee.”
Ykn., “dallaawwan ishii haa diignu.” Kal., “haa tarsaasnu.”
Ykn., “Siʼoolitti,” jechuunis, bakka ilmaan namootaa hundi itti awwaalaman. Ibsa Jechootaa ilaali.
Ykn., “durbi.”
“Waaqayyo Nuu Wajjin Jira” jechuu dha.
Ykn., “lageen gogaa.”
Jechuunis, Efraaxis.
Sheeqiliin tokko 11.4 g dha. Kutaa Dabalataa B14 ilaali.